Humnaan Nyaataniif Humna Hin Tahu

 

Humnaan Nyaataniif Humna Hin Tahu
Ijoo Dubbii Adda Bilisummaa Oromoo (ABO)
No. stm 006/stm/2021
Fulbaanni 15, guyyaa seena qabeessa guyyaa gaafa hoogganni ABO gara biyyaatti deebi’e, guyyaa
ummanni Oromoo biyyaan ala irraa akkasumas biyya keessaa Bahaa-dhiha, Kaabaa-kibba fi Giddu-galaa
walitti dhufuun handhuura Oromiyaa Finfinneetti hooggana isaa itti simate guyyaa addaa ture.

Guyyaan kun Oromoof guyyaa addaa ABOn qabsoo karaa nagahaa ummata isaa keessatti akka hin
gaggeessineef murna afaan qawween aangoo siyaasaa dhuunfateen danqamee, chaartaraa dhiibamee erga
bahee toora ganna 30f dhihaatu booda, marsaa lammaffaaf karaa nagaan ummata isaa keessatti qabsoo
gaggeessuuf hiree argametti dhimma bahee hoogganni dhaabaa biyyatti galee dha. Guyyaa seena qabeessa
ummata Oromoo bal’aa, miseensotaa fi deggertoota ABO, mararfattoota qabsoo bilisummaa Oromoo fi
saboota cunqurfamoon simannaan ho’aan hooggana dhaabaaf taasifamee dha. Kunis Fulbaana 15, 2018
ture.

Jaarmiyaalee siyaasaa Impaayira Itophiyaa keessatti dhalatan keessaa Addi Bilisummaa Oromoo (ABO)n
jaarmiyaa akeekaa fi kaayyoo ummata isaa galmaan gahuuf baddaa fi gammoojjii biyyaa fi biyyoota ollaa
keessatti wareegama ulfaataa qaamaa qalbii hanga lubbuutti baasaa turee fi jiru jaarmiyaa kallacha qabsoo
biilisumma Oromoo ti. Mooraa qabsoo bilisummaa Oromoo keessatti ABOn asxaa/faajjii qabsoo
Oromummaan keessaan ifuu fi hanga’uu dha. Oromummaa guutuun ABO keessaan bakkalcha tahee ifee
mul’ata; kanaafis ABO tahuun ilmaan Oromoo kanneen miseensota ABO tahanii fi hin tahinis maqaa
ABOummaatiin diinaan hiraarfamanii wareegama qaamaa qalbii hanga lubbuutti baasaa har’a gahan.
Ilaalcha Addi Bilisummaa Oromoo (ABO) qabaachuun firaa fi diina birattis Oromummaa fi
sabboonummaa qabaachuu dha; Oromoo tahanii akkuma Oromummaa ofiin boonuun, kabajamuun,
jaalatamuu fi leellifamuun jiru cufa, faallaa isaa ammoo diina biratti Oromummaan ni sodaatama. Mooraa
Impaayirattii keessatti maqaa kana yoo arganii fi dhagahan ni baaragu; ittiin dhukkubsatu. Kanaafis
gootonni hedduun Asxaa Oromummaa fi ABOtiin hanga lubbuutti wareegama hunda kafalaniiru.
Fulbaanni 15, seenaa qabsoo bilisummaa Oromoo ABOn durfamu keessatti boqonnaa haaraa ummanni
bal’aan ifatti gammachuu isaa itti ibsate ture. Guyyaa sana Finfinneen qe’een Oromoo, Oromoon keessaa
dhiibamee fi moggeeffame ilillii gammachuutiin simatamaa turte, Afaan Oromoo keessatti dubbatuun
sodaatamaa ture ifatti ittiin dhaadatamee ABOn ittiin simatame. Alaabaan ABO/Oromoo, ummata
miliyoonotaan sodaa fi bir’annaa tokko malee hulaan Finfinnee tokko osoo hin hafin dibamee, inni
shororkeessaa dha jedhamee ittiin adabamaa turan ifatti mirmirfame. Oromoo moggaa arfanii fi garaachaa
irree tokkoon dhiichisee afaan tokkoon sagalee isaa ol fuudhee dubbisiisee foolii bilisummaa urgeessee
fira gammachiise. Kanneen ABO fi ummata Oromoo irraa sodaa fi jibba qaban garuu guyyaa kana milkii
dhorkuuf guddoo tattaafataniiru. Taateen kunis seenaa ta’ee galmaa’ee darbeera.
Addi Bilisummaa Oromoo (ABO)n bu’uureffamuu isaa irraa ka’ee tarsiimoo qabsoo garagaraa
gaggeessaa tureen, ilaalcha/Ideolgy qabsichaa akeekkatee ka’e, sabboonummaa sabaa, bilisummaa
ummataa, walabummaa biyyaa, mirga abbaa biyyummaa, dimokiraasii, walqixxummaa sabaa fi sab-
lammootaa kabajsiisuuf jecha qabsoo hadhooftuu gaggeessaa ture. Muuxannoo qabsoo bara dheeraa qabu
irraa ka’uun, walii galtee kabeebsaa sirnoota dhufaa darbaa ejjannoo hin qabne waliin taasiseen qofa gara
biyyaatti hin galle. Shakkii fi walii galtee hin dhugoomne waan beekuuf ifatti qaama 3ffaa gaafataa ture.
Gaaffii fi sagalee ummataa, kan hayyootaa, kan abboota amantaa fi abbootii Gadaa fi kan murnoota
hawaasaa cufa dhaggeeffataa fi hordofaa ture. Kanaaf ummata isaa abdatuu fi keessa jiraachuun waan
dhufu walumaan fudhatuu fi qabsoo itti fufuu kan jedhuun sochii karaa nagaaf waliigaltee irra ga’amee
tureen Fulbaana 15, 2018 biyya isaatti gale.
Addi Bilisummaa Oromoo, seenaa hojjate; ummata Oromoo bal’aatu dhaaba isaa jaalatamaa fi kabajamaa
kana simachuuf waltajjii xiiqii qopheesse. Oromoon ilmaan isaa qaqqaalii qabsoo bilisummaa Oromoof
aarsaa ta’an waltajjii seena qabeesa sana keessaan argaa gaddaa fi gammachuu isaa waliin dabaalee
boqonnaa sammuu argataa ture. ABOn seenaa haqamaa fi laaqama hin qabne hojjatee fira gammachiisee
diina barraagse. Waltajjii ABOn uume, kan qabsaawotni ilmaan Oromoo fi murnootni hawaasaa hundi
keessatti argaman kumaa kitilaan lafee itti caccabsanii dhiiga itti dhangalaasanii argamsiisanii dha.
Waltajjii ummatni Oromoo miliyoona 6tti tilmaamamu irratti argame kana irratti Hayyu-Dureen ABO
Jaal Daawud Ibsaa ergaa, ejjennaa fi mul’ata ABOn ummata Oromoof, darbees sabaa fi sab-lammoota
biyyattii hundaaf qabu, ABOn nagaan nagaaf akka gara biyyaa deebi’uun qabsoo karaa nagaan mirga
Oromoo kabajsiisuu fi gaaffii siyaasaa Oromoo deebisuuf gale ibsan.
Waltajjii seena qabeessa sana irratti kan Abbootiin Gadaa Oromoo “Dhaaba keenya dhaaba Kallacha
Oromootu dhufe’’ jechuun hayyuu/hayyicha/kormatu korma qabataan HD-ABO Jaal Daawud Ibsa korma
qabachiisanii, ABOn falamuu qabaan ABO falanii eebbisanii Kallacha/Adda ta’aan adda Hayyu-Duree
dhiigaan tuqanii marga eebbaa kennaniif.
ABOn yeroo muraasaafis ta’u akeeka qabsaawaafii turee fi jiru sagantaa siyaasa isaa ifatti ummatatti
himuun ummata keenya baroota dheeraaf ifatti arguuf isa dheebote gaddaa fi gammachuu isaa irraa
qooddataa waajjiroota isaa godinootaa fi onootatti banatee hojii qabsoo itti fufuuf carraaqqii guddaa
taasisaa ture.
Addi Bilisummaa Oromoo (ABO)n jaalalaa fi deggersa bal’aa ummata biraa qabaachuu kan beekanii fi
ijaanis arguu wayta eegalan, murni aangoo siyaasaa afaan qawween eeggachuu bare oolee osoo hin bulin
walii galtee Asmaraa diigan. Osoo hin turin ABO ganan. Shira dhokataa fi ifatti dhaaba irratti
qindeeffataniin danqaa fi danqaraa dhaaba keenyatti ta’an.
Akka kanaan, qe’ee Oromoo ABOn keessa socho’u waraana itti bobbaasuun hojii gooltummaatti seenan.
Ummata nagaa doorsisuu, saamuu fi hiraarsuu hojii godhatan. Sabboontota, deggartoota, miseensota,
qondaalotaa fi hoogganoota dhaabaa hanga Hayyu-Dureetti osoo hin hafin hidhuun, waajjiraalee ABO,
Waajjira Muummee Gullallee irraa hanga godinootaa fi onootaatti jiran goleelee Oromiyaa cufa keessaa
caccabsuun diiguu fi meeshaalee waajjira keessaa saamuu itti fufan.
Qaamni Impaayirattii afaan qawween tiksuun ummatoota biyyattii ukkaamsee bulchuu bare gartuun
EPRDF PPtti of moggaase, Impaayiricha keessatti maqaa jijjiirrachuu malee jijjiirama bu’uuraa fiduuf
ga’uumsa dhabee fi waadaa seene nyaate, ABO karaa nagahaan waliin qabsoofnaan walii galtee irra gahee
gale ganuun yakka raawwate; dhaabaa fi ummata irraanis gaaga’ama geessise.

Gannoota shanan darban guutuu murni humnaan tarkaanfachuu malee waadaa seene hojiitti osoo hin
hiikin kufe PPn, roorroo daangaa darbeen ABO irratti roorrisaa turanii fi jiraniin waadaa dhaabichaaf
seenan gananii, aangoo siyaasaa afaan qawween tikfatan abdatan. Abbaa irree ta’anii itti fufuuf karoora
ganna 10nii jedhan lafa kaawwataniin ifatti maqaa ABOn ummata keenya handhuura Oromiyaa magaalaa
Finfinnee irraa hanga gandoota baadiyaa Oromiyaatti yakkamaa tasisuun, qe’ee fi qabeenyaa isaanii
saamuu, ibiddaan barbadeessuu, maqaa hin jirre itti moggaasuun ummata irraan duguuggaa sanyii
gaggeessuu hojii godhatan. Jumlaan hidhuu, bakka balaan uumamaa dhaqqabetti ummata beelaa fi dhibee
irratti ilaaluun akka dhumatan gochuu, addatti miseensota keenya hidhanii hiraarsuu, hidhaa baasanii
ajjeesanii bineensa nyaachisuun waan dhala namaa irratti hin dalagamne raawwatan. Ammas gaaga’ama
guddaa Oromoo fi lammiilee Oromiyaa irraan gahaa jiraniin Oromiyaa dirree nagaan waaraa fi tasgabbiin
keessa hin jiraanne godhanii dhaabbataan goolaa jiran.

Furmaata waaraa rakkoo biyya kanaa ti jedhee fala Addi Bilisummaa Oromoo akeekee turee fi ammas itti
jiru marii biyyaalessaa hunda galeessa (All inclusive dialogue) fi Mootummaa Cehumsaa Biyyaalessaa
Naannoo Oromiyaa (MCBNO) fudhachuu diduun ummatoota gaaga’ama seenaa keessatti mul’atee hin
beekne irraan gahaara. Furmaatni dhibdee biyya kanaa waan ABOn akeekee dha. Ammas falaa fi malli
waaraan rakkoo biyyatti kanaaf MCBNO ABOn labsetu rakkoo Oromiyaa fi ollaa Oromiyaas dhaqqaba
jennee amanna.
Murni PP akka kanatti rakkoo siyaasaa, dinagdee, hawaasummaa fi waraanaa keessa seene keessaa bahuu
dadhabee badee bal’eessuu filatee mankaraaraa jira. Kanaafi kan “Humnaan nyaataniif humna hin tahu’’
jenneef.
Addi Bilisummaa Oromoo (ABO)n yoom iyyuu caalaa onnee ummata bal’aa keessa jira. Har’as boris
ABOn jiraataa dha. Rakkoo fi danqaan fedhe isa quunnamu illee deggersaa fi tumsa ummatni bal’aan
Oromoo isaaf taasisu galaa godhatuudhaan, hanga akeeka qabsoo geggeessu galiin ga’utti sochiin isaa
guyyaa tokkoof illee hin dhaabbatu daranuu jabaatee itti fufa.
Waan ta’eef, ummanni keenya keessaa fi alaa of tahuu fi wal tahuun wacaa fi dhalaandhala mooraa diinaa
caqasuu dhiisee, mooraa qabsoo bilisummaa Oromoo dhaggeeffachuun ajandaa waloo isaa irratti cichee
fi jabaatee mooricha utubuu, itichuu fi tin’isuun qabsoo roga hundaa finiinsuun akeekaa fi kaayyoo
qabsaawaafii turee fi jirru galii itti haa goonuun dhaamsa ABO yeroon gaafattuu dha.
Injifannoo Ummata Bal’aaf!
Adda Bilisummaa Oromoo
Fulbaana 15, 2023
Finfinnee