Ijoollee Umriin Isaanii Waraanaaf Hin Geenye Lolaaf Qopheessuun Mootummaa PP, Gaafatamni Kan Itti Hin Dhaga’amne Ta’uu Isaa Mul’isa

 

Ijoollee Umriin Isaanii Waraanaaf Hin Geenye Lolaaf Qopheessuun Mootummaa PP, Gaafatamni Kan Itti Hin Dhaga’amne Ta’uu Isaa Mul’isa

Ibsa Adda Bilisummaa Oromoo – ABO

Erga yeroo dhihoo kanaa mootummaan PP bifa haaraan ijoollee umriin isaanii hin geenye dabalatee dargaggoota ganda keessaa adamsuudhaan humnaan gara mooraa leenjii waraanaatti guuruun lolaaf qopheeffataa jira. Daangaan biyyaa diinaan weeraramee, diina of irraa qolachuuf jecha birmannaa lammiilee barbaadu hin turre, hin jirus. Waraanni Itoophiyaa keessatti waggoota shanan darbaniif taasifamaa ture, addatti inni ganna lamaaf Tigraayitti deemsisamee gaaga’ama biyyatti fude, inni naannoo Amaaraa diigaa jiru, inni Oromiyaa dirree dhiigaa taasise, inni guutummaa biyyatti boqqonnaa dhoowwee fi kufaatii itti fide waraana cubbuu murni abbaa irree Biltsiginnaa aangoo isaa dheereffachuuf jecha geggeessee fi ittis jiruu dha. Dhibdee siyaasaa jiru karaa seera qabeessaan furuu irra, warra gaaffii kaasan irratti duuluu filate.

Gochaan abbaa irrummaa “Qurxummii bal’eessuuf madda Bishaanii gogsuu dha” jechuun paartiin Dr. Abiyyii Ahimadiin durfamu godhaa turee fi jiru nagaa ummatoota biyyatti booressuu, lammiilee jimlaan fixuu, hidhuu, qe’ee fi qabeenyaa waliin ibiddaan barbadeessuun impaayira Itoophiyaa dhidhimatti darbate. Mootummaan Abbaa irree Dargii bara bulchiinsa isaa keessatti aangoo isaaf jecha ummatoota biyyattii ibidda waraanaa keessatti korkodee bulchaa tureen, Goolii Diimaa fi Goolii Adii (ቀይ ሽብር እና ነጭ ሽብር) jechuun ummatoota jumlaan ajjeesuu cinaatti, “Namni cuftuu gara adda waraanaatti!” dhaadannoo jedhuun dhumaatiin ummatoota irratti raawwate kufaatii irraa isa hin hanbifne. Bulchiinsi Biltsiginnaas heera biyyattii irraan tarkaanfatee Dargii caalee as bahuun dhiiga ummataan aangoo siyaasaa dheereffachuuf abbalaa jira. Abjuun taankii fi baankii harkaa qabnutti gargaaramnee aangoo dheereffannaa hin dhugoomu. Bifa amma argaa fi dhagahaa jirruun itti fufa fakkii imaammata Dargii kan ta’e sirni PP, daa’imman umriin isaanii 13-15 osoo hin hafne dargaggootaa fi ga’eessota Finfinnee dabalatee guutummaa Oromiyaa fi naannolee Itoophiyaa biroottis humnaan qabuun gara mooraa leenjii waraanaatti guuraa jira. Kanneen kanaan dura dabaan hidhan hidhaa baasuun, naannoo manneen barnootaatii, iddoo hojiitii, daandii irraa, manneen puuliitii, manneen nyaataa dhugaatii fi manneen gurgurtaa adda addaa irraa qabuun humnaan konkolaata irratti darbatanii dirree waraanaa geessuuf akka mooraa leenjii waraanaatti walitti qabaa jiran mirkana.

Haaluma kanaan naannoo Ahmaaraa fi Affaar bakkoota tokko tokkotti, naannolee Kibba Itoophiyaa fi Harariitti, Kaaba Oromiyaa Raayyaa fi Walloo, Kaaba Lixa Oromiyaa Matakkal, akkasumas godinoota Email: olfheadoffice@gmail.com www.oromoliberationfront.org Iluu Abbaa Booraa, Bunnoo Baddallee fi Jimmaa, godinoota Wallaggaa Afran, giddugala Oromiyaa Finfinnee fi godinoota naannawa Finfinnee dabalatee godinoota Shawaa afran, Kibba Baha Oromiyaa godinoota Arsii lamaanii fi Baalee lamaan, Kibba Oromiyaa godinoota Gujii fi Boorana, Baha Oromiyaa Dirre Dhawaa dabalatee godinoota Harargee lamaan keessatti daa’imman ganna 13 hanga nama ganna 55tii humnaan qabanii mooraa leenjitti darbaa jiran. Waraanni mootummaa namoota humnaan qabanii gara mooraa leenjiitti geessaa jiru kana miidhaa gara garaafis saaxilaa jiru. Onoota godina Arsii Lixaa keessaa ilmaan ummataa guuranii gara magaalaa Shaashamanneetti geessaa turan 160 keessaa ijoolleen harkaa bahuuf osoo tattaafatanii 30 kan tahan konkolaataa iirraa utaalanii baqachuuf wayta yaalanitti miidhaan qaama salphaa fi ulfaataan irra gahe hospitaalatti yaalamaa jiran akka fakkeenyaatti kaasuun ni danda’ama.

Godinuma Arsii Lixaa Onoota Adaabbaa, Gadab Hasaasaa, Qoree, Kofale, Dodolaa, Heeban Arsii fi Nageellee Arsiitti daa’imman umriin isaanii waraanaaf hin geenye abboota irraa maallaqa 3,000-10,000 irratti fudhachuun akka gadi dhiisaniif kanneen taateen kun irra gahe ifa godhu. Lixa Oromiyaa Godina Wallagaa Lixaa Onoota Gullisoo, Aayira, Najjoo, Qondaalaa, Begii, Mandii fi Gidaamittis WBO waliin nu lolaa turtan, leenjii waranaa gahaa qabduun kallattiin adda waraanaatti dargaggoota geessaniiru. Godina Jimmaa Onoota hedduu keessattis gaaffii tokko malee dargaggoota humnaan qabuun waraanaatti fe’aa jiru. Kanneen humnaan deemuu didan maallaqa irraa nyaachuu, reebuu, mana hidhaatti darbachuun hiraarsaa jiru. Ona Gaattiraatti gaafa Muddee 25, 2023 abbaa qabenyaa konkolataa Isuzu qabu, Obbo Misbahuu Abbaa Olii konkolaataa keetiin ijoollee ummata keessaa funaantee nu waliin mooraa leenjii geesita ittiin jennaan sababa dideef reebicha hamaa irraan gahuun amma hospitaala Ona Gaatiraatti yaalamaa jira. Dargaggoo Giddii Ma’aaruuf fi dargaggoonni biroo humnaan waan waraanaaf deemuu didaniif warana mootummaatiin reebichi ulfaataan irra gahee hospitaala Gaattiraatti wal’aanamaa jiru.

Kanumaan wal qabatee ogessaa fayyaa hospitaala Gaattiraa Naasir Mahammudiin miidhamuu namoota reebamanii iccitii baste ittiin jechuun RIB mana hidhaa Gaattiraatti darbatanii hiraarsaa jiru. Itti dabaluunis, Abbaa tayitaa humna nama hospitaala Gaattiraa Obbo Amaad Shamsuu sababa ogessa fayyaa isaanii gaafachuu dhaqeef tohannoo jala ooleera. Bifuma walfakkaatuun ittii gafatamaan hospitaala Gattiraa Obbo Imaduddiin Zenuun meedikaalii kuffiftee namoota 64 ol nu harkaa baafte ittiin jechuun gaafatamummaa irraa akka ari’amu godhan. Waraanaanis doorsisamaa jira. Godinuma Jimmaa Ona Nadhii Gibee, ganda Bonayyaa keessaa Mudde 22, 2023 dargaggoota gara mooraa Leenjii waraanaa deemuu didan reebicha ulfaataa irraan gahuun mana hidhaatti darbanii achi keessatti gidirsaa jiru. Kanneen reebamanii fi hidhaatti darbaman maqaan argame keessaa:-

1) Ahmaddiin Abbaa Giddii – umrii 20

2) Diinoo Abbaa Biyyaa – umrii 22

3. Rashaad Abbaa Biyyaa – umrii 22

4) Maanguddoo Obbo Shamsuu (Abbaa Giddii) Abbaa Bulguu kanneen jedhaman keessatti argaman.

Waan taheef, murni Biltsiginnaa aangoo afaan qawween dhuunfate afaan qawween itti fufsisuuf jecha dhiiga ummatootaa waggoota shanan darbaniif dhangalaasaa ture caalaatti dhangalaasuuf amma ifatti, “Ummanni cuftuu gara adda waraanaatti!” kan jedhu dhaadannoo Dargiin qabatee deemaa tureen as bahee jira. Biyyattii daran oobdii lolaa gochuun lubbuu ummataa akka baalaatti harcaasaa jiruu fi qabeenya mancaasaa jiruuf gaafatama seeraa fi seenaa jalaa hin bahu. Xumura irratti ummatni Oromoo fi lammiileen Oromiyaa ilmaan isaanii waraana hiika hin qabnee fi aangoo paartii PP tiksuuf qopheeffamuuf ilmaan isaanii dabarsanii akka hin laanne, haga danda’ametti ilmaan isaaniif eegumsaa fi tika barbaachisu akka godhaniif ABOn hiree kanaan yaadachiisa.

Injifannoo Ummata Bal’aaf!

Adda Bilisummaa Oromoo

Mudde 27, 2023 Finfinne