Ayyaana Tamsaasa Sagalee Bilisummaa Oromoo (SBO) waggaa 33-ffaa Waxabajjii 19, 2021

Ayyaana Tamsaasa Sagalee Bilisummaa Oromoo (SBO) waggaa 33-ffaa Waxabajjii 19, 2021

Sagalee Bilisummaa OromooSagaleen Bilisummaa Oromoo (SBO) waggaa 33-ffaa tamsaasa raadiyoo itti eegale Waxabajjii 19, bara 2021 kabajata. SBOn guyyaa itti hundeeffame, Waxabajjii 15, bara 1988 irraa qabee hanga har’aantanaatti adeemsa qabsoo dheeraa keessatti carraaqqii qilleensa irraa dhaamsuuf diinni taasisu hundumaa dandamatee gumaacha oláanaa waliin waggaa 33ffaa isaa kabajuuf qophaawaa jira. Kurmaana bardhibbee tokkoof ummata Oromoo barsiisuu, ijaaruu fi qabsoo hiree murteeffannaaf kakaasuudhaan gumaachi SBOn taasisaa yoona gahe arraata ABO kana meediyaalee dhimma qabsoo Oromoof hundaawan kamuu keessaa isa hangafa taasisa.

Ayyaana hundeeffama Waggaa 33ffaa Sagalee Bilisummaa Oromoo (SBO) ummata keenya Oromiyaa fi addunyaa mara irratti argamu waliin yoo kabajannu gammachuu gudaatu nutti dhagahama. Hundi keessanuu bakkuma jirtanitti nu waliin tahuun ayyaana seena qabeessa kana irraa akka qooda fudhattan afeeramtanii jirtu.

Waggoottan 33an dabraniif SBO jiraachisuuf karaa adda addaa haala seenaan hin daganneen warra gumaachaa turtan maraaf galatni bilisummaa dha. Ayyaana kana milkeessuuf, akkasumas, gara fuula duraattis SBO raadiyoo keessan tamsaasa irra jiraachisuuf karaa maallaqaa, yaadaa fi gorsa ijaaraa gumaachuun akka nu cinaa dhaabbattan hiree kanaan waamicha goona.

Nu qunnamuuf:

Email: sbo.radio88@gmail.com

Injifannoo Ummata Oromoof!

Koree SBO Idil Addunya