Oromoota Walloo Irratti Lolli Qindaawaan Banamuun Lubbuu fi Qabeenyi Badaa Jiraachuu Ilaalchisee Ijoo Dubbii ABO

Oromoota Walloo Irratti Lolli Qindaawaan Banamuun Lubbuu fi Qabeenyi Ummataa Badaa Jiraachuu Ilaalchisee

Ijoo Dubbii ABO – Amajjii 24, 2023

Kaaba Oromiyaatti lolli qindaawaan mootummaa naannoo Amaaraatiin ummata Oromoo irratti banamuun lubbuun lammiilee nagaa badaa jira. Manaa fi qabeenyi Oromoota Walloo manca’aa fi saamamaa jira. Oromoonni Walloo bulchiinsaan Oromiyaa irraa citanii naannoo Amaaraa jalatti bulaa jiraachuun ni beekama. Yeroo adda addaattis duulli hamaan mootummaa naannoo Amaaraa fi federaalaatiin qindaa’e, ummata kana irratti balaa lubbuu fi qabeenyaa dhaqqabsiisaa tureera. Haalli weeraraa kun osoo hin dhaabbatin ykn furmaata hin argatin har’a gahee jira. Ammas haaluma kanatu Oromoota Walloo irratti raawwatamaa jira. Amajji 21, 2023, Kaaba Oromiyaa, Godina Walloo Ona Jiillee Dhummuugaa keessatti humni addaa Amaaraa meeshaalee waraanaa gurguddaatiin qonnaan bultoota Oromoo irratti lola banuun lubbuu namoota nagaa fi siviilii hedduu bal’eesseera. Manaa fi qabeenya ummataas mancaaseera.

Lolli qindaawaan kun humna addaa Amaaraa fi garee Faannoo jedhamuun kan geggeeffamaa jiru yoo tahu, kan lolicha qindeessee ummata ficcisiisaa jiru mootummaa naannoo Amaaraa ti. Quba qabeenya mootummaa naannoo kanaan ala wanti Walloo keessatti ta’aa jiru hin jiru. Mootummaan naannoo Amaaraa humna addaa Amaaraa, Faannoo fi miliishaa Amaaraa, kaabinoota godinaa fi onoota Godina Kamisee walitti qindeessuun qonnaan bultoota Oromoo waraanaa jira. Caasaaleen mootummaa federaalaas yoo dhoksaadhaan hidhattoota Amaaraa gargaaruu tahe malee nageenya ummata Oromoo Walloo eeguuf carraaqqii godhee hin beeku. Inumaahu mootummaa naannoo Amaaraa gargaaree yeroo adda addaatti ummata Oromoo Walloo kan ficcisiisaa jiru mootummaa federaalaa tahuun ni beekama.

Osoo caasaaleen nageenyaa mootummaa federaalaa jiruu ummatni kun irra deddeebiin weeraramee jumlaan ajjeesamaa, qabeenyii fi manneen isaa gubataa akka ture ragaa hedduu dhiheessuun ni danda’ama. Kun kan mul’isu mootummaan federaalaa nageenya ummata kanaa tiksaa akka hin jirree dha. Har’as kanumatu ta’aa jira. Lola qindaawaa kanaan guyyoota sadan darbanitti qonnaan bultooni Oromoo Walloo 65 ol tahan qe’ee isaanii keessatti ajjeefamaniiru. Guyyaa kaleessaa, Amajji 23, 2023 qofa namoonni 39 kan maqaan isaanii beekame hidhattoota mootummaa naannoo Amaaraa kanaan ajjeefamaniiru. Kanneen rasaasaan rukutamanii madaa’anis baay’ee dha. Kanneen kumaan lakkaawaman ammoo qe’ee isaanii irraa buqqa’aniiru. Manneen ummataa hedduunis qabeenya keessa jiru waliin gubateera.

Amajjii 23,2023 Oromoonni Walloo Finfinnee irraa gara san imalaa turan, naannawa Shawaa Roobit bakka Karra Jajjabaa jedhamutti, waraqaa eenyummaa isaaniitiin adda baafamuun namootni 16 konkolaataa keessaa buufamanii haala suukanneessaa taheen ajjeefamaniiru. Lolli kun ammatti gandoota baadiyyaa fi magaalota Ona Jiillee Dhummuugaa keessatti babal’atee itti fufee jira. Ganda Wasan Qurqur, Kollaash, Allaalaa Dirriic, Qundee, Waaccuu, Baalcii, Walakkoo, Goodaa, Magaalaa Axaayee fi Sambatee keessatti lola kanaan lubbuun namoota baay’ee darbee, namoonni hedduun miidhamanii, akkasumas manaa fi qabeennyi ummataa hedduun manca’eera. Kanneen dhibba tokkoo ol tahanis madaa’aniiru. Dhàabbileen fayyaa tohannoo mootummaa naannoo Amaaraa jala waan jiraniifis kanneen madaa’an yaala dhabuun du’aaf saaxilamaa jiru.

Addi Bilisummaa Oromoo (ABO)n weerara seeraan alaa fi ajjechaa jumlaa hidhattootni naannoo Amaaraa fi Faannoo jedhaman Oromoota Walloo irratti deemsisaa jiran kana akkuma arma duraa ammas cimsee balaaleffataa, gocha isaanii bineensumma fi abaaramaa kana irraa akka dhaabbatan gaafata. Kanneen ummata siviilii jumlaan fixanis seeraan gaafatamuu qabuunis ejjennaa ABO ti.

Lola qindaawaa warra babal’ifattoota lafaatiin irratti baname kana dandamachiisuuf ummanni Oromoo bakka mara irraa Oromoota Wallootiif birmannaa gochuu qaba. Addatti ammoo Oromoonni Walloo bakka lolli itti geggeeffamaa jirutti dhiyoo jiran waliif birmachuudhaan wal dhaqqabuu fi wal tumsuun fardii taha. Ummanni Oromoo marti kanneen qe’ee isaa irratti isa waraanuuf itti dhufan kamuu of irraa qolachuuf yeroo hunda of qopheessuun dirqama taha jenna.

Addi Bilisummaa Oromoo (ABO)n, waraana qindaawaa mootummaan naannoo Amaaraa Oromoota Walloo irratti geggeessaa jiru kana ammas irra deebi’ee cimsee balaaleffata.

Injifannoo Ummata Bal’aaf!

Adda Bilisummaa Oromoo

Amajji 24, 2023
Finfinnee, Oromiya