IBSA GADDAA ABO

Obsi

 

IBSA GADDAA ABO
Jaal Dheengee Huseen Kulaa, Miseensa Koree Hojii Gaggeesituu ABO akka tasaatti du’aan of biraa dhabuun
gudda guddaan nutti dhagahamuu ibsina. Jaal Dheengeen Jimaata barii gaafa Waxabajjii 25, 2021
Hospotala Nairobii, Kenyatti guyyoota 11f bakka itti wal’aanamaa turetti boqote.
Jaal Dhhengee Huseen Kibba Oromia, Magaalaa Moyyaaleetti, Caamsaa 21 bara 1974tti dhalatee guddate.
Barnoota isaa sadarkaa duraa fi lammaffaas Mana Barnootaa Moyyaaleetti xumure. Hiriyootni waliin guddata
nii fi baratan yammuu himan ijoollummaatti callisaa barnoota isaa irraa hin gorree fi qaroo, bartoota
qorumsa biyyoolessaa ministeera barnootaa irraa bara san kennametti warra sadarkaa tokkofaatti qabxii
guddaa galmeessan keessaa tokko ture.
Jaal’ataa fi taphataa kubbaa miillas ture. Carraa argame maraan baratee dandeettii isaa ol kaasuuf hawwii qab
uun koorsiilee ogummaa gara garaa fudhateera. Universitii Afiriikaa Kibbaatti barnoota Siyaasaan digrii isaa
duraa argate. Warri isaa ijoolummaatti akka fudhu waan godhaniif ilmaan Afur qaba. Obaleewan
lubbuun jiran dhiiraa afurii fi dubartoota sadii qaba. Haadhaa fi abbaan duraa du’aniiru. Hojjataa fi
tattaafataa waa maraa waan tureef ijoollummaan gaafatamni itti kennamee hawwaasaaf tajaajila kennaa ture.
Jaal Dheengeen bara 1990 Adda Bilisummaa Oromootti makame. Jaallan Zooni Kibbaatti makamee warren
dirree sana banan keessaas tokko. Barattiin sun yeroo hadhooftuu fi qorumsaa turte.
Jaal Dheengeen warra humnicha jiraachisanii fi obsaa fi murannoon, naamusaa fi danboobaan humnichaaf fa
kkii gaarii tahan keessaa tokko ture. Loltummaa fi dabballummaan qooda dinqisiisaa kennaa ture. Bara
1998 keessa miseensa Gumii Sabaa ABO tahee filame,
Amanamummaa kaayyoo fi si’aa’ina hojii agarsiiseen kabajaa fi jaalala waan horateef 2017 keessa Kora
Sabaa 4ffaa irratti miseensummaa Koree Hojii Geggeesituu ABOtti filamee hanga guyyaa
boqotuutti kenninsaa fi murannoo cimaan qooda isaa kenneera. Gaafatamaa Hojii Hariiroo Alaa
ABO kan Afiriikaa ture. Akka dafee ka’u abdachuun dhukkubsachuun isaahuu dhoksaatti qabamee ture.
Wanti hin eegamin yammuu mudate gadda guddaatu nu hundatti dhagahame.
Du’aan adduunyaa kana irraa godaanuun battala dhagahametti oduun isaa dafee bakkayyuu gahe. Miseensota
ABO duwwaa utuu hin tahin firaa-fiixaa fi sabboonttonni Oromoo hundi gaddaanii jiru.
Bakka aantii fi sabboontonni Oromoo heddumminaan argamanitti, aradduma itti dhalate Moyyaalee Oromiya
atti sirna bareedaan ganama Waxabajjii 27,2021 hawwaalameera. Yeroo ammaa kan hoogganootni ABO hed
duun hidhamanii bakka isaaniis cufuuf kanneen hafan horiyaa yeroo jiran kana keessatti Jaal Dheengee Husee
n of biraa dhabuun baay’ee gaddisiisaa tahus,warri hafe qabsoo inni guyyaa fi halkan itti hojoomaa ture fiixa
baasuuf gahee ofii bahuun dirqama.
Jaallan qabsoo, Ijoolleen Jaal Dheengee Huseen, obbolaan ,firaa fi lammiin Oromoo marti obsaa, sabbaraa. W
aaqayyo hunda keenyaaf jajjabina kenninna.Lubbuun isaa jannataan haa qananiitu.
Qabsaawaan ni kufaa, Qabsoon itti fufa!
Injifatnoo ummata Oromoof!!