Nageenyaa fi Jireenya Gaggeessitootaa fi Qondaalota ABO Mana Hidhaa Paartii Badhaadhinaa Keessatti Daraaramaa Jiran Ilaalchisee Ibsa ABO

 

Nageenyaa fi Jireenya Gaggeessitootaa fi Qondaalota ABO Mana Hidhaa Paartii Badhaadhinaa Keessatti Daraaramaa Jiran Ilaalchisee Ibsa ABO

Miseensonni, Gaggeessitoonnii fi Qondaalonni Siyaasaa ABO humnoota tikaa Paartii Badhaadhinaan butamanii hidhamanii jiran Mana Murtiitiin walaba, akka gadhiifaman kan ajajamee ture yoo ta’e illee, hanga har’aatti mana hidhaatti dararamaa jiru. Erga Jaal Battee Urgeessaa Ebla 09/2024 haala suukanneessaan ajjeefamee booda, ummanni Oromoo fi maatiin yaaddoo ulfaataa keessa seenanii jiru. Humnoonni mootummaa waggoota shanan darban keessatti Onoota, gandootaa fi Godinoota Oromiyaa hundumaa keessatti yakkoota suukanneessoo ta’an hammana jechuun ulfaataa ta’e raawwatanii jiru. Humnoonni tikaa Paartii Badhaadhinaa kunniin lammiilee Oromiyaa keessumaa ammoo dargaggootaa fi gaggeessitoota siyaasaa irratti fuuleffachuudhaan gocha ajjeechaa, butanii dhabamsiisuu fi hidhaa osoo addaan hin kutin raawwachaa turan. Kanaafis ajjeechaa suukanneessaa fi rifaasisaan Hacaaluu Hundeessaa, Abduljabbaar Huseen, Mo’iboon Baqqalaa fi Battee Urgeessaa irratti raawwatame isaan ijoo dha.

Mootummaan geggeessitoota ABO Finfinnee fi naannicha keessaa dhabamsiisuudhaaf karoora akka qabu ABOn odeeffannoo amanamaa qaba. Kanumaan walqabatee Addi Bilisummaa Oromoo miseensota isaatiif, keessumaa ammoo kanneen mana hidhaatti dararamaa jiran, kanneen akka:

  1. Abdii Raggaasaa – Miseensa Koree Hoji-Raawwachiiftuu ABO
  2. Mikaa’el Booran – Miseensa Koree Hoji-Raawwachiiftuu ABO
  3. Kennesaa Ayyaanaa – Miseensa Mana Maree Biyyaalessaa ABO
  4. Lammii Beenyaa – Qondaala Siyaasaa Olaanaa ABO
  5. Gadaa Oljirraa – Bulchaa Waajjira Muummee ABO
  6. Daawwit Abdataa – Qondaala Siyaasaa Olaanaa ABO
  7. Gadaa Gabbisaa – Qondaala Siyaasaa Olaanaa ABO
  8. Girmaa Xirunahi – Geggeessaa Warraaqsa Qeerroo, waggoota torban darbaniif osoo mana murtiitti hin dhihaatin mana hidhaatti dararamaa jira.

 

Addi Bilisummaa Oromoo waa’ee nageenya hidhamtoota kanneeniif yaaddoo ulfaataa keessa seenee jira. Kanaaf, Dhaabbileen mirga namoomaa, Dhaabbati Mirga Dhala Namaa, Amineesti Internaashinaal, Komishinii Mirga Namoomaa Itoophiyaa, UN fi Gamtaa Afrikaa dabalatee akkasumas hawaasni idi-addunyaa geggeessitootaa fi qondaalota keenya waggoota arfan darbaniif mana hidhaa Paartii Badhaadhinaa keessatti dararamaa jiran duukaa bu’anii akka nuuf hordofan dhaammanna.  Akkasumas dhaabbileen biyya keessaa fi idil-addunyaa, qaamoleen mirga dhala namaa fi namoonni nagaa jaallattan lubbuu fi jireenya gaggeessitoota keenya mana hidhaatti dararamaa jiranii, miseensotaa fi qondaalota keenyaa baraaruudhaan biyyattii badiisa irraa akka hanbiftan gaafanna.

 

Ummanni Oromoos of eeggannoo, dammaqiinsaa fi kutannoo akka qabaatu cimsinee gorsina. Tokkoo tokkoon ilmaan Oromoo fi lammiileen Itoophiyaa hundi sochii, nageenya hoggantoota isaanii fi miseensota hawaasa isaanii miidhuuf karoorfatan kam iyyuu akka hordofan waamicha goona. Lammiileen Oromiyaa gocha hammeenyaa dhala namaa irratti raawwatamu kam iyyuu aka mormanii fi balaaleffatan Addi Bilisummaa Oromoo gadi jabeessee dhaama. Haalli amma jiru kan itti fufu taanaan, ABO fi Dhaabotni Siyaasaa

Oromoo gara tarkaanfii of irraa ittisuutti ce’uuf kan dirqaman ta’uu hubachiisuu barbaanna.

 

Injifannoo Ummata Bal’aaf!

Adda Bilisummaa Oromoo

Ebla 14/2024

Finfinnee