Mootummaan Baraaraa  Akka Hundeeffamuu Fi Mariin Siyaasaa Qooda Fudhattoota Mara Hirmaachise Akka Gaggeeffamuuf Waamicha Goona

Obsi

 

Mootummaan Baraaraa  Akka Hundeeffamuu Fi Mariin Siyaasaa Qooda Fudhattoota Mara Hirmaachise Akka Gaggeeffamuuf Waamicha Goona

Ibsa ABO, Waxabajjii 25/2021

Rakkoo siyaasaa, nageenyaa fi heera mootummaa biyyattii mudachaa jiru ilaalcha keessa galchuudhaan, filannoon haala akkanaa keessatti gaggeeffamu kamiyyuu seera qabeessa, haqa qabeessaa fi walaba ta’uu akka hin dandeenye ibsoota keenya yeroo darbee keessatti beeksisaa turre. Kanaaf, mootummaa fi qooda fudhattoonni biroon xiyyeeffannoo fi leecaalloo isaanii filannoo eerame kana irraa kaasanii, mariin Siyaasaa qaamolee dhimmi ilaallatu mara hirmaachise akka gaggeeffamuufi rakkoon siyaasaa biyyattii mudatee jiru akka furamuuf haala akka mijeessatuuf waamicha goonee turre. Haatahu malee gareen aangoo mootummaa qabatee jiru waamicha nuti gooneef bakka kennuu dhiisee, humnaan gara filannoo “biyyaalessaa” gaggeessuutti ce’e. Filannoon “biyyaalessaa” waamicha keenya dhaga’uu diduun humnaan gaggeeffame kun, lubbuu namootaa gaaga’uu fi qabeenya mancaasuun  alatti bu’aa tokkollee hin argamsiifne jennee amanna.

Filannoo kanaan wal qabatee lubbuu namaa fi qabeenya badeef gadda nutti dhagaa’ame ibsaa, filannoon gaggeeffame kun rakkoo siyaasaa biyya kanaa kan haammessu malee fala akka hin taane yaadachiifna. Rakkoon siyaasaa Itoophiyaa marii siyaasaa malee filannoon fala akka hin taane dhaamnee turre. Haatahu malee gareen aangoo irra jiru, filannoon kun rakkoo siyaasaa biyyattii kanaaf fala akka hin taane osoo beekuu, filannoo jedhamu sana gaggeessee jira. Haa tahu malee akkuma eegame filannoon mootummaan humnaan itti seene, lubbuun namaa fi qabeenyi guddaan akka manca’uuf sababa ta’ee jira.

Mootummaan humnaan dhiibee gara filannootti kan seeneef, haala kamiin iyyuu, aarsaan fedhe  kaffalee aangoo irra turuuf akka ta’e ni beekna. Kana irraa ka’uun dabalees mootummaan biyyattii keessatti walitti bu’insaa fi waraanni akka hammaatu taasisaa jira. Haatahu malee uummanni keenya shira mootummaan dalagu kanaan hin gowoomne. Inumaayyuu, aarsaa kan isaan kaffalchiise ta’us, uummati keenya obsaa fi tasgabbiidhaan hordofaa turee jiras. Uummattoonni Itoophiyaa, addatti immoo uummanni Oromiyaa hokkora mootummaan kaasuuf yaale ture irraa of qusattanii obsaan wan dabartaniif ABOn baay’ee isin galateeffata. Sababni isaa bilchina uummta keenyaatu, jeequmsaa fi seer-maleessummaan kun akka hin haammanneef fashaleesse. Addatti immoo uummanni Oromoo bal’aan, keessumaa immoo miseensotaa fi deggertoonni keenya, Qeerroo Bilisummaa Oromoo fi caasaaleen isaa, Koreen Mootummaa Ce’umsaa Biyyoolessa Naannoo Oromiyaa as Oromiyaa fi Biyya alaa jirtan shira mootummaa kanaatti diramuu diduun fi  harka kennuu hanqisuu keessaniif ABOn akka dhaaba siyaasaatti dinqisiifannaa fi galata isiniif qabu ibsuu barbaada. Bulchiinsi Mootummaa Ce’umsaa Naannoo Oromiyaa shira kaadiroonnii fi tikoonni mootummaa yeroo filannoo fi filannoodhaan booda Oromiyaa fi bakkoota biroo keessatti hokkora kaasuuf yaalaa turan, uummata Oromiyaa waliin ta’uudhaan fashaleessee jira.

Filannoon biyyaalessaa gaafa guyyaa Waxabajjii 21/2021 gaggeeffame gama kamiin iyyuu fudhatama akka hin qabne, ABOn ammas irra deebi’ee ibsachuu barbaada. Adeemsi filannoo kanaa garee aangoo irra jiruun waan gufateef, paartilee siyaasaa muraasa qofatu filannoo irratti hirmaate. Kanumaan paartileen siyaasaa filannoo irratti qooda fudhatan kunniin bu’aa filannoon wal qabatee bakkoota tokko tokkotti hokkora akka hin kaasne dhaamna. Dhimma kanaan wal qabatee bakka kamitti iyyuu hokkora kaasuun gama siyaasaanis ta’e safuun fudhatama hin qabu. Kanarra yeroo ammaa rakkoo hamaa biyya kanaa fi uummata keenya mudatee jiruuf furmaata barbaaduutu filatamaadha. Kanaaf paartileen siyaasaa marti furmaatawwan armaan gadii irratti xiyyeeffatanii hojiirra oolmaa isaatiif akka hojjetan dhaamna:

  1. Mootummaa Baraaraa Yeroo Federaala Dimokiraatawaa Rippaabilika Itoophiyaa hundeessuudhaan, Qooda fudhattoonni marti walitti dhufanii marii siyaasaa hunda hammataa akka gaggeessaniif haala mijeessuu;
  2. Raayyaan Ittisa Biyyaa Itoophiyaa fi Pirezidaantiin Mootummaa Federaala Dimokiraatawaa Rippaabilika Itoophiyaa, Mootummaan Baraaraa Mootummaa Federala Dimokratawaa Itophiyaa (MFDI) yeroo hundeeffamee marii siyaasaa hunda hammataa akka gaggeeffamuuf nageeya akka mirkaneessan hubachiifna;
  3. Waraanaa fi walitti bu’insa naannoolee biyyattii garaagaraa keessatti gaggeeffamaa jiru hatattamaan, dhaabuun loltoota Ertiriyaa fi humni nageenyaa fi qaruxee isaa biyya Itoophiyaa keessaa baafaman. Looltota Ertiriyaa Itoophiyaa keessaa baasuun Itoophiyaafis ta’e Ertiriyaadhaaf  jennee amanna;
  4. Uummattoonni Itoophiyaa fi dhaabbileen siyaasaa marti haala eerame kanaan ga’ee fi itti gaafatamummaa isaanii akka ba’an dhaamna;
  5. Hawaasi idil-addunyaa fi uummattoonni Itoophiyaa Mootummaa Baraaraa mariin Siyaasaa akka gaggeeffamuuf haala mijeessu akka hundeeffamuuf dhiibbaa akka godhan yaadachiifna;
  6. Dhuma irrattis, Mootummaan Ce’umsaa Biyyoolessa Naannoo Oromiyaa biyyattii keessatti nagaa fi tasgabbii buusuudhaaf, haala danda’ame maraan mariin siyaasaa bu’a qabeessa ta’e akka gaggeeffamuuf sabaa fi sablamoota biyyattii mara waliin akka hojjatu mirkaneessina.

 

Injifannoon Uummata Bal’aaf!
Adda Bilisummaa Oromoo
Waxabajjii 25/2021
Finfinnee