Yakki Waraanaa, Aangoo Siyaasaa Afaan Qawween Dhuunfatan Afaan Qawween Tikfachuuf Jecha Mootummaa PPn Ummata Nagaa Irratti Raawwatamu Kan Daangaa Darbee Dha.

Yakki Waraanaa, Aangoo Siyaasaa Afaan Qawween Dhuunfatan Afaan Qawween Tikfachuuf Jecha Mootummaa PPn Ummata Nagaa Irratti Raawwatamu Kan Daangaa Darbee Dha.

Ijoo Dubbii Adda Bilisummaa Oromoo (ABO)

 

Addi Bilisummaa Oromoo (ABO)n tarkaanfii suukanneessaa waraanni Biltsiginnaa walitti fufiinsaan Oromiyaa keessatti ummata meesha maleeyyii irratti fudhataa ture yeroo irraa yerootti jala bu’ee hordofuun ibsa irratti baasaa turuun ni yaadatama. Waraanni paartii Biltsiginnaa impaayerattii keessatti dhiiga ummatootaa dhangalaasuu hojii guyya guyyaa godhate, ammas marraa biraaf Oromiyaa keessatti ajjeechaa jumlaa ummata siiviilii irratti raawwachuu ABOn mirkaneeffateera.

Akka kanaan, tibbana Giddu-gala Oromiyaa Godina Kibba-lixa Shaggar Tolee keessatti Raayyaan Ittisa Biyyaa jedhamuu fi PPn hoogganamu tarkaanfii suukanneessaa ummata nagaa irratti fudhateen namoota 20 ol ajjeeseera. Kanneen jumlaan ajjeefaman keessaa namoota 20 maqaa isaanii arganne:-

  1.  Nugusee Leellisaa
  2. Addunyaa Gaaddisaa
  3. Dajanee Iddoosaa
  4. Sayidoo Katamaa
  5. Shawulaa Taaddasaa
  6. Xiluu Tasammaa
  7. Muhaammed Bashiir
  8. Asaffaa Jaamboo
  9. Hundee Guutaa
  10. Sabboonaa Kumaa
  11. Nagoo Dabalee
  12. Lammaa Guddataa
  13. Baacaa Guddataa
  14. Dhugumaa Adaraa
  15. Qaallasaa Adaraa
  16. Dhaabaa Wasanuu
  17. Rattaa Qaallasaa
  18. Daraaraa Damee
  19. Mul’ataa Dambalii fi 20. Taaddalaa Kaasayee kanneen jedhaman keessatti argamu.

Kanaan duras Amajjii 21 fi 22, 2024tti Giddu-galuma Oromiyaa Godina Kibba-lixa Shaggaritti waraanni partii Biltsiginnaa dhukaasa irraa jalaan xiyyara nama-maleessa (Dirone), dabalatee boombii summii fe’atee fi meeshaa gurguddaa ummata nagaa irratti dhukaasuun lubbuu ummataa hedduu galaafatanii, kaan madoo fi fayya-dhabeeyyii taasisanii, manneen ummataas ibiddaan gubuu ibsa Amajjii 23, 2024 baasneen ifoomsuun keenya ni yaadatama.

Yakka waraanaa ummata meesha maleeyyii irratti walitti fufiinsaan waggoottan 5n darbaniif ajaja Biltsiginnaan waraanni sirnichaa ummata nagaa irratti raawwataa bahe ABOn akkuma jabeessee balaaleffataa bahe, ajjechaa jumlaa tibbana Kibba-lixa Shaggar keessatti raawwatames gadi jabeessee balaaleffata; duras dhaabbata.

Kanuma waliin gochaa suukanneessaa Biltsiginnaan waraana ummata keenya irratti bobbaasuun lubbuu dhala namaa akka baalaatti harcaasaa jiruu fi qabeenyaa ummataa ibiddaan daaressaa jiru kana, ummatni Oromoo bal’aan, lammiileen Oromiyaa, akka waliigalaatti ammoo ummatootni Itoophiyaa akka dura dhaabbatanii fi balaaleffatan ABOn ammas irra deebi’ee yaamicha dhiheessa.

Xumura irratti, jaarmiyaaleen siviilii, dhaabbileen mirga namoomaa fi hawaasni Idil-addunyaa yakka waraanaa mootummaan paartii Biltsiginnaa biyyattii keessatti raawwataa jiru kana akka dura dhaabbatan akkuma kanaan duraa irra deebinee yaamicha goona.

Injifannoo Ummata Bal’aaf!

Adda Bilisummaa Oromoo

Ebla 05, 2024

Finfinnee