Lubbuu fi Qabeenyi Ummata Nagaa (Meesh-maleeyyii) Tikfamuu Qaba

Baatii Caamsaa/May bara 1991 afaan qawweetiin aangoo mooummaa Itoophiyaa kan dhuunfate TPLF/Wayyaaneen waggoota 26 dabran guutuu deggersa Ummataan alatti afaan qawweetiin Ummatootatti roorrisaa jiraachaa jira.

Murni deggersa Ummataa gonkuma dhabe kun akka Ummatootni cunqurfamoon gamtaadhaan wal gurmeessanii aangoo irraa isa hin buusneef imaammata shiraan guutame kan Ummatoota gidduutti ibidda lolaa qabsiisuudhaan wal ficcisiisuu fi Ummatootni madda rakkoo isaanii kan tahe Wayyaanee dhiisanii akka ofii wal diinomsatan taasisuu dhaabbattummaadhaan hordofaa yoona gahe. Imaammata cubbuudhaan guutame Wayyaaneen hordofu kanaan Ummatootni hedduun kan miidhaman tahu illee kan akka Ummata Oromootti miidhaaf saaxilame garuu hin jiru.Wayyaaneen humna waraana addaa “Liyyuu Poolis” jedhamu kan dhalattoota Bulchiinsa Naannoo Somaalee irraa ijaarame gargaarsa mootummoota Ameriikaa fi Ingiliziitiin leenjisiifatee ijaarrate. Yeroo sanatti barbaachisummaa ijaaramuu humna kanaatiif kan Wayyaaneen akka sababaatti himachaa ture humna Al-Shabaab ittiin of irraa ittisuuf kan jedhu ture.

Haa tahu malee humni kun akkuma ijaarameen dirqama TPLF (Mootummaa Itoophiyaa) irraa itti kennameen bobbaafamee daangaa lafoota Bulchiinsa Naannoo Somaalee fi Oromiyaa tarkaanfatee gara Oromiyaatti cehuudhaan Ummata nagaa Oromoo kan meesha-maleeyyii tahe qe’ee isaa irratti itti duulee ajjeesuu, saamuu fi qe’ee isaa irraa godaansisuu hojii guyyuu taasifate. Humni kun caasaan kallattiidhaan jalatti ijaaramee bobbaafamu Waajjira Bulchiinsa Mootummaa Naannoo Somaalee oggaa tahu sanaan olitti ammoo Damee Qaruutummaa (Intelligence) Wayyaaneetiin hoogganama. Humna kana kan leenjisee, hidhannoo fi dhiheessii barbaachisu hunda guuteefii dirqamaa fi kallattii bobbaa kenneefii Oromoo irratti bobbaasu qondaalota Qaruutee fi Waraanaa ol’aanoo Wayyaanee (Generaalota maqaa fi eenyummaan isaanii ifatti beekamu) akka tahan hundatu beeka.

Addi Bilisummaa Oromoo gochaa badii mootummaa Wayyaanee kana dursee hubachuudhaan Wayyaanees tahe humni Wayyaaneen akka meeshaatti tolfate kun gochaa kana irraa akka dhaabbatan ibsa yeroo adda addaatti baasuun akeekkachiisaa ture. Gochaan humna kanaa Ummatoota gidduutti balaa guddaa geessisuuf kan deemu tahuus ABOn qaamota dhimmi ilaalu hunda hubachiisaa fi dinniinaa har’a gahe.

Yeroo ammaa gochaa humna badii kana irraa kan maddeen Ummatoota Oromoo fi Somaalee kan obbolummaa dhiigaa qaban gidduutti ilaalchi diinummaa uumamee naannoolee Bulchiinsa Mootummaa Naannoo Somaalee fi Oromiyaa tokko tokkotti (Jijjigaa, Awwadaay…) lubbuun namoota nagayaa (meesha-maleeyyii) gar-maleetti ajjeefamuun mudachuu argaa fi dhagahaa jirra. Lafoota Bulchiinsa Mootummaa Naannoo Somaalee fi Oromiyaa bira kuteetis biyya ollaa Somali Land keessatti osoo hin hafin baqattootni Oromoo fi kanneen biroo hacuuccaa mootummaa Wayyaanee jalaa achi baqatan ajjeefamaa fi saamamaa jiraachuun bal’inaan dhagahamaa jira.

Haalli gaddisiisaan kun gara kana caalaa hamaatti akka hin tarkaanfanneef ABOn wanneen armaan gadii kanneen dhimmi ilaaluu hundaaf dhaama/hubachiisa:

  1. Ummatni Oromoo nageenya lubbuu ofii fi daangaa lafa ofiii weerara humna kamii irraayyuu ittifachuun mirga isaa waan taheef waan dandeeytii isaa keessa jiruun tarkaanfii of ittisuu (self-defence) akka itti fufu
  2. Ummatni keenya obboleeyyan isaa kan tahan lammiilee Somaalee dabalatee alagoota Oromiyyaa keessa qubatan (Ummata nagaa/civil) hunda lubbuu fi qabeenya isaaniitiif tika barbaachisu akka godhu
  3. Lammiileen Somaaleetis obboleeyyan isaanii kan tahan ilmaan Oromoo fi alagoota biroo kan lafoota Bulchiinsa Mootummaa Naannoo Somaalee keessa qubatan namoota nagaa (meesha-maleeyyii) hundaaf haaluma wal fakkaatuun tika barbaachisu gochuuf gaafatama seeraa fi seenaatis qabaachuu isaanii akka hubatan
  4. Mootummaa fi Ummatni Somaalee bakka hundaa baqattoota Oromoo fi lammiilee biroo kanneen hacuuccaa mootummaa Wayyyaanee jalaa dheessanii baqattummaadhaan biyya isaanii keessa qubataniif tika barbaachisu hunda akka godhan
  5. Somaaliyaa keessaa naannoo Kismaayyootti deggersa nama Abdii Madoobee jedhamuutiin leenjiin loltummaa Liyyuu Poolisiif kennamu fi deggersi meeshaa lolaa fi gosa hundaa Kismaayyoo irraa Jijjigaatti guuramaa jirus hatattamaan akka dhaabbatu
  6. Lammiileen Somaalees tahan qaamotni biroo hundi wanti beekuu qaban lolli kun kan Wayyaaneen umrii aangoo isaa dheereffachuuf jecha hoogganummaadhaan geggeessaa jiru akka tahee fi akeeka dullacha lafa Oromoo dhuunfachuu humnootni biroo qabanitti dhimma bahuudhaan humna Liyyuu Poolis jedhamu ijaarratee meeshaa godhachuudhaan qabsoo Ummatootni cunqurfamoon Bilisummaa afaan qawweetiin sarbaman deebifachuuf geggeessaa jiran ittiin ukkaamsuuf kan dhimma itti bahaa jiru malee lola Ummatoota gidduu akka hin taane hubachuu qaban
  7. Waan hundaa olitti rakkoon har’a Wayyaaneen Ummatoota Oromoo fi Somaalee gidduutti uumaa jiru kun boru-iftaan Ummatoota Impaayerattii hunda gidduuttis babal’atee haalli eenyu illee dhuunfachuu hin dandeenye akka hin uumamne ittisuufis tahe nagaa waaraa naannoo kanatti argamsiisuuf madda rakkina kanaa kan tahe mootummaa farra Ummatootaa TPLF/EPRDFiin durfamu karaa irraa maqsuutu furmaata maayyii taha. Kana hubachuudhaan Ummatootaa fi humnootni Siyaasaa mootummaa kanaan qabsoo qabaa jirru hundi wal tumsuudhaan kufaatii Wayyaanee shaffisiisuuf akka waliin hojjennu ABOn waamicha isaa hundaaf dabarsa
  8. Hawaasni, qaamotnii fi mootummootni Addunyaa hundi haala yaaddessaa balaa guddaa naannoo kanatti harkisaa jiru kana dammaqinaan akka hordofanii fi kanneen balaa kana naannichatti harkisaa jiran aangawoota mootummaa Wayyaanee fi humna badii isaan ijaarratan “Liyyuu Poolis” gochaa kana irraa akka dhaabbatanii fi badii hanga ammaatti Ummata nagaa irra gaheefis seera duratti akka dhihaatan taasisuu keessatti qooda isaan irraa eegamu akka bahatan ABOn jabeessee gaafata.

Maayyii irratti Addi Bilisummaa Oromoo lubbuu namoota nagaa (meesha-maleeyyii) haala kana keessatti gar-maleetti dabre hundaaf gadda guddaa itti dhagahmu ibsaa, maatii kanneen ajjeefamanii hundaaf jajjabina hawwa. Itti dabaluunis namootaa fi qaamota badii kanaaf itti gaafatamoo tahan (Aangawoota mootummaa Wayyaanee, Ajajootaa fi Miseensota Humna Liyyuu Poolisii fi qaamota Mootummaa Bulchiinsa Naannoo Somaalee kallattiidhaan isaan ajajanii bobbaasan hunda) gochaa isaanii kana dhaabsisuuf fi seera durattis akka dhihaatan gochuuf jabinaan kan hojjetu tahuu mirkaneessa.

Gadaan Gadaa Xumura Gabrummaa ti !
Injifannoo Ummata Oromoof !

Adda Bilisummaa Oromoo
Fulbaana 15, 2017