Sirni Gadaa Gaaddisa Hin Diigamne Oromoon Cufti Jalatti of Arguu dha!

 

Sirni Gadaa Gaaddisa Hin Diigamne Oromoon Cufti Jalatti of Arguu dha!

 

Ibsa Adda Bilisummaa Oromoo (ABO)


Oromoon saba guddaa hortee Kuush naannawa Gaanfa Afrikaa jiraataa turee fi jiru ummata sirna ittiin bulmaata mataa isaa, kan madda dimokiraasii ammayyaa tahe Sirna Gadaa qabuu dha.

 

Akka maanguddoonni Oromoo himaansaan dhalootaa dhalootatti daddabarsaa turan irraa kan hubannu hundeeffamuu Sirna Gadaan duratti Oromoon gurmuu tokkoomaa fi waliin jireenya hawaasummaa isaa cimsuuf jecha Sirna Angafaa fi Quxisuun wal-bulchaa tureera. Dhawaata dhawaataan garuu Sirna Gadaa hundeessuun caalaatti of ijaaree diina isa weerare of irraa qolatee dachee Oromiyaatti kabaja  horee akka ture seenaa irraa hubachuun ni danda’ama.

 

Haa ta’u malee, Sirni Gadaa Oromoo xumuramuu lola jaarraa 16ffaa irraa eegalee hanga gaafa walakkeessa jaarraa 19ffaatti sababoota dhiibbaa keessoo fi alaatiin dadhabaa dhufe. Itti fufuunis, walakkeessa jaarraa 19ffaa irraa eegalee dhiittaa fi dhiibbaa sirnoota nugusaatiin cabee Gadaan Oromoo inni waloon ture harca’ee golee goleetti gale. Ummatni giddu gala siyaasaa (political centre) Madda Walaabuutti qabaataa turee fi qajeelfamoota jiran cufa achii fudhachuun ittiin wal taliigaa ture dhiibbaa keessoo fi alaatiin adda cite. Madda Walaabuu cinattis humna isaa jabeeffachuun bakkoota garagaraa Mormorii hanga hara Xaanaatti fi Finfinnee dabalatee giddu gala siyaasaa beekkamaa qabaataa tureera.

 

Caffeen tumaa Sirna Gadaa Oromoo inni waloo Madda Walaabuu haa tahu malee, goleelee Oromiyaa cufa keessatti caffee tumaa Sirna Gadaa mataa isaa of danda’e qabaachaa tureera. Isaanis:-

  • Oromoon Giddu-gala Oromiyaa Shawaa Bahaa (Tuulamni) Odaa Nabeetti,
  • Oromoon Giddu-gala Oromiyaa Shawaa Lixaa (Macci) Odaa Bisilitti,
  • Oromoon Kibba-baha Oromiyaa Arsii fi Baalee (Sikkoo fi Mando) Odaa Roobaatti,
  • Oromoon Baha Oromiyaa Harargeen (Ituu fi Humbanna) Odaa Bultumitti,
  • Oromoon Lixa Oromiyaa Wallaggaan (Macci) Odaa Bulluqii fi Makoo Biliitti,
  • Oromoon Kibba Oromiyaa Booranni Gumii Gaayootti,
  • Oromoon Kibba Oromiyaa Gujiin Me’ee Bokkootti,
  • Oromoon Kibba-lixa Oromiyaa Iluun (Macci) Odaa Dooggiitti,
  • Oromoon Kibba-lixa Oromiyaa Jimmaan (Macci) Odaa Hullee fi Baabboo Kooyyeetti,
  • Oromoon Kaaba Oromiyaa Walloon Odaa Gaaradoottii fi iddoo biraattis bifuma walfakkaatuun kanneen argaman karaa Abbaa Muudaan hanga gaafa sirna garboomfataan quunnamtiin waloo adda citutti Sirna Gadaa ititaa, cimaa fi furga’aa qabaataa tureera.

 

Akka kanaan, Sirni Gadaa Oromoo sirnoota abbaa irree dhufaa darbaan dhiibbaan irratti raawwatamaa ture irraa dandamatee har’a wal harkaa fuudhamaa kan dhufe keessaa tokko Gadaa Oromoo Gujii isa Me’ee Bokkoo ti.

 

Addi Bilisummaa Oromoo (ABO) sirni wal harkaa fuudhiinsa Baallii Gadaa 75ffaa Ardaa Jilaa Me’ee Bokkootti raawwachuu yeroo argu gammachuun nutti dhagahame akkaan ol’aanaa dha.

 

Wal harkaa fuudhiinsi Gadaa kun haala duudhaa isaa eeggateen waggoota 600 oliif dhaloota irraa gara dhalootaatti Baallii dabarsaa asiin kan gahe Gadaan Oromoo Gujii, har’a Abbaa Gadaa 75ffaa bira gaheera. Haala kanaan,  Guraandhala 21, 2024 Baallii Gadaa  Abbaa Gadaa 74ffaa Jiloo Maandhoo irraa  Abbaa Gadaa Jaarsoo Dhugoo Abbaa Gadaa Gujii 75ffaa ta’uun baallii fudhaniiru. Gadaa Harmufaa 74ffaan  Abbootii Gadaa Rooboleetii Baallii Gadaa 75ffaa dabarsanii kennaniiru.

 

Gaaddisa Oromoo bara baraa kan tahe Sirni Gadaa ganna saddeet saddeetiin wal harkaa fuudhamu, Gadaan Oromoo Gujii Ardaa Me’ee Bokkootti sirna duudhaa fi safuu isaa eeggateen gaggeeffamuu isaatti irra deebiin Addi Bilisummaa Oromoo gammachuu itti dhagahame ibsata.

 

Haa tahu malee, Gaaddisni Odaa Oromoo guddaan Oromoon jalatti daheeffatu, Sirna Gadaa qabaachuu fi tikfachuun keenya akkuma jirutti tahee, ammas Sirni Gadaa diinaan nu harkatti cabee ture of tahee, of danda’ee tuttuqaa abbootii irree aangoo siyaasaa afaan qawween dhuunfachuun afaan qawween ummata bitaa jiran jalaa bilisa bahee dhaabbata jabaa fi ititaa tahee akka Sirna Bulchiinsaatti labsannee ittiin buluu irra hin geenye. Sirni Gadaa, seenaa qabaachuu fi dhaabbata UNESCO irratti haa galmaahu malee, lafa irratti ifaa fi mul’ataa tahee guutummaa goleelee Oromiyaa keessatti sirna bulchiinsaa ummataaf tajaajila waloo kennuu irraa rarra’ee hanqatee jira. Kanaaf, Oromoon akka sabaatti bu’aalee harka irraa qabu jabeeffataa milkaayinni guddaan argachuu malu akka isaaf hafu dagachuu hin qabu.

 

Maayii irratti, Qabsoon Bilisummaa Oromoo Adda Bilisummaa Oromoon gaggeeffamu, qabsoo dimokiraasii, mirga abbaa biyyummaa, walqixxummaa sabaa fi sab-lammootaa ti. Kanuma waliin ABOn, dimokiraasii haqaa lafa qabsiisuuf qabsoo taasisu keessatti Sirni Gadaa bu’uura dimokiraasii hammayyaa tahuu baree, qabsoo haqaa ummanni keenya rakkoo gama hundaan keessatti kufe keessaa akka bahuuf wareegama barbaachisu cufa kaffalaa tureera; ammas itti jira.

 

Waan taheef, Addi Bilisummaa Oromoo (ABO)n, Sirna Gadaa Oromoo waloon ture diinaan cabee golee goleetti gale bakka turetti deebisuu, duudhaa fi safuu ummata keenyaa bakkatti tiksuun aadaa Oromoo hundeen jabeessuuf hojjata. Itti dabaluunis, ummanni keenya golee Oromiyaa cufa keessa jirtan hundee dimokiraasii hammayyaa kan tahe Sirna Gadaa keessan tikfachuun, waan safuu fi safeeffannaa Oromoo cabsu osoo isin hin dagin, waan keessan jabeeffadhaan dhaamsa keenya. Kanaafi kan Sirni Gadaa Gaaddisa Hin Diigamne Oromoon Cufti Jalatti Of Arguu dha jenneef.

 

Injifannoo Ummata Bal’aaf!

Adda Bilisummaa Oromoo

Guraandhala 21, 2024

Finfinnee