“Kora Sabaa” seeraan alaa yeroo ammaa kana Waajjira Muummee, Finfinneetti taasifame ilaalchisee Ibsa ABO

Obsi

                                         Gaafa: O3/12/2021                                                                                                                                                                  Labsi:6112/2019

“Kora Sabaa” seeraan alaa yeroo ammaa kana Waajjira Muummee, Finfinneetti taasifame ilaalchisee Ibsa ABO

(Bitootessa 12, 2021

Gocha waliin dhahiinsaa garee ABO irraa cabsatanii bahan, kan qaama caasaa dhaabaa alaan ijaaramanii fi maallaqaan gargaaramaniin uumameen, Dhaabni keenya keessumaa Hoggana ilaalchisee, dhimma kana qulqulleessuuf jecha Korri Sabaa Addaa akka godhamu Boordiin Filannoo Biyoolessaa Itiyoophiyaa, Dhaaba keenyaaf akeekee jira. Boordiin Filannoo Itiyoophiyaas filannoo itti aanu dura yaada wal dhahaa dhimna Hoggana ABO dhalate jedhu furuuf Kora Sabaa gaggeessuuf yaada qabnu deeggaree jira. Haaluma kanaan, Koreen Qopheessituu ABO armaan dura Gumii Sabaan filame, yeroo sanarraa eegalee, bu’uura heera keenyaa fi dambii Korai Sabaa ittiin gaggeessaniin raawwii isaatiif hojjechaa jira. Dhimmuma kana ilaalchisee Boordiin Filannoo Itiyoophiyaa xalayaa seera qabeessaan beeksifamee jira. Yeroo dhiyoo keessattis korichi ittin dhiyeenyaan hojjechuu fi quunnamtii sirnaawaa taasisuu jalqabee jira. Fakkeenyaaf sochii itti jirru fi hanga milkoofne Boordii Filannoo Itiyoophiyaatiif sirnaan beeksisaa jirra. Haaluma wal fakkaatuun, Boordiin Filannoo Kora Sabaa Dhaabni keenya godhachuuf haala akka mijeessuuf Dhaabni keenya itti iyyatee jira. Addatti Waajjira Muummee keenya Finfinneetti argamu kan Poolisii Magaalaa Finfinneen cufamee jiru banuun fa’a keessatti argamu. Kana malees, ABO’n gaafa 25/02/2021 xalayaa idilee Boordii Filannoo Itiyoophiyaatiif barreesseen Waajjiraalee Muummeen keenya akka nuuf banamanii fi Kora adeemsisuuf haala mijataa akka nuuf uumu gaafannee jirra.

Gaafa 01/08/2020, Komishiniin Poolisii Magaalaa Finfinnee waajjiraalee muummee keenya ajaja mana murtiin ala humnaan cufuun isaanii ni yaadatama. Guyyaa kanarraa eegalee, Waajjirri Muummee keenya tohannoo Komishinii Poolisii Finfinnee jala galee hojiiwwan waajjira keessaa fi naannoo mooraa waajjiraatti dalagaman hunda uggura isaa jala galchee jira. Haata’u malee, akkaataa odeeffannoo nu qaqqabaa jiruun, bakka poolisiin mootummaa hedduun argamanitti Walga’iin seeraan alaa waajjira dhaabaa keessatti garee dhaaba irraa cabsatanii bahaniin adeemsifamaa jira. Akkaataa odeeffannoo nu gahe kanaan, gaafa 12/03/2021, ABO’n walga’iin seeraan alaa kun taasifamuu isaatiin akka mormuu fi hin fudhatne  Komishinii Poolisii Finfinneetiif xalayaa seerawaa barreessee. Ta’us, Polisiin dirqama isaa hanqatuun Komishiniin Poolisii Finfinnee itti gaafatama yeroo waajjiraa nu baasan simatan Sanaa irra waan madduu ni fudhatu.

Walga’iin Waajjira Muummee keenyatti warreen Dhaaba irraa cabsatanii bahaniin  adeemsifamaa jiru guutummaatti seeraan alaa fi hayyamamuufii kan hin malle. Akkasumas, kun hanqina itti gaafatamummaa qaama beekaa walga’ii seeraan alaa kana gaggeessaa jiruu ti. Qaamni Dhaaba irraa cabsate kun Seeraa Kora Sabaa , heeraa fi Dambiiwwan keessaa Dhaabichaa akkasumas Seera Galmeessa Boordii Filannoo Itiyoophiyaa Lakkoobsa A6112/2019 cabse kana adeemsisuuf bu’uura seeraa ykn aangoo heeraa kamuu hin qabu. Komishiniin Poolisii Finfinnee gareen Dhaaba irraa cabsate kun waajjira keenya keessatti beekkamtii fi hayyama Hayyu Duree Dhaabaan ala fi tartiiba Gumiin Sabaa itti Kora Gaggeessuu , kunis, August 01, 2020 irraa eegalee Hayyu Duree, Hojjetootaa fi Miseensota dabalatee nuyi, Hoggana ABO humnaan waajjira keessaa baasuun hayyamuufii aangoo seeraa tasa hin qabu ture.

Kanaafuu, Uummatni Oromoo, Uummatootni Itiyoophiyaa, fi Hawaasni Idil-addunyaa akka hubatu kan barbaadnu ABO irratti gochaan seeraan alaa, haqa maleessaa fi saamichi siyaasaa xaxaan guutame raawwatamuu fi biyyattii gara jeequmsa guddaa dabalataatti dhiibaa jiraachuu ABO’n ni hubachiisa. Itti gaafatamni waliigalaa kanaas kan Mootummaa fi dhaabbata mootummaa gochaa seeraan alaa kana raawwachaa jiranii ti.

Dogoggora Ol’aanaa kana, Boordiin Filannoo Itiyoophiyaa, Qaamolee Haqaa, fi Qaamolee Hojii Raawwachiiftuu Mootummaa dabalatee jaarmiyaaleen murteessoo biyyattii – Keessumattuu Komishiniin Poolisii Finfinnee akka sirreessan gadi jabeessee gaafanna.

Miseensotaa fi Deeggartoota keenya walga’ii fakkeessaa kana irratti dammaquu fi guutummaan irraa qooda  fudhatuu lagatan galateeffachaa; Dhaaba isaanii eeggachuuf itti fufiinsaan jabaatanii akka hojjetan dhaamsa dabarsinaaf.

Injifannoon Uummata Baldhaaf!

Adda Bilisummaa Oromoo

Bitootessaa  12, 2021