Milishaan naannoo Amaaraa Bulchiinsa Naannoo Oromiyaa Seeenuun Goolamaafi Badii Inni Qaqqabsiise Ilaalchisee Ibsa Adda Bilisummaa Oromoo Irraa Kenname

 

Obsi

Milishaan naannoo Amaaraa Bulchiinsa Naannoo Oromiyaa Seeenuun Goolamaafi Badii Inni Qaqqabsiise Ilaalchisee Ibsa Adda Bilisummaa Oromoo Irraa Kenname

 

Milishaa fi humni addaa naannoo Amaaraa meeshaa waraanaa hidhachuun naannicha keessa, Godina Addaa Bulchiinsa Oromiyaa aanaalee akka Haxaayee, Afraataa, Jiillee fi bakkoota biroo keessatti uummata meeshaamaleeyyii irratti dhukaasuun balaa qaqqabsiisaa akka jiran gabaasaaleen maddeen amanamoorraa nugahaa jira. Bulchiinsi naannoo Amaraa ibsa Bitootessaa 21, bara 2021 baseen, nagaa buusuu fi   ol-aantummaa seeraa kabachiisuuf  sababa jedhuun milishoota isaa naannoo Oromiyaa bakkoota adda addaatti bobbaasuusaa ifatti amaneera. Gaffii guddaan jiru garuu, aanaalee jedhaman sana keessatti sodaan nageenyaa osuma jiraateellee humni nageenyaa Oromiyaa osoo jiruu naannoon Amaaraa maaliif milishaa fi humna addaasaa daangaa Oromiyaa cabsee seensisee kan jedhu dha. Kanaan duras taanaan, sababa hin taane wal-fakkaataa dhiheessuun heera biyaa cabsuun mootummaa Itoophiyaatiif waan baratamaa dha. Inni kunis kan addaa miti.

Caalaatti kan mirkaanaawu tahus,  maxxansaaleen aaraa-gubataa sabaa-himaalee hawaasaarratti bahan Haxaayee, Afraataa fi Jiillee keessatti milishaan naannoo Amhaaraa dhukaasa guddaa banuun uummata nagaarratti miidhaa qaqqabsiisuu akka hin hafne argisiisa. Addi Bilisummaa Oromoo (ABO) haleellaan gatii hin qabne kuni kan uummataa nagaa fi qabeenya isaaniirratti xiyyeeffate hatattamaan dhaabbatee, milishootni aanaalee sana keessatti bobbaafaman dafanii akka gadhiisanii bahan gaafta. Akkuma naannoo Tigiraayii fi Beenishaangul-Gumuz keessatti qabataamaan argamettis, milishaan naannoo Amaaraa daangaa naannolee cabsanii seenuun uummata fayyaaleyyi irratti dhukaasa bananii miidhaa qaqqabsiisu. Gochi anatu-caalaa akkasii kunimmoo lolli sabummaa irratti hundaawe saboota gidduutti akka ka’u taasisa.

Kanaaf, hagam dadhabaa ta’ullee, mootummaan federaalaa milishaan Amaaraa lammiilee shororkeessuu fi jiruufi jireenya guyyuu isaanii keessa akka hin galleef hatattamaan dhaabsisuu qaba.

Yeroo ammaa kana mootummaan naannoo Amaaraa milishootasaa  bulchiinsa naannoo Oromiyaa bakkoota gara-garaa keessatti bobbaasee akka jiru Addi Bilisummaa Oromoo bira gaheera.

Godinoota:-

  1. Qeellam Wallaggaa-aanaalee Gidaamii, Haawaa Galaan (Gabaa-Arbii), Muggiifi bakkoota biroo,
  2. Wallagga Bahaa- aanaalee Hangar Guutee (Guttin) fi Haroo-Limmuu,
  3. Horroo Guduruu Wallaggaa-aanaalee Agamsaafi Amuuruu,
  4. Shawaa Dhihaa-aanaalee Gindabarat fi Jalduu,
  5. Shawaa Kaabaa- aanaa Dharraa fi naannooshee keessatti milishootni naannoo Amaaraa akka seenanii jiran odeessa qabataamaa jira.

Milishootni kuni maaliif aanaalee eeraman kana keessa akka seenan beekuu baannullee, sababa isaaniitiin kan ka’e uummatni bakkoota kanaa fi naannoo-saa jiraatan soda fi yaaddoo guddaa keessa jiru. Kanaan duras taanaan, milishaa fi humni addaa naannoo Amaaraa uummata Gumuz jumlaan kan fixee fi, naannoo Beenshaangul-Gumuz keessatti lammiilee Oromiyaa akkasumas naannoo Tigiraay keessatti Tigiroota hedduu haleeluun isaa yaadannoo dhihooti.

Kana malees, milishootniifi humni addaa naannoo Amaaraa kuni namoota fayyaaleyyii saba isaanii hin taane gara-jabeenyaan akka ajjeesan, humnaan gudeedan, manaafi qabeenya gubanii, oomisha qonna isaanii jalaa akka mancaasan ifatti waan gabaafamaa jiru dha.

Gocha badii humni kuni kanaan-dura raawwateen waan beekamuuf, amma humni Amaaraa kunneen hedduminaan gara Oromiyaatti bobbaafamuun isaanii jiraattota naannoo sanaa sodaafi yaaddoo nageenyaa hamaa keessa galchuu dandaheera. Inumaayyuu, yoroo ammaa kana milishoota Amaaraa tahachuufuu bulchiinsota naannoleetti rakkoo guddaa ta’eetu argama.

Kanaaf, gocha badii fi yaaddeessaa kan milishaa naannoo Amaaraa kana osoo humnaan ala-tahee lola saboota biyyattii jidduutti hin kaasiin hatattamaan xumura itti gochuun akkaan barbaachisaa dha.

Maayiirratti, hooggantootni mootummaa federaalaa milishoota naannoo Amaaraa kan Oromiyaa bakkoota gara-garaa keessatti bobbaafamanii jiran dafanii akka baasanii fi, uummata fayyaaleyyii Oromiyaa gocha badiifi suukkanneessaa milishaan Amaaraa raawwaturraa akka tiksaniif ABO cimsee gaafata.

Itti-daballees, hawaasni addunyaa gocha badii milishoota naannoo Amaaraa kanaa fi balaa inni uummattoota Itoophiyaa akkasumas nageenya gaanfa Afrikaa irratti baatee deemu akka jala-bu’ee hordofuuf waamicha taasifna.

Injifannoo uummata bal’aaf!

Adda Bilisummaa Oromoo

Bitootessa 21, 2021

Finfinnee