Gaaaga’ama ulfaataa ummatni keenya saaxilameef kan itti gaafatamu aangoo siyaasaa afaan qawween dhuunfatee kan jiru paartii PP ti. 

 

Gaaaga’ama ulfaataa ummatni keenya saaxilameef kan itti gaafatamu aangoo siyaasaa afaan qawween dhuunfatee kan jiru paartii PP ti. 

Ijoo Dubbii Adda Bilisummaa Oromoo (ABO)

Goolama siyaasaa Oromiyatti dhalchaniin goleelee Oromiyaa cufa keessatti maqaa gara garaa ummata keenyatti moggaasuun hiraarsanii, hidhaa fi rasaasaan jilbiinfachiisuu dadhabnaan, balaa uumamaan irratti aggaamame dhibee fi beela itti jaalachuun gargaarsa barbaachisu gochuufii hanqannaan, ummanni keenya akka jumlaan dhumu kan godhaa jiru mootummaa Biltsiginnaa ti.

Rakkoo beelaa fi dhibee belbeltuu ammaan tana Lixaa fi Kibba Lixa Oromiyaa Onoota hedduu keessatti tahaa jiruuf gargaarsaa fi birmannaan barbaachisu godhameefii ummanni keenya du’a irraa akka hin oolleef kan danqaa itti tahe garee Biltsiginnaa warra “ Qurxummii Balleessuuf Bishaan Gogsuu dha” jedhee dhaadataa turee fi jiruu dha.

Ji’ootaan dura hoongee Baha, Kibba Bahaa fi Kibba Oromiyaa addatti Gujii fi Boorana keessatti taheef ummanni keenya dafee akka hin dandamanneef kan gufuu tahe Biltsiginnaa dha. Ammas Lixa Oromiyaa Godinoota Walaggaa Lixaa, Qeellam Walaggaa, Hoorroo Guduruu Wallaggaa fi Kibba Lixa Oromiyaa Godinaalee Buunnoo Baddallee fi Iluu Abbaa Booraatti ummata dhibee fi beelaaf saaxilameef akka hin birmatamne kan hulaa hunda cufee addatti ammoo gargaarsa dawwaa fayyaa fi nyaataa kuusaatti ukkaamsee irra taahu caasaa Biltsiginnaa onootaa hanga gandootaatti diriirfamanii jiran tahuu ABOn ni amana.

Haala amma mul’ataa jiruun ummanni keenya Lixaa fi Kibba Lixa Oromiyaa balaa dhibee fi beelaa itti aggamame jalaa dandamachuu dadhabee rakkoo ulfaataa keessatti kufeera. Keessaayyuu ummanni keenya Lixa Oromiyaa Godinoota Wallaggaa Afran keessa jiran waggoota shanan darbaniif waraana mootummaan PP irratti bane irraa qotatee gumbii hin qabu, horsiifatee moonaa hin qabu.

Weerara dhibeelee Busaa, Koleeraa, Tiibii, dhibee Sukkaaraa fi kkf saaxilamanii gargaarsaa fi waldhaansa argachuu dhabuu irraa hedduun lubbuun darbeera. Namni kan manaa bahe manatti galuu dadhabee, kan mana jiru manaa bahuu dhadhabee dhalli namaa bakkatti dhumataa jiraachuun hubatamaa dha.

Akka dhaabbilee gara garaa, Ogeeyyii fayyaa fi miidiyaaleen gabaasaa jiranitti Lixa Oromiyaa Godina Walaggaa Lixaa Onoota hedduu keessatti weerarri dhibee Busaa hammaachuun lubbuun namoota hedduu darbeera. Addatti gandoota baadiyaa Onoota kanneen akka Begii, Qondaalaa, Laaloo Assaabii, Baabboo Gambeel, Najjoo, Boojji Coqorsaa, Boojji Birmajii fi Mandiitti dhibee irraa dandamachuu dadhabuun ummatni akka baalaatti harca’aa jira. Mana ciisee kan jiru herreguun ni ulfaata.

Onoota Godina Qeellam Wallaggaa jala jiranii fi Kibba Lixa Oromiyaa Godinaalee Iluu Abbaa Booraa fi Buunnoo Beddelleettis weerarri dhibee Busaa babal’achuun ummata keenya gaaga’ama ulfaataaf saaxilaa jira. Akka gabaasaan dhaabbilee fayyaa irraa argame addeesutti, Lixa Oromiyaa Godinoota 16tti, bulchiinsa magaalota 7 fi Onoota 117 keessatti, Godina Qeellem Wallaggaatti Onoota 12 weeraruun ummanni gaaga’ama ulfaa keessa jiru.

Godina Wallaggaa Lixaa Onoota Qondaalaa fi Beegiitti ummata kuma dhibba sadii fi kuma afurtamii shan  (345,000) keessaa, Ona Qondaalaatti ummtni gandoota 36 rakkoo beelaa fi dhukkubaan rakkachaa jiran kuma soddomii jaha (36,000). Godinuma kana Ona Begii qofatti kanneen beela’an kuma shantama (50,000). Walumaa galatti kanneen bela’anii fi dhibeen qabaman Onoota Begii fi Qondaalaa keessa 86,000 akka tahan ibsameera.

Haala amma dhibeen kun saffisaan babal’achaa jiruun, kan du’ee fi kan birmannaa dhabuun du’aaf affeerame manni haa lakkawu. Jiraattonni Ona Beegii Hospitaala Beegiitti yaalamaa jiran akka himanitti, “Bool’a tokkotti nama lamaa hanga sadii awwaalaa jiru. Namni buna danfisee waliif kennullee dhibameera. Kan irraa gabaafamaa hin jirre, guyyaatti Ona tokko keessaa namoota dhibbaa (100) ol dhibee fi beelaan akka du’aa oolan bira ga’ameera. Kun hedduu gaddisiisaa dha.

 

Waldaa Hakiimota Oromiyaa gara Ona Qondaalaa fi Beegiitti imaluun weerarri dhibee Busaa Onoota kanneenitti daran hammaachuu ibsaniiru. Dhaabbanni miti mootummaa hojii kana godinicha keessatti hojjechaa ture sababa sodaa nageenyaaf achii bahu isaatiin qaawwi uumamuu fi maloota ittisaa dhibeelee kanneenii addatti, dhibee Busaaf buufata waldhaansaa tokko tokkoo gandoota keessa jiran irraa keemikaala farra Bookee Busaa raabsuun biifuun hin danda’amne; buufataalee fayyaa jiran cufatti dawaaa raabsuun ummata dandamachiisuun hin danda’amne; dhaabbileen gargaarsaa nyaata geessuun ummata du’a irraa baraaruun hin danda’amne. Kun cufti kan ta’e sababa WBO bal’eessuu jedhuun waraanni mootummaa daandii fi ulaa jiran cufee yakka raawwataa jiru irraa ti.

Waan taheef, “Foontu fooniif rifata” akkuma jedhamu, ummanni kenya of malee, wal malee qaama biraa isaaf rifatuu fi birmatu hin qabu. Gaaga’ama ulfaataa nam- tochee fi uumamaan ummanni keenya keessatti kufe keessaa kan dandamachiisuu fi lubbuu itti horu waan dandahu cufaan wal bira dhaabbachuu fi waliif dirmachuu ummata keenyaa qofa. Yeroo kam iyyuu caalaa yeroon kun yeroo itti ummanni Oromoo biyya keessaa fi biyyaan alaa duula qaamaa fi qorqalbii ummta keenya irratti godhamu irratti dammaqee wal cinaa dhaabbatuu dha.

Maayii irratti weerara dhibeelee fi beela hammataa jalaa ummata kana dandamachiisuuf qaamoleen dhimmi ilaallatu marti keessaa fi alaan akka birmataniif Addi Bilisummaa Oromoo (ABO)n yaamicha isaa dhiheessa.

Injifannoo Ummata Bal’aaf!

Adda Bilisummaa Oromoo

Onkoloolessa 02, 2023

Finfinnee