Cuunfaa Leenjii Adda Bilisummaa Oromoo Caasaa Adda Addaa Marsaa Jahaan Kennamaa Ture

 

Cuunfaa Leenjii Adda Bilisummaa Oromoo Caasaa Adda Addaa Marsaa Jahaan Kennamaa Ture

 Ibsa Adda Bilisummaa Oromoo ABO

Onkoloolessa 11, 2023 | Finfinnee

Itoophiyaa keessatti dirreen siyaasaa hagamuu dhiphaa tahuu fi addatti dhaaba keenya Adda Bilisummaa Oromoo ABOf ammoo qaawwi xiqqaa tahus, haala kamuu keessatti hojii qabsoo itti fufuun dhaabichaaf haaraya akka hin taane waggoottan kurmaana sadan darban ragaa dha. Haala dhiphaa keessatti qabsoo finiinsuunis miseensota ABOf muuxannoo hojii dabalaa kan deemu tahuun deddeebisee kan mul’atee dha.

Adeemsa qabsoo bilisummaa Oromoo fi sochii siyaasaa godhaa jiru keessatti  leenjii ga’umsa hogganootaa, qoondaalotaa, dargaggootaa, shammarranii fi qaama miidhaamtoota caasaa dhaabaa hunda kan of keessatti haammate marsaa ja’aaf gargaarsa maallaqaa Boordiin Filannoo Biyyoolessaa Itoophiyaa addatti dhaabota siyaasaaf ramadutti dhimma bahee ABOnis kan Boordii kana irraa argameen geggeessaa ture milkii miidhagaa fi cululuqaan xumuree jira.

Leenjiilee kana keessatti bifa mariin haala qabatamaa siyaasaa Oromoo, kan biyyaa, kan godina Gaanfa Afirikaa fi Addunyaa irratti marii bu’a qabeessi geggeeffamee, barnootni hubannoo cimsanii fi dabalan kennamaniiru.

Addatti haala qabatamaa ummatni keenya keessa jiru ilaaluun qabsoo jaarmiyaa jabaa, saayinsii fi gahiinsa siyaasaan hegeree biyyaa fi lammiilee Oromiyaaf ifa bilisummaatti bahuuf qabsoo godhamuuf beekumsa dabalee jabina tahutti abdatama.

Kanuma hubannoo keessa galchuun qaamolee adda adda dhimma kana irratti beekumsa qaban afeeruun leenjiin Boordii Filannoo irraa fi qaamolee leenjichaaf gahumsa qabaniin kennamaa tureera. Leenjiileen kunniin dandeettii fi muxannoo miseensotaa fi hogganootaa ol kaasuu keessatti guddaa akka gargaaranitti qindaawan.

Dhuma irratti leenjiin karoorfamee kenname haalaan barbaachisaa tahuu, haalli qabatamaa ummaatni keenya fi dhaabni keenya keessa jiru, karaa waajjiira dhabuun, hogganootni hidhaa jiraachuun, miseensotni dhaabaa bakka bakkatti adamsamuu fi nageenyi waliigalaa yaaddoo tahus, rakkoo qabsoo qabsoon irra aanuun baajeta leenjiif kennamee fi carraa argamanitti dhimma bahuun raawwachuun injifannoo tahuu miseensotni gammachuu isaanii ibsataniiru.

Haallii fi danqaan kamuu Adda Bilisummaa Oromoo ABO qabsoo bilisummaa Oromoo irraa duubatti  akka hin deebisne muratnoo fi cichoomina isaanii hamilee guutuun ibsataniiru.

Injifannoo Ummata Bal’aaf!

Adda Bilisummaa Oromoo

Onkoloolessa 11, 2023

Finfinnee