Du’aan Boqochuu Koloneel Aliyyii Cirrii Ilaalchisee


(Ibsa Gaddaa Adda Bilisummaa Oromoo Irraa)

Qabsaawota ilmaan Oromoo angafootaa fi gameeyyii keessaa tokko kan tahan Koloneel Aliyyii Cirrii Sadaasa 11, 2017 du’aan boqotan. Addi Bilisummaa Oromoo du’aan boqochuu gooticha Koloneel Aliyyiii Cirriitiin gaddi itti dhagahame guddaa tahuu ibsa.

Qabsoon diddaa gabrummaa fi falmaa mirga Abbaa-biyyummaa Ummatni Oromoo sirna gabroomfataa alagaa dachii ofii, Oromiyaa irraa buqqisuuf geggeessaa turee fi jiru seenaa dheeraa qaba. Bu’uuref-famuu Dhaaba keenya Adda Bilisummaa Oromoo dura Ummatni Oromoo jaarmaya gaaddisa tokko jalatti akka Sabaatti isa ijaaree qabsoo isaa hoogganu qabaachuu baatus naannoo naannoo isaatti bifa adda addaatiin yeroo gara garaatti sirna gabroomfattuu alagaa irratti fincilee mirga Abbaa-biyyummaa isaa falmachuu irraa duubatti hin jenne.

Qabsoo bifa kanaan Ummatni keenya geggeessaa ture keessaa qabsoon hidhannoo kan diddaa gabrummaa fi falmaa mirga Abbaa-biyyummaa Ummatni Oromoo 1960moota keessa gooticha Generaal Waaqoo Guutuutiin hoogganamee Kibba Baha Oromiyaa, Baalee keessatti geggeessaa ture isa guddichaa fi sochiilee dhaloota Adda Bilisummaa Oromoo maddisiisan keessaahis isa tokko.

Sadaasa 11/2017 Addunyaa kana irraa du’aan kan boqotan Kononeel Aliyyii Cirrii gootota muratoo yeroo sanatti qabsoo sana hoogganaa fi geggeessaa turan keessaa tokko, Godina Baalee Ona Dalloo Mannaa Ganda Cirriitti bara 1922 Abbaa isaanii Obbo Cirrii Jaarraa fi Haadha isaanii Aadde Badheessoo Miinaa irraa kan dhalatan Koloneel Aliyyii Cirrii goota miidhaa fi roorroof hin jilbeenfanne nama ijoollummaadhaan fincilee sirna nafxanyaa irratti finciluun akka danda’amu warra karaa agarsiisan keessaa tokko. Koloneel Aliyyiin oggaa du’aan boqotan manguddoo umriin ganna 95 fi Abbaa ijoollee 42 (dhiira 20 fi dubara 22) akka turanii fi ilmaan isaanii kanas Haadhotii Warraa isaanii 4 wajjin akka horatan seenaan jireenya isaanii ni mul’aisa.

Sirni awwaalchaa Koloneel Aliyyii Cirrii guyyaa kaleessaa (Sadaasa 14, 2017) Ona Madda Walaabuu Ganda Maddaatti kan argamu iddoo awwaalcha gootota hiriyoota isaanii kanneen akka Jeneraal Waaqoo Guutuu fi Koloneel Aadam Jiloo biratti kabajaadhaan raawatame.

Addi Bilisummaa Oromoo du’aan boqochuu Koloneel Aliyyii Cirriitiin gadda guddaa itti dhagahame irra deebi’ee ibsaa, maatii fi firoottan isaaniitiif jajjabina hawwa.

Injifannoo Ummata Oromoof !
Adda Bilisummaa Oromoo