Dubartootni Fi Daa’imman Oromoo Mirgaan Biyya Isaanii Oromiyaa Irra Jiraachuuf MCBNO Hundeeffachuun Furmaata Waaraati!

Obsi

Dubartootni Fi Daa’imman Oromoo Mirgaan Biyya Isaanii Oromiyaa Irra Jiraachuuf MCBNO Hundeeffachuun Furmaata Waaraati!

Ibsa Damee Dubartootaa Daa’imman ABO Caamsaa 9,2021.

Dhaabni keenya addi bilisummaa Oromoo ABO’n fulbaana 13,2020 waamicha Mootummaa ceehumsa Biyyoolessa Naannoo Oromiyaa waahila qabsoo keenyaa KFOdhaan kan deeggarame Onkoloolessa 8,2020 dhaaba keenya ABO’n labsame ofitti fudhachuu keenya ibsa Akka DDD Ibsa gaafa guyyaa Onkololessa 20,2021 baasne irratti ibsinee jirra Guyyaa gaafa sanaatii kaanee haala itti milkaa’ina MCBNO mirga keenya ni eegsisa jennee waan amanneef itti dhiheenyaan ofitti fudhannee hojjachaa jirra.

Uummata Oromoo fi lammiilee Oromiyaa keessa garbummaa jaarraa tokko fi walakkaa oliif Irra ture jalaa bahanii hiree ofii ofiin murteeffachuu, mirga abbaa biyyummaa deebisanii gonfachuu, Bilisummaa diinaan sarbaman deebifachuuf wareegama qaqqaalii baasaa jiran.

Qabsoo mirga Abbaa Biyyummaaf,Bilisummaafi Wal qixxummaaf Dimokrasiif nagaan keesaa jiraannuu fi mirga dhala namaaf Qeerroon Bilisummaa Oromoo gaggeessaa ture dabalatee Lammiileen Oromiyaa Wareegama lubbuu kaffalaa turan garee hin malleef harka kufee eegalee waadaan ummata oromoo fi lammiilee Oromiyaaf galame ganamuun yeroo kamuu caalaa lammiilee Oromiyaa biyya isaanii keessa akka hin jiraanneef dararaa irra gahaa dararaa kana hundeen Damee Dubartootaa fi Daa’imman Oromoo kamuu caalaa hundeeffamni MCBNO nageenya keenyaaf amansiisaa tahuu itti amanna.

Nuyis akka Damee Dubartootaa fi Daa’imman ( DDD )ABO itti ibsa koreen Mootummaa Ceehumsaa Naannoo Oromiyaa gaafa caamsaa 8,2021 baase qabxiilee 7 guutummaa guutuutti fudhachuu keenya qabxiilee armaan gadiitiin bsina.

1, Fulbaana 30 A.L.H irraa ka’ee nageenya dhabuun keenya mootummaan gadaa isaa fixate jira jedhan dhugaa tahee argine. paartileen morkattootaa gurguddoon Oromiyaa ABO fi KFOn keessa qooda hin qabne dirqiidhaan ,lammiilee Oromiyaa kaardii filannoo fudhattan malee jechuudhaan ,hidhaa,ajjeesaa,darara hamaa irraan gahaa jiraachuun isaa mirga dubartootaa fi daa’imman keenyarratti dhibbaa hamaa uumaa jiraachuuf DDDtti MCBNO furmaata waaraa tahuu itti amanna..

2, Saamicha, doorsisa ,reebicha, hidhaa fi ajjechaan deeggartoota ABO fi KFO akkasumas lammiilee Oromiyaa irratti yeroo kamuu caalaa dararaan qaama Mootummaa bulchiinsa isaa fixateen irra gahaa jiru kun hafee Nagaa fi tasgabbiin Oromiyaa keesaatti lammiilee Oromiyaa argamsiisuuf MCBNO furmaata jennee amannee galma gahumsa isaafis hojjechaa jirra.

3, Dubartootni hawwanii fi Daa’imman (shamarran) Oromiyaa keessatti yeroo kamuu caalaa gudeeddii fi hidhaa qaama hidhataniin irratti raawwachaa jiramu kana hundeen furuuf dubartiin Oromoo biyya ishee keessa sodaa fi bir’annaa malee nagaa akka jiraattuuf MCBNO furmaata.Dubartoota Daa’imman fi lammilee Oromiayaatiif ijaaramuun MCBNO keessaa qooda keenya bahachaa jirra.

4, Mirga dubartootni Hawaasummaa fi Diinagdeeniin ijaaramuuf mirga wal qixxummaa saalaa mirkaneessuun dubartoonni hoggansa keessatti beekumsaa fi fedhii dhaan akka hirmaannaa qabaatan MCBNO taasisuuf nu baraadchisa.

Injifanno Ummata Bal’aaf!

Damee Dubartootaa fi Daa’imman (DDD) ABO.

Caamsaa 9,2021

Finfinnee ,Oromiyaa.