Ajjeechaa Jimlaa Hammarreessatti Oromoo Irratti Raaw’ateef Wayyaaneen Waan Harka Isaa Ni Argata !

Ajjeechaa Jimlaa Hammarreessatti Oromoo Irratti Raaw’ateef Wayyaaneen Waan Harka Isaa Ni Argata !

(Ibsa Balaaleffannaa Adda Bilisummaa Oromoo Irraa)

Guyyaa kaleessaa (Fulbaana 15, 2017) ilmaan Oromoo 10,000 ol tahan humna “Liyyuu Poolisii” kan Bulchiinsa Mootummaa Naannoo Somaaleetiin afaan qawweetiin sodaachifamanii qe’ee fi qabeenya ofii dhiisanii baqachuudhaan konkolaataa 80’n fe’amanii godaanuudhaan magaalaa Harar Kaampii Hammarreessaa keessa qubsiifamuun dhagahame. Ilmaan Oromoo qophii fi akeekkachiisa tokko malee haala gaddisiisaa kanaan bultiin isaanii manca’ee baqa irra jirantu ganama har’aa (Fulbaana 16/2017) tajaajila nyaataa, bishaan dhugaatii fi qorciha mootummaa irraa yeroo gaafatanitti mootummaan naatoo dhala namummaa hin qabne kan Ummata Oromoo akka diina innikkaatti ilaalu rasaasa itti roobsuudhaan namoota 10 ol ajjeesee kan lakkoofsi isaanii hanga ammaatti addaan hin baafamin ammoo madeesse.

Ummata nagaa haala kanaan baqa irra jiruuf midhaanii fi bishaan, akkasumas qoricha, uffataa fi tajaajila jireenyaa birootiin dirmatamuufiin osoo barbaachisuu Faallaa kanaa kan mootummaa Wayyaaneetiin Ummata keenya irratti raaw’atame ajjeechaa jimlaa tahuu ABOn gaddaa fi aarii guddaadhaan ibsaa gochaan Wayyaanee kun dhala namaa hundaan kan balaaleffatamuu qabu tahuus hubachiisa.

Wayyaaneen bakka har’aan tana tarkaanfii suukanneessaa kana Ummata keenya irratti fudhate (Hammarreessatti) kanaan duras ilmaan Oromoo dhibbootaan lakkaawaman badii tokkoon maleetti hidhaatti guuree nyaata, dhugaatii fi wal’aansa fayyaa dhorkachuudhaan beelaa fi dhukkubaan hiraaranii akka dhuman taasisuun isaa yaadannoo dhihoo ti. Tarkaanfiin shanyi-duguuginsaa dorgomaa hin qabne kan moootummaan Wayyaanee Ummata keenya irratti raaw’achaa turee fi jiru kanaan Ummatni keenya biyya ofii irratti akka bineensaatti ajjeefamuu fi itti roorrifamuun kan irraa dhaabbatu guyyaa sirna bittaa alagaa (gabrummaa) of irraa darbee, bilisummaa isaa gonfatee, mootummaa ofii dhaabbatee jalatti buluu danda’e qofa tahuu ABOn jabeessee amana.

Kana waan taheef, Caasaaleen ABO kan bakka hundaa, Waraanni Bilisummaa Oromoo kan Zooniilee hundaa, akkasumas, waliigalatti Ummatni keenya kan biyya keessaa fi alaa, karoora diinni keenya nu dhabamsiisuuf baafatee hojiitti hiikaa jiru kana tokkummaa fi gootummaa Oromummaatiin kaanee honggeessuudhaan, mootummaa waggooota 26f Oromoo diina godhatee fixaa jiru kana of irraa kuffisuudhaan nageenyaa fi bilisummaa keenya dhugoomsinee jireenya keenya kan har’aa fi kan hegeree ilmaan keenyaatti iggitii haa goonu ! Ajjeechaa fi roorroo bifa hundaa Ummata keenya irratti raaw’achaa turee fi jiru hundaaf Wayyaaneen waan harka isaan guyyaan itti argatu fagoo hin tahu !

Gadaan Gadaa Xumura Gabrummaa ti !

Injifannoo Ummata Oromoof !

Adda Bilisummaa Oromoo !
Fulbaana 16, 2017