Reebicha Ulfaataa, Yakka Namoomaa Yaalii Ajjeechaa (Assassination Attempt) Hooggana ABO Ol’aanaa  fi Gameessa (Senior) Irratti Raawwatame Gadi Jabeesinee Balaaleffanna!

Ibsa Adda Bilisummaa Oromoo (ABO)

Hoogganni ABO miseensi Shanee Gumii Gumii Sabaa ABO duraanii Jaal Dr. Daggafaa Abdiisaa Tuuchoo biyya lammummaan keessa jiraatan Noorwey biyya dimokiraatawaatti mana jireenyaa isaaniitti qaamota ammaaf eenyummaan isaanii hin ifoominiin reebichi ulfaataan yakki namoomaa yaaliin ajjeechaa (assassination attempt) irratti raawwatamuu yeroo dhageenyu rifaatuu guddaatu nutti dhagahame.

Dr. Daggafaa irratti reebichi ulfaataa fi yaaliin ajjeechaa kun ukkaamsitootaan kan raawwatame, Sadaasa 17, 2023 Jimaata ganama keessaa saa’atii 11:00tti mana jireenyaa isaanii keessatti erga ciree nyaatanii booda. Namootni lakkoofsaan Afur (4) tahan ibsaa manaa fi network erga irraa kutanii booda, yeroo Dr.Daggafaan ibsaa manaa ilaaluuf balbalatti gadi bahan, namoota afur keessaa sadii fuula golgatanii uf haguuganii kan jiran yoo tahu, inni tokko ammoo nama adii fulli isaa godaannisa qabu akka tahe barameera. Erga manatti itti seenanii ukkamsanii booda, reebicha hamaa irratti raawwataniin garaan ciibsanii lafa irra harkisuun harka isaanii duubatti micciiranii cabsan. Dhukkubbii itti dhagahameen sagalee dhageessifannaan ukkaamsitoonni kunneen baqatanii akka biraa bahan mirkaneeffanne. Dr.

Daggafaan yeroo ammaa kana akka Hospitaalatti geeffamanii wal’aanamaa jiran caasaan dhaabaa Noorwey nuuf himaniiru. Dr. Daggafaan bara jireenyaa isaanii guutuu barnootaanis ta’e sabboonummaadhaan nama toora duraa turanii dha. Barnootaan hanga sadarka Doktoora eegumsa fayyaa (Medical Doctor) ga’uu irra darbee sadarkaa biyya Itoophiyaa keessatti dhaabbata eegumsa fayyaa isa angafa kan ta’e Hospitaala Leenca Gur’aachaatti hoogganaa Hakiimotaa fi sagantaa eegumsa fayyaa (Medical Director at Black Lion Hospital in Addis Ababa, Ethiopia) ta’anii hojjetaniiru.

Dr. Dagafaa Abdiisaa Tuuchoo sadoo kanaan utuu hin sobamiin yeroo waamichi qabsoo bilisumma Oromoo isaan waamtetti jireenyaa fi taayitaa kana fakkaatuuf utuu dantaa hin kennin WBO waliin bosona Oromiyaa seenanii ogummaa isaaniin qabsoo Bilisummaa Oromoo ABOn durfamutti makamuun miseensa leexaa irraa hanga hooggana dhaabichaatti dirqamoota dhaabni isaanitti laate adda durummaan nama bahataa turanii fi jiran, hooggana dhaabaa akeekaa fi kaayyoo irbuu itti seenan osoo hin sharafne umrii maanguddummaa isaaniittis gumaacha qabsoo isaan irraa eegamu nama taasisaa jiranii dha.

Addi Bilisummaa Oromoo (ABO)n yakka namoomaa reebicha hamaa yaalii ajeechaa hooggana ABO miseensa Shanee Gumii Gumii Sabaa ABO duraanii Jaal Dr.Daggafaa Abdiisaa Tuuchoo irratti raawwatame gadi jabeessee balaaleffata; duras dhaabbata. Taateen fokkisaa fi ulfaataan akkanaa kun kan Dr. Daggafaa Abdiisaa Tuuchoo irratti jalqabe tahuu baatus, ilmaan Oromoo qaroo qarayyoo sabaa tahan kanneen eenyummaa Oromummaa isaanii fi akeekaa

fi kaayyoo ABOtti amanan irratti baroota kanaan duraattillee raawwatamaa tureera. Akka sanaan, Obbo Ejjetaa Fayyisaa 1970tti Kaartum, Sudaanitti, Jaal Dr. Fidoo (Taaddasaa) Eebbaa, Reverend Hassal Blat fi Jaal Taayyee Tafarraa Berlin keessatti 1980tti Bombiidhaan rukutuuf yaalameera.  Jaatanii Ali Nairobitti 1993 tarkaanfii irratti fudhataniin ajjeesaniiru. Jaal Mul’is Gadaa Moqadishootti 2000tti ajjeesan. Bara kanas 2023tti Jaal Dr.Daggafaa Abdiisaa Tuuchoo reebicha ulfaataa irraan gahanii harka isaanii cabsanii yaalii ajjeechaa irraan gahan.

Biyya Dimokiraatawaa Noorwey keessatti lammummaa biyya sanaa kan qaban miseensi keenya ukkaamsitootaan reebichi ulfaataa fi yaaliin ajjeechaa kan irratti raawwatameef sababa ejjannoo ABO qabaniif qofa akka tahetti amanna. Biyya dimokiraatawaa mirgi namoomaa fi mirgi dimokiraasii keessatti kabajamu, abbaan fedhe siyaasa fedhe itti hordofuu danda’u keessatti miseensi keenya qaama ejjennoo isaa jibbuun irratti roorrifamuun, reebichii fi yaaliin sadarkaa ajjeechaa irratti raawwatamuun kun qaamota nagaa jaal’attootaa fi dimokiraasiitti amanan cufaan balaaleffatamuu qaba.

Mootummaan Noorwey biyya isaa keessatti lammii isaanii, miseensa keenya roorriftootaan yakki ulfaataan kun guyyaa saafaa irratti raawwatame qoratee, bu’aa qorannoo isaa akka ifoomsu Addi Bilisummaa Oromoo (ABO)n abdii qaba;  abdiinis eega.

Maayii irratti, yakka namoomaa hamaa, reebicha ulfaataa fi yaalii ajjeechaa (Assassination Attempt) hooggana ABO miseensa Shanee Gumii Gumii Sabaa ABO duraanii Jaal Dr.Daggafaa Abdiisaa Tuuchoo irratti raawatameef, miseensotnii fi deggertootni ABO, akkasumas ummata bal’aa Oromoo keessaa fi alaa dabalatee kanneen nagaa fi dimokiraasiitti amanan hundi akka balaaleffatanii fi dura dhaabbatan waamicha keenya taasifna.

Kanuma waliin, ummanni Oromoo biyya Noorwey jirtanii fi naannawatti argamtan Dr.Daggafaa cina dhaabbachuun miidhama irra gahe irraa akka dandamachiiftan, waan dandeettan cufaan bira dhaabbatan dhaammanna.

 

Injifannoo Ummata Bal’aaf!

Adda Bilisummaa Oromoo

Sadaasa 18, 2023

Finfinnee