Yaadannoo Waggaa 1ffaa Ajjeechaa Artistii Jaallatamaa Haacaaluu Hundeessaa Ilaalchisuun Ibsa Adda Bilisummaa Oromoo.

Obsi

 

Yaadannoo Waggaa 1ffaa Ajjeechaa Artistii Jaallatamaa Haacaaluu Hundeessaa Ilaalchisuun Ibsa Adda Bilisummaa Oromoo.

 

Ibsa ABO, Waxabajjii 28/2021

Yaadannoo waggaa 1ffaa ajjeechaa Artistii jaallatamaa Haacaaluu Hundeessaa yommuu kabajannu, ilmaan sabaa, haqa uummata isaanii gad baasuudhaan sagalee waan ta’an qofaaf kan ajjeechaan suukanneessaa sirna Itoophiyaan ajjeefaman fi kan achi buuteen isaanii dhabame hedduu walumaan yaadachuu fi seenaa isaanii ol kaasuun barbaachisaa dha. Simbo-qabeessa, miidhagina ogumaa aartiitiin kan guutame waltajjii irratti tokkummaa uummata keenyaa, aadaa, dhibdee hawaasaa, siyaasaa fi dinagdee sirni cunqursaa uummata keenya irraan gahe walaleessee yeedaloo nama hawwatuun sagalee ta’ee roorroo uummatichaa agarsiisaa fi falmaa bilisummaaf uummata onnachiisaa kan ture Haacaaluun Hundeessaa erga ajjeefamee har’a waggaan tokko dhumateera.

Waxabajji 29 guyyaa Haacaaluun itti ajjeefame kana qabsaawota, artistootaafi barreessitoota qaqqaalii Oromoo mara dantaa siyaasaa fi taayitaa yeroof jecha sirni dhufe darbaan ajjeesaa fi dhabamsiisaa ture keessaa kanneen akka: Abdullaahi Arsii, Ayuub Abubakar, Abubakar Muusaa, Musxafaa Abdii (Harawwee), Ahmed Kebiraa, Ayyaantuu Booranaa, Himee Yusuuf, Kulanii Boruu, Sabboontuu Bareentuu, Boonsisoo Callaa, Hordofaa Bareentoo, Jireenyaa Ayyaanaa, Eebbisaa Adduunyaa, Xannaa Wayyeessaa, Usmaayyoo Muusaa, Abdii Qophee, Baahiluu Girmaa, Zennuu Mokonnon, Yoosef Gammachuu, Maaramee Harqaa-Kaasaa, Daadhii Galaan, Cawwaaqa Yaaddessaa fi kkf waan quuqqaa uummata isaanii irra jiru saaxilaniif qofa ajjeefamanii gariinis achi buuteen dhabamsiifaman kan itti yaadannudha.

Artistii fi qabsaawaan Oromoo Haacaaluu Hundeessaas imaanaa artistoota haqa saba isaaniif jedhanii diinaan ajjeefamanii baatee, aartii sirbaatiin: aadaa, afaan, eenyummaa, seenaa fi duudhaa Oromoo dagaagsuu keessatti gahee leencaa bahataa tureera. Waltajjiilee gurguddaa irratti qircannaa lafa Oromoo, gochaa suukanneessoo ummata Oromoorratti raawwatamu, cunqursaa fi ba’aa gabrummaa Oromoorra gahu walleedhaan saaxilee ifatti baasaa tureera. Oromoon haqa isaa diinaan irraa butame deebifachuuf, seenaa dhokatee mulisuu, mirga isaaf falmatee sirna cunqursaa alagaa lolee akka ofirraa fonqolchuuf aartii sirbaatiin kakaasaa fi onnachiisuutiin Haacaaluun diinaa fi fira biratti akkaan beekama.

Haacaaluun waan itti amaneefi uummatakoof ni ta’a’ jedhu jagnummaadhaan saalfiifi sodaa tokko malee dubbatee gabrummaa fi gidiraa uummata Oromoorra ga’u waan dubbatuuf uummata Oromoo biratti jaalalaafi kabajaa guddaa qaba. Faallaa kanaatiin ammoo diinota qabsoo Oromoo kanneen yeroo hunda Oromoo gabroomsanii lafaafi qabeenya isaa dhaaluu barbaadan saaxilee qabsoo uummataa waan itti kaasuuf, seenaa dabaan himamu saaxilee kijiba dhoosee dhugaa waan lallabuuf diinota qabsoo Oromoo biratti guddoo jibbama.

Goota falmataa sabaa tahee Qabsoo Bilisummaa Oromoo keessatti gahee guddaa bahataa ture, kan ummatichi akka qaroo ija isaatti ilaalu kana bu’aa siyaasaa yeroof ajjeesuun ajjeechaa isaatiin

sababfatanii hoogganoota, qondaalota, miseensotaa fi deeggartoota dhaabbilee siyaasaa Oromoo jumlaan ukkaamsuun hidhaatti guuruun fi garii ammo ajjeesanii dhabamsiisuun godaannisa seenaa fi guyyaa kana ittiin yaadannuu dha.

Ajjeechaa Artist Haacaaluutiin booda Artistoonni hedduun murna aangoorra jiruun hidhamuun har’as mana hidhaa fi mooraa waraanaa keessatti dararamaa jiru. Kanneen achi buuteen isaanii dhabames ni jiru. Weellistootni akka Falmataa Kabbadaa, Sabkeebar Damee, Aadam Kaawoo, Falmataa Baalchaa, Damisoo Moosisaa barreessaa Lalisaa Abaataa fa’a kanneen badii tokko malee diinaan hidhamuun gidirfamaa jiranidha. Oftaanaa Tarreessaa barreessaan kitaabaa yeroo dhiyoo Shaggar Lixaa magaalaa Giincii keessatti hidhamaa turee erga baheen booda waraana sirna aangoorra jiru PP dhaan ajjeefame.

Gochaaleen akkasii farraa dimokraasii kan yaada ofii ibsachuu waan tahaniif ni balaaleeffanna. Addi Bilisummaa Oromoo gadda kana bara baraan yaadachaa warri ajjeechaa Haacaaluu kana rawwatan qormaata godhame dabalatee qaama walabaaf ifa tahee bifa uummataaf amansiisaa taheen akka murtee seeraaf dhihaatan irratti hojjatna. Artistoonii bakka gara garaatti hiraarsaan irra gahaa jiru haal duree tokko malee akkataa qabsoo keenyaan gad lakkifaaman irratti qabsaawuu ummata keenya yaadachiifna.

Dhuma irratti, dhibdee walxaxaa biyya kana mudate furuudhaan gara nagaafi wal qixxummaatti deebisuuf mariin siyaasaa hunda hammate geggeeffamee mootummaan Baraaraa tokko ijaaramuu akka qabu ibsaa turreerra. Ammas isa kana jabeessinee irra deebi’uun ibsaa, Lammiileen Oromiyaa wabii nageenya isaanii kan ta’e Mootummaa Ce’umsaa Biyyoolessa Naannoo Oromiyaa waliin ta’uudhaan akka tumsa godhan dhaammanna.

Qabsaawaan ni kufa; Qabsoon itti fufa! Injifannoo uummata balaaf! Adda Bilisummaa Oromoo Waxabajji 28/2021

Finfinnee