Qe’ee Keenya Irratti Ajjeefamuun Kan Dhaabbatu Qabsoo Bilisummaa Qofaani


Qe’ee Keenya Irratti Ajjeefamuun Kan Dhaabbatu Qabsoo Bilisummaa Qofaani

(Ibsa Adda Bilisummaa Oromoo)

Saamicha qabeenyaa, qe’ee ofii irraa humnaan buqqifamuu, hidhaa fi ajjeechaa dabalatee roorroon TPLF/EPRDF Ummatoota irratti geggeessu akkuma sirnichi tortoraa deemeen guyyuma irraa guyyaatti dabalaa fi hammaachaa dhufuu irraa kan ka’e, roorroo kana of irraa dhaabsisuudhaan mirga ofii kabajsiifa-chuudhaaf qabsoon haqaa Ummatootni Impaayera Itoophiyaa geggeessan, keessattuu, Qabsoon Bilisummaa Oromoo yeroo ammaa kan yeroo kamuu caalaa bal’atee fi jabaatee, Bahaa-Dhiha, Kaabaa-Kibba, magaalaa-baadiyaa, xiqqaa-guddaa fi keessaa-ala osoo hin jenne hirmaannaa Ummataa bifoota gara garaan utubamee galii isaa rukutuuf dhihaatee jira.

Miidhaan murna TPLFiin Ummata Oromoo irratti addatti xiyyeeffatamee raaw’atamaa turee fi jiru kan Ummatoota kaanii caalaa hammaataa tahuu irraa kan ka’e Ummatni Oromoo addatti roorroo dadhabatee obsa fixatee jiraatuu diinaafis firaafis bifa adda addaan ibsataa jira. Dhaadannoon Ummataa “Bilisummaa yookaan Du’a !” kan jedhu tahee jira.

Gama birootiin murni filannoo fi fedhii Ummatootaan alatti afaan qawweetiin aangoo mootummaa dhuunfatee gaaffii Ummatootni mirga isaanii kabajsiifachuuf dhiheessaan hunda hidhaa fi ajjeechaadhaan ukkkaamsaa yoona gahe TPLF gama isaatiin dhugaa lafa irratti mul’atu kana amanee fudhatee furmaata siyaasaa barbaaduuf fedhii fi dandeettii akka hin qabne ifaa dha. Inumaayyuu saamicha, hidhaa fi ajjeechaa daran jabeessee itti fufuudhaan gaaffii Ummatootaa ukkaamsee aangoo irra turuuf ijibbaata maayyii gochuu irratti argama.

Akka kanaan gaaffii mirgaa Ummatootni gaafachaa turanii fi jiran doorsisa, hidhaa fi ajjeechaadhaan ukkaamsuuf yaalii bara aangoo isaa guutuu gochaa ture itti fufee guyyaa kaleessaa (Onkoloolessa 26, 2017) Dhiha Shaggar magaalaa Ambootti humni waraanaa ajaja TPLFiin bobbaafame Ummata nagaa harka qullaa karaatti bahee gaaffii mirgaa gaafate irratti rasaasa roobsuudhaan lubbuun ilmaan Oromoo 10 galaafatamee jira. Dhugaa kana miidiyaalee gurguddoo Addunyaa keessaa tokko kan tahe raadiyoon Sagalee Ameriikaa (VOA) tamsaasa isaa kan Onkoloolessa 26, 2017 keessatti hawaasa naannoo fi qondaalota mootummaa bakka sanatti argaman haasofsiisuudhaan mirkanii isaa gabaasee jira.

Addi Bilisummaa Oromoo ajjeechaa kanaa fi walumaagala gochaa namoomaan alaa TPLF hafuura itti gaafatamummaa tokkoon maleetti (irresponsibly) Ummata keenya irratti raaw’achaa jiru kana gadi jabeessee balaaleffata. Hawaasni Addunyaa hundi, keessattuu, mootummoota Aangawoo Addunyaa warri jedhamanii fi kanneen nagaa jaallatan, sirna dimokiraasii fi Bilisummaa Ummatootaatti kanneen amanan cufti hammeenya TPLF dalagaa jiru kana akka balaaleffatanis cimsee gaafata. Sirni kun gargaarsa isaaniitiin sadarkaa kana gahuuttis gaafatama akka qaban hubachiisa.

Qe’ee keenya irratti mirguma keenya waan gaafanne qofaaf ajjeefamuun kan nu irraa dhaabbatu gaafa Bilisummaa keenya gonfanne qofa. Wareegamni har’a baasaa jirrus gatii Bilisummaa keenyaa ti. Waan taheef, murannoo cimaa fi Dhaadannoo “Qabsoon hanga Bilisummaatti !” jedhu caalaatti haaromsa-chuudhaan Qabsoo Bilisummaa itti jirru tokkummaadhaan finiinsinee humna Bilisummaa keenya afaan qawweetiin nu sarbe (TPLF/EPRDF) dhabamsiisuudhaan Bilisummaa keenya qabsoo keenyaan gonfachuuf bakkayyuu jabaannee haa sossoonu. Gumaa dhiigaa fi lubbuu ilmaan keenyaas Bilisummaa qofaatu baasa !

Gadaan Gadaa Xumura Gabrummaa ti !
Injifannoo Ummata Oromoof !
Adda Bilisummaa Oromoo
Onkoloolessa 27, 2017