Waliin dhahuu fi dhugaa lafa jiru haaluun aadaa mootummoota Itoophiyaa itti bahi isaa lola dhuma hin qabne, beelaa fi gadadoo argaa jirruu dha Ibsa Adda Bilisummaa Oromoo (ABO)

Waliin dhahuu fi dhugaa lafa jiru haaluun aadaa mootummoota Itoophiyaa itti bahi isaa lola dhuma hin qabne, beelaa fi gadadoo argaa jirruu dha
Ibsa Adda Bilisummaa Oromoo (ABO)

Waltahiinsa Asmaraa ABO fi Mootummaa Itoophiyaa gidduu ture kan diige mootummaa Itoophiyaa kan Dr. Abiy itti mataa tahanii dha. President Lammaa Magarsaa, Dr. Warqinaa Gabayyoo fi ABO gidduutti Hagayya 2018 waliigalteen Asmaraatti tahe. Akka waliigaltee kanaatti hariiroon Qabsoo Bilisummaa Oromoo, ABO fi Itophiyaa gidduu hariiroo lolaa tahuu waliif hubatame. Hariiroon lolaa kun dhumatee hariiroo nagaan gaaffii siyaasaa Itoophiyaa keessatti gaggeeffachuuf irratti waltahame. Kanaafis kan duraa humnootiin hidhatanii jiran humnoota nageenyaa mootummaa Itoophiyaa dabalatee waan tahuu qaban irratti haasawamee waliif galame.

Humnootiin Nageenyaa mootummaa Itophiyaa partii fi garee siyaasaa kamiifuu osoo hin loogne heeraa fi seera biyyattii kabajanii hundaaf tajajiluu, Waraana ABO jalatti ijaaramee jiru WBO kan ilaaluun ABO biyyatti yeroo galu Koree Waloo (Joint Committee) waliin ijaarree sirnaa fi seera addunyaan ittiin humnoota hidhatanii jiran ittiin sirna tokko waliin wal fudhachiisu hordofamee sirna waliin wal fudhachiisuu (integration) xumurra, ABO tahe paartileen siyaasaa biyyattii nagaan socho’anii sagantaa siyaasaa itti amanan danqaa tokko malee gaggeeffatuu irratti wal tahame. Kanatti kan hidhatu ABOn 1992 dabaan dirree siyaasaa keessaa yeroo dhiibamee bahe waajjiroota biyyattii guutuu keessaa qabu kan jalaa cufaman, Waajjira Muummichaa ABO Gullallee dabalatee akka deebi’uuf, akkasumas waajjirootnii fi qabeenyi Waldaa Gargaarsa Oromoo (ORA) kan bara 1996 jalaa cufamee fi saamame akka deebi’uuf waltahame. Isaan kanaa fi qabxiilee kanatti rarra’an biroo hundi waliif galame. Erga galamee waan tahee fi kan ABOn ganame ummatni hundi odeessa isaa guutuu qaba jennee amanna.
Waraana Bilisummaa Oromoo (WBO) irratti lolootni dhaabbataan osooma ABOn Asmaraa irraa hin galle itti fufan. Torban lama keessatti WBO dirree irraa qulleessinaan labsii General Berhanu Julaa fi President Lammaan labsan hundi ni yaadata. Isa kana sirreessuu fi akka waltahiinsa keenyaatti xumuruuf yaaliin karaa dhaabaa fi Abbootii Gadaa godhame bal’aa tahus akkamitti akka fashalan hundi ni yaadata jennee amanna. ABO sochii dhorkame. Waajjirootni bakkoota hedduutti banate humna waraanaa fi poolisaan cufamanii qabeenyi saamame. Waajjira Gullallee keessaa hooggana olaan dabalatee hundi humna poolisiin Finfinnee keessaa baafamanii hanga har’aa namni akka hin seenne poolisiitu waajjira dura taa’ee tiksa.
Hoogganootni dhaabichaa fi qondaalotni siyaasaa ABO Oromiyaa guutuu kan hin hidhamin hin jiran. Dhimma kanaa fi dhugaa jiru koreen Boordii Filannoon utubame qoratee gabaasaa isaa Gumii Waloo Partiilee fi Koree Dimokraasii Paarlamaa biyyattiif gabaasaa galchee jira.

Waajjirootni ABO hanga har’aa cufaa jiru. Qabeenyi isaa akkuma saamametti jira. Kan biyyi beeku hoogganootni ABO waggaa afurii ol hidhaa keessatti dararamaa jiru. Dirreen siyaasaa hundatti dhiphatee, socho’anii hojjatuun waan hin danda’amneef danqaa keessa seenamee jira. Poolisni, waraannii fi milishaan Partii PPn guutuu biyyaa keessatti bobbaafaman lammiilee bakka fedhanitti ajjeessuu, reebuu, saamuu fi manneen irratti gubuu hojii guyya guyyaa godhatanii jiru.
Dhugaa kana haaluuni egaa Muummichi Ministeraa Dr. Abiyi Ahmed kaleessa Guraandhala 06, 2024 Paarlamaa Biyyattiif “ABOn hojii isaa nagaan hojjetaa jira; waltahiinsi diigame hin jiru kkf” jedhanii kan dubbatan. Namoota dhaaba keessaa of baasan yo tahe malee, hoogganootni ABO mootummaa PP waliin aangoo qooddatanii hojiitti jiranis hin jiran.
Itti bahi waliin dhawiinsa siyaasaa mootummoota Itoophiyaa, Itophiyaa lola, deega, beela, buqqa’iinsaa fi kan dhumaatii tahuu seenaa biyyattii fi hoogganoota mootummaa biyyattiitu ibsa. Ammas kunumti itti fufuun ammoo gadda gadda caalu dhaloota ammaa mudatee dha. Kana keessaa akkamitti baanaan didhaa dhaloota kana fuuldura jiru tahuu hundi hubatuu fi ofitti fudhatuu qaba.
Injifannoo Ummata Bal’aaf!
Adda Bilisummaa Oromoo
Guraandhala 07, 2024
Finfinnee