Waan Hin Jijjiiramne Irraa Jijjiirama Hin Eegnu

Waan Hin Jijjiiramne Irraa Jijjiirama Hin Eegnu

(Ijoo Dubbiii ABO Onkoloolessa 18, 2017)

Miidiyaa Wayyaanee irraan olola shiraan guutame kan jijjiirama fakkeeffamee yeroo yeroodhaan lallabamuu jalqabe kana osoo hin alanfatne akka hin liqimsine Ummata keenya hubachiisna. OPDOn jijjiirama fiduuf akka waan bilisa taatee tokkotti olola itti fakkeessii hafarfamaa jiru kanaan osoo hin dogoggorre Ummatni keenya galii qabsoo isaa kan tahe Mirga Abbaa Biyyummaa isaa harkatti galfatuuf bayyanootaa fi ciminaan, akkasumas, tokkummaadhaan akka socho’u gadi jabeessinee dhaamna.

Wayyaaneen jaarmaya farra-dimokraasii ti. Eenyummaan Wayyaanee kun waan laaftuutti jijjiiramuu danda’u akka hin taane moyxannoon ganna 26 bareechee waan agarsiisee jiruuf yeroo ammaa dhugaa kana namni hin hubanne jira hin fakkaatu. Waggoota 25 dura Wayyaaneen uumama isaa kan farra dimokraasii tahe kana irraa (Dhiibbaa hawaasa addunyaatiinis tahe dogoggora ofii irraa barachuudhaan) jijjiiramuu danda’a abdii jedhuun Wayyaanee waliin hojjetanii rakkina siyaasaa naannoo kanaa furuuf humnootni yaalan hedduu dha. Haa tahu malee, Addi Bilisummaa Oromoo sana duras maalummaa Wayyaanee hojiidhaan lafa irratti waan beekuuf gama isaatiin humna kamuu wajjin nagaadhaan hojjetanii rakkoo siyaasaa naannichaaf furmaata waaraa fiduu haalli dandeessisu yoo dhugumaan mijaawe itti hirmaachuuf qophii tahuu isaa ibsachaa fi eenyummaa Wayyaanees warra hin beekne biratti saaxilaa yoona gahe. Wayyaaneen ammoo uumama isaa kan farra-mirga ummataa fi dimokraasii irraa  jijjiiramuu akka hin dandeenye kanneen hubataniif himaa bahame. Akkuma xiinxala ABOtti eenyummaan Wayyaanee kanneen hubatuu bubbulanii fi kanneen osoo beekanii haalan jiraatan illee farra umamtaa, dimokrasii fi nagaa tahuun amma hundaaf ifa tahaa dhufe jennee amanna.

Bara Wayyaaneen humnaan mootummaa qabsiifamee kaasee ABOf, Ummata Oromoofis tahe Ummatoota cunqursaa Wayyaanee jalatti kufan hundaaf filmaatni tokkichi hafe ijaaramanii karaa danda’ame hundaan irratti qabsaawuudhaan humna farra dimokraasii fi farra nagaa naannichaa tahe kana (humna TPLF/EPRDF) humnaan gatiittii Ummatootaa irraa buusuuf qabsaawuu  qofa tahe.

Dhugaa kana tolchee hubachuudhaan, Ummata barsiisee ijaaruu fi hidhachiisuudhaan Ummatni akka mirga isaa qabsoodhaan kabajsiifatu taasisuu irratti hanga Adda Bilisummaa Oromoo kan hojjete hin jiru. Galata ABO fi Ummata Oromoo kan mirga ofii kabajsiisuuf gootummaa fi cichoominaan qabsaawee, har’aan tana Wayyaaneen eenyummaan isaa kan farra-ummataa, dimokiraasii, farra-bilisummaa fi nageenyaa tahe hunda biratti saaxilamee Ummatoota hundaan jibbamee tufamuu bira taree qabsoo Ummatootni mirga ofii kabajsiifachuuf geggeessaniin(keessattuu Qabsoo Bilisummaa Oromootiin) akka hin dandamannetti haleelamee afaan boollaa irra gahee jira. Mirgaa fi injifannoon kun qabsoo haqaa Ummatootaan (keessattuu ammoo qabsoo hadhaawaa dargaggootni Oromoo addatti fi ummanti Oromoo Dhaaba isaa ABO faana hiriiree geggeesseen) kan argamee dha.

TPLF/Wayyaaneen sadarkaa irra gahe kana(kufaatii isaa kan hin oolle) hubachuu fi irraa baaraguudhaan of dandamachiisuuf diraamaa shiraa hojjechuuf yaaluu irraa hanga du’ee awwaalamutti hin dhaabbatu. Diraamaa kanas ergamtoota isaa kanneen tahan miseensota dhaabota kaayyoo isaa ittiin galmaan gahachuuf ofii isaatii bibixxilee (gantoota Saba irraa dhalatan gananii garaa isaaniif bulan) gariitti dhimma bahuudhaan hojiitti hiikuuf tattaafachaa jira. Isaan kun ammoo yakkaa fi saamicha qabeenya Oromoo keessatti kanneen TPLF waliin qooda oolaanaa qabanii dha.  Dhaabota waahillan TPLF tahan keessaa sab-boontota kumaan lakkaawaman kanneen jijjiirraa qabsoon Ummatootaa fidaa jiru deggaranitti hudhaa fi gufuu guddaa warri tahan kanneen akkasii tahuun nama hin falamsiisu.

Dhaabota Wayyaaneen kaayyoo isaa ittiin galmaan gahachuuf tolfate keessaa tokko kan tahe OPDO keessa sab-boontotni ilmaan Oromoo kan roorroon Saba isaanii irra gahu isaan laalessuudhaan roorroo kana Saba isaanii irraa dhaabsisuuf hawwii qabanii fi jijiirama ABO fi ummatni itti jiru akka milkaawu kan hojjetan kumootaan akka turanii fi jiran dhokataa miti. Isaan akkasii caalaatti jajjabeeffamuu fi hammatamuu akka qaban, qabaa fi eeggannoon feesisu godhamuufii akka qabuu wal hubachiisuu feesisa. Isaan kun humnaa fi miiltoo falmaa bilisummaa ti. Hiriira qabsaawotaa keessatti hammatamanii Kaayyoo Bilisummaa Ummata keenyaa galmaan gahuuf waliin tarkaanfachuun dirqama qabsoo tahuu amanuudhaan ABOn kana irratti jabinaan hojjechaa har’a gahe. Fuul-duraafis kun daran ciminaan irratti hojjetama.  Mooraa qabsoo Oromoo fi tokkumman Oromoos hundeen akkasitti qabsoo irratti waliin falmuun, waliin wareegamuu fi dhiiguun qofa ijaarama jennee amanna.

Haa tahu malee, OPDOn akka jaarmayaatti wal qabatee ajaja TPLF jalaa of bilisoomsee Dhaaba dantaa Saba Oromoo tiksuuf hojjetuu fi Dhaaba jijiirama fidu tahee as baha jedhanii hawwuu fi abdachuun ykn. OPDO irraa waan akkanaa eeguun eenyummaa Wayyaanee fi hoogganoota OPDO kanneen samichaa fi yakkaan Wayyaaneetti hidhatanii jiranii wallaaluu fi gowwummaa taha.

Waan taheef Ummatni keenya Wayyaanee fi ergamtoota isaa kanneen amma illee irra keessaa OPDO Wayyaanee jalatti korkodanii hidhanii sab-boontota OPDO keessa jiranitti illee gufuu guddaa tahanii jiran akkuma sirna Wayyaanee miciliqsee irra taruudhaan galii isaatti tarkaanfatuuf akka hojjatu hubachiifna.

Ummatni keenya OPDO kan Wayyaaneen akka jaarmayaa siyaasaatti eenyummaa fi ilaacha ofiitiin/Wayyaanummaadhaan cuuphee tolfate keessaan jijjiiramni wahii as bahuu mala jedhee abdachuun dogoggora seenaa guddaa tahuu beekee ololaa fi diraamaa bifa kamiinuu fi qaama kamiinuu tolfamu irraa ijaa fi gurra cufachuudhaan ofii fi walii isaa qofa irratti abdatee jaarmayaa isaa jabeeffachuudhaan qabsoo bifa hundaan itti jiru dacha dachaan finiinsuudhaan humna farra nagaa naannichaa, farra dimokiraasii fi diina ummatoota hundaa tahe kana (TPLF) of duraa kaasuu fi  maqsuuf murannoodhaan socho’uun daandii filmaata biraa hin qabne tahuu ABOn gadi jabeessee hubachiisa.

Hubachiisa kana irra dhaabbatuudhaan, Miidiyaa Wayyaanee irraan olola shiraan guutame kan jijjiirama fakkeeffamee yeroo yeroodhaan lallabamuu jalqabe kana osoo hin alanfatne akka hin liqimsine Ummata keenya hubachiisna. OPDOn jijjiirama fiduuf akka waan bilisa taatee tokkotti olola itti fakkeessii hafarfamaa jiru kanaan osoo hin dogoggorre Ummatni keenya galii qabsoo isaa kan tahe Mirga Abbaa Biyyummaa isaa harkatti galfatuuf bayyanootaa fi ciminaan, akkasumas, tokkummaadhaan akka socho’u gadi jabeessinee dhaamna.