Gocha Suukanneessaa Ummata Nagaa Irratti Raawwatamaa Jiruuf Kan Itti Gaafatamu Mootummaa PP Dr.Abiyyii Ahmadiin Durfamuu Dha.
Ijoo Dubbii Adda Bilisummaa Oromoo (ABO)


Mootummaan PP yakka namoomaa itti fufiinsaan ummata nagaa meesha maleeyyii irratti raawataa turee
fi jiruuf gafatama seeraa fi seenaa jalaa hin bahu. Ummata nagahaa jumlaan ajjeesuun, mana waliin gubuu
fi ilmaan ummataa humnaan qabuun waraana hin feesifnetti naquun aangoon siyaasaa dheereffatamu hin
jiraatu.

Qurxummii bishaan keessaa bal’eessuuf galaana gosuu dhaadannoo jedhuun waraana hin
xumuramnetti xumura gochuuf ummata nagaa fi meesha maleeyyii lafa irraa duguuguu hojii guyya guyyaa
godhatee itti fufeera. Hojii faashistummaa fi diinummaa ummata nagaa irratti raawwatnaan bishaan gogus,
qurxummiin dhabamus hin jiru.

Badii ummata qulqulluu irraan gahaa jiraniif Biltsiginnaan gaafatama seeraa fi seenaa jalaa hin ba’u. Addi
Bilisummaa Oromoo (ABO)n hojii faashistummaa waraanni mootummaa Dr.Abiy ummata meesha
maleeyyii irratti raawwatu gadi jabeessee balaaleffata; duras dhaabbata.

Maqaa WBO waliin hidhata qabdan jechuun lolli mootummaan Dr.Abiyyii Ahimad waggoota shanan
darbaniif goleelee Oromiyaa cufa keessatti ummata Oromoo irratti banan daran jabaatee itti fufuu isaa
gabaasaalee guyyuu nu dhaqqaban irraa mirkaneeffanneerra.

Akka kanaan, Giddugala Oromiyaa Godina Shawaa Lixaa Ona Abuunaa Gindabarat gandoota hedduu
keessatti waraanni mootummaa PP ummata nagahaa irraatti ajjeechaa jumlaa raawwateera. Muddee 10 fi
11, 2023 Ona Abuunaa Gindabaratitti gandeen Irjaajjoo, Caffee Erer fi Finnootti waraanni mootummaa,
ummata nagaa magaalaa walakkaatti rasaasa itti roobsuun namoota 8 yoo ajjeesan, 3 ammoo
madeessaniiru. Kanneen ajjeefaman kunniinis:

1)
Obbo Guutaa Baay’isaa nama dhukkubsataa sammuun fayyaa hin taane
2)
Obbo Tasfaayee Guddataa umurii 56,
3)
Hirkoo Hombossaa umurii 56
4)
Fufaa Goobanaa umurii 60
5)
Taammanaa Raggaasaa umurii 47
6)
Abarraa Dirribaa umurii 52,
7)
Guutaa Galmeessaa umurii 42 yoo ta’an, namootni 4 eenyummaan reeffa isaanii hin baramin
kanneen biroos keessatti argamu.

Immushee Kabbee umurii 16, dubree Baatuu fi Asaffaa Tarfaasaa umuriin 45 kanneen madaa’an keessatti
argamu.

Muddee 12, 2023ttis Agamsa bakka Qorqobbee jedhamutti osoo bulchiinsi mootummaa jiruu ummanni
nagaan hidhattoota Faannoo sirnichi gadhaabeen jumlaan ajjeefamaniiru. Dargaggoonni Oromoo
Agaamsaa irraa konkolaataa Sinootiraakii tokkoon miidhaan gahe sassaabuuf gara Goojjam Lixaa imalan
Mormor gamatti bakka Qorqobbee (Dhagaa walbaata) jedhamutti namoonni 13 ol ajjeefamaniiru.
Abdallaa Waaqjiraa, Maatiyoos Nugusaa fi Shuumatee Maammoo kan jedhaman keessatti argaman.

Sadaasa 25, 2023 ajjechaan jumlaa Lixa Oromiyaa Godina Qellem Wallaggaa magaalaa Gidaamiitti
waraanni mootummaa Biltsiginnaa ilmaan Oromoo 9 mana amantaa Makaana Yesuus keessaa fuudhuun
ganda baadiyyaa Maleekkoo jedhamutti ajjeesaniiru. Isaanis:

1)
Taliilaa Lammeessaa,
2)
Tolinaa Lammeessaa,
3)
Tammiraat Lammeessaa,
4)
Jireenyaa Dingaataa,
5)
Solomoon Dingaataa,
6)
Qabbanaa Bulchaa,
7)
Siraaj,
8)
Hiikaa Ayyaanaa fi
9)
Geetaachoo Beekkataa kannen jedhamanii dha.
Sadaasa 24 fi 25, 2023 Kibbabaha Oromiyaa Godina Arsii Bahaa Ona Sirkaa gandoota Waajii Raphasaa,
Biduu Baalaa, Heellaa Amajaa, Heellaa Xareetaa, Gallabee Amajaa, Macarraa, Sojjii Saadee, Gallabee
Hulul fi kanneen birootti haleellaa ummata nagahaa irratti taheen, maatii mana tokkoo kan ijoolleen
xixinnoon keessatti argaman dabalatee lubbuun ummata 50 olii galaafatamuu fi manneen hedduun
gubachuu mirkanaa’eera. Kanneen ajjeefaman keessaa kan maqaan nu dhaqqabe:

1)
Usmaan Daawud,
2)
Ibraahim Haaji Issaa,
3)
Sheek Awwal Mohaammad,
4)
Qaasim Ahmad,
5)
Fattash Aloo kanneen jedhaman keessatti argamu.
Sadaasa 25, 2023 magaalaa Dambi Doollootti waraanni PP dhukaasa ummata nagahaa irratti bananiin
lubbuu namoota hedduu galaafataniiru. Kanneen lubbuun dabarte keessaa kan maqaan nu dhaqqabe:

1)
Lalisee Dibaabaa ganda Sayyoo Minkoo,
2)
Lalisee kennaa Danbi Doolloo gan da 05,
3)
Hundattuu Heenok Dambi Doolloo ganda 04 ,
4)
Meskeram Yohannis Danbi Doolloo ganda 05 keessatti argamu.
Sadaasa 24, 2023 Godina Gujii Lixaa Ona Galaanaa ganda Giwwee baadiyaatti ilmaan Oromoo ja’a (6)
haala suukanneessaan ajjeefamaniiru. Kanneen Ajjeefaman:

1)
Maanguddoo Badhaanee Lolee umriin 60,
2)
Nugusee Gannaalee umriin 38,
3)
Bushaa Ataraa umriin 35,
4)
Halakee Hoxxeessaa umriin 35,
5)
Chuuchuu Areerii umriin 26,

6) Taarikuu Miiraa umriin 24 keessatti argamu.

Sadaasa 23, 2023 Kibba Lixa Oromiyaa Godina Buunnoo Beddellee Ona Cawwaaqaa mana barumsaa
Odaa Kanniisaa jedhamu irratti haleellaa xayyaara nammaleessaa (drone) raawwateen barattoota
dabalatee ilmaan Oromoo 52 ol ta’an ajjeesan.

Godina Wallagga Bahaa Ona Haroo Limmuu ganda Sankooraatti dhuma baatii Sadaasaa darbe keessa
waraanni mootummaa qonnaan bultoota kan ta’an namoota saddeet gara jabinaan iddoo tokkotti
ajjeesaniiru. Kanneen ajjeefaman:

1)
Dirribaa Waqgaarii,
2)
Addisuu Walee,
3)
Dojaa Ayyalaa,
4)
Roobaa Dassaalee,
5)
Ibrahim Ahmadii fi
6)
Obbo Magarsaa kanneen jedhaman keessatti argamu.
Tibbuma kana qofa waraanni mootummaa PP tarkaanfii suukaneessaa ummata nagahaa irratti fudhateen,
Kibba Baha Oromiyaa Gidina Baaleetti manneen 109, Arsii Lixaa Ona Gadab Hasaasaa ganda
Hulluuqqoo gooxii Asaabalee jedhamutti gaafa Muddee 5, 2023 manneen ummataa lakkoofsaa 7 tahu
gubaniiru. Arsii Lixaa Ona Qoreettis gaafa Muddee 7, 2023 manneen 11 gubaniiru. Godina Arsii Lixaa
Ona Adabaatti manneen 8, Ona Gadab Hasaasaa Ganda Coofira Shaasheetti manneen 7, Godina Arsii
Bahaatti manneen 14 ol gubaniiru. Akka walii galaatti tibba kana qofa keessaa Godina Kibba Bahaatti
manneen ummataa 156 ol waraana mootummaa PPn gubachuu caasaa keenya irraa mirkaneeffanneerra.

Wal yaadachiisuuf, Hagayya 7, 8, 10 fi 11, 2023 Giddu gala Oromiyaa Lixa Shaggar Onoota Amboo,
Daannoo, Iluu Galaan, Liiban Jaawwii, Midaa Qanyii, Ilfata, Cobii fi Gindabaratitti walduraa duubaan
yakka suukanneessaa ummata nagahaa irratti raawwatan. Fulbaana 08, 2023 Lixa Oromiyaatti dargaggoo
Tamasgeen Dhinaa jedhamu ajjeesuun gatan. Lixa Oromiyaa Godina Wallagga Bahaa Ona Giddaa
Ayyaanaa fi naannootti Fulbaana 13, 14 fi 15, 2023 tarkaanfii suukanneessaa ummata nagahaa irratti
fudhataniin ajjechaa raawwataniiru.

Godina Kaaba Shawaa Ona Warra Jaarsoo gandoota Migiroo Baddeessaa fi Gitoo Milkii jedhamanitti
Onkoloolessa 14, 2023 maqaa deggertoota WBO jedhuun namoota nagaa 20 ajjeesan.

Giddugala Oromiyaa Godina Lixa Shawaa Ona Jalduu ganda Kibeetti Onkoloolessa 15, 2023 sababa
tokkoon ala ummata nagahaa irratti rasaasa roobsuun namoota 20 ol bakka tokkotti fixuu ABOn ibsa
Onkoloolessa 18, 2023 baaseen ifoomsuun ni yaadatama.

Mootummaan Dr.Abiyii Ahimad yakka namoomaa fi ajjeechaa jumlaa itti fufiinsaan ummata nagahaa
irratti raawwataa turee fi jiruuf gaafatama jalaa hin bahu.

Dhaamsa maayiin, hiraarsaa fi hararaafama itti fufiinsaan mootummaan PP ummata keenya irratti
raawataa jiruuf, ummanni Oromoo bal’aan, lammiileen Oromiyaa, sabaa fi sablammoonni, ummatoonni
biyya kanaa dinne didaan dura dhaabbachuu qabu jenna. Hawaasi Idiladdunyaa fi dhaabbileen mirga
dhala namaatiif falman mootummaa Dr.Abiy Ahmadiin durfamu dhiigaa ummataa soorataa jiruu fi
kanaanis aangoo siyaasaa dheereffachuuf abjootu kana gocha isaa irraa akka dhaabbatuuf dhiibbaa gama
isaanii akka godhan Addi Bilisummaa Oromoo (ABO)n waamicha taasisa.

Injifannoo Ummata Bal’aaf!

Adda Bilisummaa Oromoo

Muddee 13, 2023

Finfinnee