Du’aan Boqachuu Artistii fi Qabsooftuu Haloo Daawwee Abdullaahii Alii Ilaalchisee Ibsa Gaddaa Adda Biisummaa Oromoo (ABO)

 

Du’aan Boqachuu Artistii fi Qabsooftuu Haloo Daawwee Abdullaahii Alii Ilaalchisee Ibsa Gaddaa Adda Biisummaa Oromoo (ABO)

 

Du’aan boqachuu artistii fi qabsooftuu Oromoo Artist Haloo Daawwee yeroo dhageenyutti gaddi keenya akkaan ulfaataa dha.

Artist Haloo Dawwee Abdullaahii Alii Baha Oromiyaa Dirre Dhawaa iddoo addaa Biyyoo Awwaallee jedhamutti abbaa ishee Obbo Daawwee Abdullaahii Alii fi haadha ishee Aadde Faaxee Hasan Yuusuf irraa bara 1950tti dhalatte.

Haloon dhalattee ganna 12tti hojii aartiittii Dr.Kabajaa Alii Birraa faa fakkeenya godhachuun waahillan hojii aartii ishee kanneen akka Gaaddisaa Abdullaahii, Alii Birraa, Alii Shabboo fi kanneen biroo waliin qabsoo artiin akka shoora ol aanaa taphataa turte kanneen itti dhiheenyaan beekan ni ibsu. Hojii aartii hojjachuu keessatti Abdii Qophee walaloo fi yeedaloo barreessuufiin caalmaatti hojii aartiitti akka jabaattu ishee taasise.

Warreen hawwisoo Afran Qalloo keessaa gara Hawwisoo  Biiftuu Biyya Teenyaa jedhamu jalatti ijaaraman keessatti yeroo jalqabaaf miseensa tahuun namoota akka  Abdi Nuur, Qophee Muhaammad Ahmad fi kkf waliin  hojii aartii keessatti warra sagalee hin qabneef sagalee ta’uun sagalee karaa aartiitiin dhageessisaa turte.

Haloo Daawwee sirboota ishee wallee warraaqsaa fi aadaatiin kan beekkamtu dubartoota Oromoo urjiilee qabsoo bilisummaa Oromoo keessaa mul’atan warra seenaa ifaa fi mul’ataa hojjatanii darban keessaa nama tokko. Qooda qabsoo ishee irraa eegamu bahachuun wareegama qaamaa qalbii hanga wareegama lubbuutti of kennuun qabsaawaa turte.  Addatti afaan aartiin bara jireenya ishee keessatti artistii bilisummaa fi walabummaa jechuun gabrummaa balfitee ejjannoo hin daddaaqamneen qabsaawaa turte gootittii seenaa mul’ataa fi ifaa hojjattee darbitee dha.

Ijoollummaa isheen sirboota aadaa fi warraaqsaa weellisuun kan beekamtu, sirnoota abbaa irree Dargii fi EPRDF keessatti dhiibbaa fi roorroo irra gahaa ture doorsisa, hidhaa fi reebichaaf osoo hin jilbeenfatin, obsaa fi murannoo horachuun nama qabsoo Oromootti cichitee as geessee dha.

Artist Haloon sirboota jaalalaa, aadaa fi warraaqsaa hedduu sirbite keessaa, Waallee Warraaqsaa yeroo jalqabaaf Hawwisoo WBO keessatti weelliste, “Waamicha Harmee aayyaa hundaan dhageesisuuf iyyaa natti birmadhaa jetti yaa ilmaan biyyaa haa gumaachu namuu waan dandahaa, Lubbuu wareegaa.., Hamaa fi hamataa koo, Barbaannee wal barra, Yaa WBO, Wal-hora warra keessanii, teessumti guddoon Shagarii baabura yaabbadheen dhufaa na eegi yaa shamarmarii, Ededa jireenyaa fi kkf dha.”

Waggoota 40 oliifis sirboota adda addaa dhuunfaadhaan kaasseta 10, kan namoota garagaraa wajjin weellifte kaaseta 13 yoo qabaattu, walumaagalatti sirboota kaaseta 23 tahan hojjettee jirti. Albama 23 hojjatte keessaa namoonni isheen waliin hojjatte kanneen akka Aadam Haaruun, Almaaz Tafarraa fi namoota biraa akka tahantu himama.

Haloo Daawwee weellistuu qofa osoo hin taane, qabsooftuu qabsoo bilisummaa Oromoo ABOn durfamutti miseensa tahuun hawwisoo Dirree Bahaa kan Abdii Qophee keessatti argamu Hawwisoo Caffee Gadaa miseensi Koree Gidduu ABO yeroo sanaa Jaal Nadhii Gammadaa gadi dhaaban keessatti miseensa tahuun WBO bohaarsuu fi ummata keenya dammaqsuu keessatti qooda guddaa kennaa turte.

Godina Bahaa Dirre Dhawaa naannoo Laga Mixiitti WBOtti makamuun Gaara Mul’ataa, Dadar, Baddannoo fi kkf keessaa socho’uun jaallan hoogganootaa kanneen akka Jaal Galaasaa Dilboo, Jaal Dhugaasaa Bakakkoo, Jaal Burruuysoo Boruu, Jaal Nadhii Gammadaa faa faana ganna 5f turte. Yeroo sanatti Haloon dandeettii waraanaa fi aartii qabduun badhaafamtuu taatee Jaal Nadhii  Gammadaa Pistoola Maakaroof akka badhaase seenaa isheetu hima.

Hawwisoo Caffee Gadaa keessatti waahillan ishee  kanneen akka Usumaayyoo Muusaa, Kadiir Sa’id, Aadam Haruunii fi Gammachiiftuu Ulfoo (Saaafiyaa Aliyyii) faa waliin akka turtes hubatamaa dha.

Bara Afaan Oromoo raadiyoo cabsa jedhamee dhorkaa ture, akka hin cabsine weellisanii diinatti warra mul’isan keessaa Haloo Daawwee ishee angafaa ti. Bara dukkanaa bara Afaan Oromoo sirbuu mitii dubbachuunuu nama yakkisiisu keessa bara 1976 Oromiyaa guutuu irraa yeroo Oromoon kallaattii Afuran irraa Finfinneetti walitti dhufan kanneen  aadaa fi duudhaa Oromoo aartiin ibsuun Oromoo wal agarsiisaa turan keessaa Haloon ishee tokko turte.

Bara bulchiinsa mootummaa abbaa Irree Dargii qabamtee reebamtee hiraarri ulfaataan erga irratti raawwatamee booda, mana hidhaatii bahuun akka lubbuun ishee baraaramtee qabsoo aartii itti fuftuuf hooggannoonni ABO Dirree Bahaa haala mijeesuufiin biyya ollaa Jibuutii fi Somaaliyaa keessatti ganna 7 akka turte seenaan ishee ni hima.

Haloon bara 1974tti abbaa warraa ishee Muhaammad Umar Dhaabii waliin bultii ijaarratanii ijoollee shan (5) durba lamaa fi dhiira sadii kan godhatan yoo tahu, ijoolleen sadii boqotanii dhiirri lama akka jirantu barame.

Erga ABOn dhiibamee Mootummaa Cehumsaa keessaa ba’ees, Haloon baroota sirna abbaa irree EPRDF guutuu dhiibbaa fi roorroo gabroomsaan irraan gahu kamiifuu osoo hin jilbiinfatin bobaa sirnichaa jalatti qobsoo hadhooftuu gaggeessaa turteetti.

Haloon dhibeelee garagaraa baroota dheeraaf irra tureen miidhamuun ishee ifaa dha. Haaluma kanaan osoo wal’aanamaa jirtuu irraa dandamachuu dadhabdee Adaamaa mana jireenyaa isheetti Onkoloolessa 14, 2023 galgala keessa  ganna 73tti addunyaa irraa boqotte.

Addi Bilisummaa Oromoo (ABO)n  du’a sab-boontuu fi qabsooftuu Artist Haloo Daawweetti gadda itti dhaga’ame ibsataa, maatii isheef, firoottan isheef, waahillan isheef akkasumas qabsaawota bilisummaa Oromoo fi mararfattoota ishee hundaaf jajjabina hawwa.

 

Qabsaawaan Ni Kufa, Qabsoon Itti Fufa!

Injifatnoo Ummata Bal’aaf!

Adda Bilisummaa Oromoo

Onkoloolessa 15, 2023

Finfinnee