Hiriiraa Nagaa Bahuun Mirga Waa Ibsachuu Ilmi Nama Qabu dha


Qaama Warraaqsa Biyyoolessaa Fincila Xumura Gabrummaa Waggootaaf itti fufiinsaan jiruu kan tahe hiriirri nagaa guddaan torbee dabrerraa kaasee Oromiyaa godinaalee adda addaatti bifa haaraan finiinaa
akka jiru beekkamaa dha.

Akkuma hiriira mormii bakkoota birootti deemaa turee Kaaba Shaggarittis hiriirri akkaan bal’aan Sulultaarraa hanga Gabragurraachaatti Onkoloolessa 16, 2017tii kaasee nagaan gaggeeffamaa ture. Ummanni gaaffi mirgaa karaa nagaatiin dhiyeeffachuun kan isa dallansiise mootummaan wayyaanee Onkolooleessa 17, 2017 ganama waraana isaa ergama shororkeessummaa itti kenne Goojjam irraa Konkolaattota 30 guutuu duubaan fidee humnaan ummata naannichaatti bobbaase.

Gaaffii isaa karaa nagaa dhiyeeffataa kan ture ummanni, humnoonni waraanaa kunneen lammiilee irratti akka hin dhukaafne akeekkachiisa kennuun hiriira isaa itti fufe. Haa tahu malee, Onkoloolessa 18, 2017 Ona Kuyyuutti humnoonni waraanaa wayyaaneen bobbaafaman kunneen ummata gaaffii isaa hiriira karaa nagaatin dhiyeeffatuun ala balleessaa homaatuu hin raaw’atin irratti dhukaasa roobsudhaan namoota 7 ajjeesuun kanneen 6 caalan ammoo madeessan. Kanatti dabalees Gabragurraachattis waraanni sirnichaa tahe jedhee balaa ibiddaa kan elektiriikaa kaasuun hiriira ummanni nagaan gaggeessu shororkaatti jijjiiruuf duule. Kanaanis magaalaan gubachuun gaaga’amni qabeenya irratti fi akka biraattis gahaa jira.

Duulli humnoota waraanaa, tikaa fi ergamtootaa fakkaataan bakkoota biroottis ifaa fi dhoksaan kan gaggeeffamaa jiru yoo tahu, akeekni isaatis hiriira nagaan deemaa jiruu fi sochii birmadummaaf godhamu duula waraanaatin booressuu akka tahe hubatamuu qaba.

ABOn gaaffii mirgaa gaafachuudhaaf hiriira nagaa ummanni gaggeessu humna waraanaatin booressuuf duula mootummaan wayyaanee bane gadi jabeessee balaaleffata. Qaama fixiinsa waggoota hedduuf Oromoo irratti gaggeeffamaa jiruu tahuus gadi jabeessee ibsa. Kanaaf nagaa jallattootni hundi gochaa kana balaaleffachuutu irraa eegama.

Ummanni keenyas farreeni fi humnoota diinaan bobbaafaman, kan falmaa isaa booressuu fi danquu dhaaf duulan hunda bilchina, tooftaa hedduutti dhimma bahuuni fi gootummaa dhaan dura dhaabbatee akeeka qabsichaa galiin gahuuf tokkummaa fi murannoo caaluun akka sossohuu itti fufu ABOn dhaamsa dabarsa.

Gadaan Gadaa Xumura Gabrummaa ti!
Injifannoo Ummata Oromoof!
Adda Bilisummaa Oromoo
Onkoloolessa 18 bara 2017