Ajjeechaa Jaal Battee Urgessaa Irratti Raawwatame Ilaalchisee ‘Qorannoo’ jedhameef Addi Bilisummaa Oromoo Yaaddoo Guddaa Kan Qabu Ta’uu Ibsa

Ajjeechaa Jaal Battee Urgessaa Irratti Raawwatame Ilaalchisee ‘Qorannoo’ jedhameef Addi Bilisummaa Oromoo Yaaddoo Guddaa Kan Qabu Ta’uu Ibsa

Ibsa Adda Bilisummaa Oromoo

Dararaa, ajjeechaa seeraan alaa, dhabamsiifamuu fi hidhaa jumlaa dabalatee dhiittaa mirga namoomaa gita hin qabne ummata isaa irratti raawwatamaa turee fi jiru irratti karaa nagaa qabsaa’aa kan ture qondaalli keenya jaallatamaa fi fakkeenyummaa gaariin beekamaan Jaal Battee Urgessaa dhabuun ummata keenyaaf ergaa ifa ta’e dabarsee jira. Yeroon amma keessa jirru yeroo kam iyyuu caalaa lubbuun jiraachuun falmitoota mirga Oromoo dammaqoo balaa hamaa keessa jira.

Addi Bilisummaa Oromoo gaaga’ama kanaaf osoo gaddaa jiruu, qorannoon ajjeechaa raawwatame ilaalchisee gama mootummaan labsame ragaan loogiin guutame, ragaalee dhabamsiisuu, odeeffannoo dogoggoraa irratti kan hundaa’e waan ta’eef, jalqabuma irraa amanamummaa akka hin qabne agarsiiftuu hedduu ta’uun isaa yaaddoo guddaa kan namatti ta’uu dha. Addi Bilisummaa Oromoo  ABOn, kanneen armaan gadii ilaalchisee odeeffannoo amanamaa qaba:

  1. Jaal Battee Urgessaa Hoteela Abbabee Girazmaach jedhamuu, kutaa qabatee ture keessaa tika mootummaatiin fudhatame,
  2. Wayita hoteela keessaa harkisanii baasanii deeman garmalee reebaa waan turaniif, baay’ee iyyaa ture,
  3. Eegduun Nageenyaa/Waardiyaan Hoteelichaa gocha kana argaa ture ragaa akka hin taaneef butamee/dhabamsiifamee ykn ajjeefame,
  4. Humnoonni Nageenyaa uffata waraanaa uffatan kunniin Jaal Battee konkolaataa irratti fe’anii gara naannoo balfaa/kosii geessuun konkolaataa keessaa harkisanii harka isaa dugdatti deebisanii hidhanii dhuma irratti deddeebisanii rasaasa itti roobsanii kan ajjeesan ta’uu namoonni naannoo sanaa arganii jiru. Namoonni naannoo sanaa bineensaan akka hin nyaatamneef halkan sana gootummaan reeffa Jaal Battee eegaa turan humnaan butamaniiru ykn ajjeefamaniiru.
  5. Gareen ykn namoonni dhuunfaa mootummaa naannichaa fi Paartii Badhaadhinaa waliin kallattiin walitti dhufeenya qaban ajjeechaa kana waldhabdee maatii waliin walqabsiisuuf shira xaxaa jiru. Dhimma kana ilaalchisee qaamni dhimmi ilaallatuun Adda Bilisummaa Oromoo (ABO)f akka gabaasetti, gareen qorannaa Komishinii Poolisii Oromiyaan, Godina Shawaa Bahaa, Magaalaa Maqiitti gaafa guyyaa Ebla 11, 2024 hundeeffame gochaawwan nama saalfachiisan/gocha qaanfachiisaa seera addunyaa, naamusa siyaasaa, safuu fi aadaa Oromoo cabsan raawwachaa jira. Miseensi maatii tokko humnoota nageenyaa waliin tumsee harka miseensa maatii isaa dugdatti hidhee konkolaataa irra kaa’ee gara naannoo fagootti geessee wayita humnoonni nageenyaa rasaasa 11 itti roobsan garaa jabaatee dhaabatee ni ilaala jechuun gonkumaa waan hin yaadamne. Magaalattiin qaamni sadaffaan kam iyyuu ajjeechaa kana akka gaggeessuuf buufata nageenyaa fi hordoffii cimaa jala akka jirtus beekamaa dha.
  6. Waggoota shanan darban keessa ajjeechaan falmitoonni siyaasaa, aadaa fi mirga namoomaa karaa nagaa qabsaa’anii fi namoota nagaa irratti erga raawwatamee booda, akkaataa itti dhimmi isaanii ‘Qorannoo” jedhamee raawwatamaa ture dhugaa fi haqa argamsiisuu waan hin dandeenyeef, ammas qorannoo walabaa loogii tokko malee haqa ifa baasuu danda’u argachuuf carraan hin jiru.

Waan kana ta’eef, ajjeechaa Jaal Battee Urgessaa irratti raawwatame ilaalchisee “Qorannoo” jedhamee kan labsame jalqabuma irraa eegalee ragaa dhabamsiisuudhaan, odeeffannoo dogoggoraa kennuuu fi duula odeeffannoo sobaa itti yaadanii tamsaasuutiin danqamaa kan jiru ta’uu ammas irra deebinee hubachiisuu barbaanna. Dhaabbileen mirga namoomaa, Dhaabbati Mirga Dhala Namaa, Amineesti Internaashinaal, Komishinii Mirga Namoomaa Itiyoophiyaa, UN fi Gamtaa Afrikaa dabalatee akkasumas hawaasni dippilomaasii qorannoon walabaa loogii tokko malee akka gaggeeffamuuf tumsa akka taasisan waamicha goona. Baay’innii fi amalli meeshaalee waraanaa mootummaa yeroo ammaa aangoo qabatee jiruu, kan gocha yeroo Shororkeessummaa Diimaa sirna Dargii waliin wal fakkaata.

Ummanni Oromoo of eeggannoo, dammaqiinsaa fi kutannoo akka qabaatu cimsinee gorsina. Tokkoon tokkoon ilmaan Oromoo fi lammiileen Itoophiyaa hundi sochii nageenya hoggantoota isaanii fi miseensota hawaasa isaanii miidhuuf karoorfatan kam iyyuu akka hordofan waamicha goona. Lammileen Oromiyaa gocha hammeenyaa dhala namaa irratti raawwatamu kam iyyuu aka mormanii fi balaaleffatan ABOn gadi jabeessee dhaama.

Ummanni Oromoo Oromiyaa fi addunyaa mara jiraatu karaa danda’ame hundaan karaa nagaa fi seera qabeessa ta’een gocha hammeenyaa fi  jal’inaa kana  dura akka dhaabbatu, mormuu fi balaaleffatu cimsinee gaafanna.

 

Injifannoo Ummata Bal’aaf!

Adda Bilisummaa Oromoo

Ebla 14, 2024

Finfinnee