Tokkummaa fi Bilchina Irreecha 2017 Irratti Agarsiisne Bilisummaa Keenyaaf Haa Oolchinu

Tokkummaa fi Bilchina Irreecha 2017 Irratti Agarsiisne Bilisummaa Keenyaaf Haa Oolchinu

(Ijoo Dubbii ABO) — Diinni waloo nuti (Oromoon) akka Sabaatti qab -nu humna weerartuu alagaa kan afaan qawweetiin biyya teenya (Oromiyaa) dhuunfatee mirga biyya teenya irratti abboomuu (Walabummaa) nu sarbee dha. Humnoota weerartuu alagaa dhufaa-dabraan yeroo gara Jaarraa tokkoo fi walakkaatti dhihaatuuf Oromiyaa irratti wal jijjiiraa har’a gahan keessaa tokko kan tahe murni Wayyaanee (TPLF) kanneen isa dura turan hunda irraa haala adda taheen Saba keenya Oromoo addatti baasee akka diina innikkaatti ramaduudhaan gochaan diinummaa irratti raaw’achaa turee fi jiru kan yoom illee seenaan hin dagannee dha. Diinummaa Oromoo Wayyaaneen labsatee waggaa 26f itti jiru ABO Ummata Oromoo hubachiisuu irraa yeroon itti haara galfate hin jiru.

Wayyaaneen/TPLF imaammata diinummaa Saba keenya irratti hordofaa turee fi jiru kana qaama Saba keenyaa kan tahan ilmaanuma Oromoo keessaa namoota muraasa gowoomsaa, doorsisaa fi dantaa dhuunfaa xixiqqoodhaan sobee of maddii hiriirsuudhaan hojiitti hiikaa har’a gahe. Imaammatni shiraa fi cubbuu kan Oromoo Oromoodhaan cabsanii itti roorrisaa humnaan biyya isaa irratti abbaa of taasisanii jiraachuu kun garuu kana booda umrii dheerachuu akka hin dandeenye bilchinaa fi tokkummaan Oromummaa Irreecha 2017 kan Hora Harsadii irratti qabsoo hadhooftuudhaan agarsiisne mallattoo cimaa dha. Kun Injifatnoo QBO argamsiisaa deemuu dha.

Ayyaanota gurguddoo fi bebbeekamoo Impaayera Itoophiyaa keessatti waggaa waggaan kabajaman kanneen akka Irreechaa, Ayyaana Cuuphaa (Ximqata), Iida Ramadaanaa, Mesqel, Faasikaa…kkf. keessaa kan humna waraanaa fi meeshaa lolaa gurguddaa Helikoptera dabalateen  marfamee geggeeffamaa ture Irreecha Oromoo qofaa dha. Humni tika Wayyaanee kumaan lakkaawamu bobbaafamee ilmaan Oromoo kumootaan lakkaawaman waggaa waggaan sababaa malee hidhuu fi kaanis ajjeesuun Irreecha qofa irratti malee Ayyaana kam irrattuu hin mul’atu. Addummaan kunis mootummaa Impaayera Itoophiyaa bulchu biratti Oromoon akka lammii biyyattiitti osoo hin taane akka diinaatti kan ramadamee jiru tahuu isaaf ragaa guddaa fi mul’ataa dha.

Irreechi 2016 Hora Harsadiitti ayyaaneffatame humna waraana Wayyaanee kan lafoo, mechanized fi qilleensaatiin marfamee geggeeffamuu fi maqaa Federaalaatiin Wayyaanee/TPLF bifa barbaade hundaan harka keessa naqachuun isaa mormii kaaseen Ummata keenya nagaa irreeffachuuf bahe irratti loltoota Wayyaaneetiin rasaasni roobsamee lubbuun namoota 1000 olitti tilmaamamu (kan daa’imman, shamarranii fi manguddoon keessatti argaman) galaafatame. Fixinsi kun bara baraan sammuu Oromoo keessaa kan haqamuu fi irraanfatamuu hin dandeenye dha.

Irreecha bara kanaa (Irreecha 2017) garuu qabsoo cimaa bilchinaa fi hafuura tokkummaa Oromummaatiin namootaa fi qaamota abbootii dhimmaa hedduu hirmaachisuudhaan taasifamee fi wareegama qaalii baafameen Wayyaaneen/TPLF hanga barbaade akka harka keessa hin naqanne dirqisiisuudhaan tohannaa isaa xiqqeessuu fi laaffisuun danda’meera.

Akkanaanis Irreechi 2017 Hora Harsadiitti ayyaaneffatame marii fi hoogganummaa manguddootaa fi Abbootii Gadaatiin, eegumsa humna Foolleetiin, walumaagalatti Aadaa Sirna Gadaa fi abbummaa Ummataatiin dhuunfatamee waan geggeeffameef guutummaattis tahuu baatu harka irra guddaa nagaa fi gammachuudhaan xumuramuun isaa waan hunda keenya boonsuu fi gammachiisu tahee jira.

Bilchinaa fi hafuura tokkummaa Oromummaa kan Irreecha bara kanaa irrattii fi daangaa Oromiyaa ittisuu, akkasumas, namoota keenya gara jabinaan Somaalotni jireenya irraa buqqisaniif dirmatuuf  agarsiisne kana tikfannee, ofii fi walii keenya irratti abdannee fi wal amannee, fedhii matayyaa fi kan murnaatiin olitti fedhii fi dantaa waloo Saba keenyaa isa guddicha kan tahe Gaaffii Bilisummaa ummata keenyaaf dursa kenninee yoo waliin tarkaanfanne guyyaan diina waloo keenyaa (humna weerartuu alagaa) of irraa buqqisnee biyya teenya irratti nagaa fi bilisummaadhaan of bulchinee jiraannu fagoo hin tahu.  Kanaafis ABO wareegama feesisuu fi qooda isaa ol aanaa tahe kennuu akka itti fufu mirkaneessa.

Gadaan Gadaa Xumura Gabrummaa ti !

Injifannoo Ummata Oromoof !

Onk. 03, 2017