Duula Sanyii Dugguugaa fi Rorroo Oromiyaa fi Oromoo Irratti Raawatamaa Jiru

Duula Sanyii Dugguugaa fi Rorroo Oromiyaa fi Oromoo Irratti Raawatamaa Jiru Dura Dhaabbachuuf Qabsoo Keenya Dacha Dachaan Qindeessina!

(IBSA JAARMAA ABO BIYYA AMBAA, Ebla 08 bara 2021)

adda ummata ነፃነት ግንባርRoorroo fi miidhaan Oromoo irra gahamaa jiru fuula maraan yoom illee caalaa hammaachaa fi babal’achaa dhufee jira. Gochaan suukanneessaa fi jibbisiisaan ummatootaa gidduu deemamaa jiru saaxilamuu, balaaleffatamuu fi dura dhaabbatamuu qaba jennee amanna.

Baroota sadan dabran ifatti Sabboonummaa Oromuummaa dhabamsiisuuf Mootumman Mummichaa Ministeeraa Abiyiin durafamuu dhabbataa fi dhawwataan akeeka gaggeessaa jiru yeroo tahu dhihoo kana Oromootni Walloo waan Oromoo tahaniif duwwaa ifatti duulli itti banamuu gabaasan jiran mirkaneessaniiru. Humnii Addaa Bulchinsaa nannoo Amaara (“Milishaa fi Liyyuu Haalii kan jeedhaman”) Qindoominaan magaalotaa fi gandeen aanoota Sanbatee Jiillee, Arxummaa Kursii Dawwaa Caffa keessatti argaman hundatti duulanii xinnaa-guddaa, dhiiraa-dubartii, hidhataa fi harka-duwweessa utuu hin jedhiin namoota 307 ajjeesanii namoota 375 madeessani wal’aansa dhorkaniiru. Manoota 400 gubanii qabeenya mili’onota hedduutti lakkaawaman saammatanii kaanis barbadeessaniru. Oromoota dhuman keessatti kanneen geejjiba ummataa fi ambuulaansii dhaabsisanii buusuu fi hospitaala keessaa baasanii qaluun, dhagaa fi rasaasaan rukutanii ajjeesan hedduu dha.

Gochaan jibbisiisa fi suukanneessaan akkasii Kaabaa Shawaa fi baha Wallagga kanneen qubsuma Amaaraan waldaangessan hulluuqanii seenuun ummata Oromoo ajjeesuun fi qabeenya saamuun/barbadeessuun hojii dhaabbataa hidhattoota bulchinsaa nannoo Amaaraa taheera. San bira dabranii Oromiyaa bakkoota biraattis waraanni Eritriyaa waliin duulanii gochaa mancaasuu raawwatuuf mootummaan bobbafamnii jiru.Figichoon lafa babbaliifanaan Humnii waraana yeroo waraanii Mootummaa Federalaa fi Adda Bilisummaa Ummataa Tigrayii (ABUT) tahe keessatti humnaan dhunfachuu nannolee Walqit Xagadee fi Rayyaan raga qabatamaa dha.

Kan Walloo fi Wallaggaa caalaatti ifa bahee haa mul’atu malee godiinoota Oromiyaa hafan keessattis ajjeefamuu fi hidhamuun ummata keenyaa itti fufee jira. Namoonii sabboonaa tahanii ummata biratti jaal’atamoo fi kabajamoo tahan hidhattoota mootummichi bobbaasuun ajjeefamuun, tumamuu fi hidhamuun waan aadeffatamee dha. Haala Kanaan guyyaatti godiinota Oromiyaa kamuu keessatti(averagely)namootni 5 akka ajjeefaman bira gahameera. Sababaan ajjeesanii hawwaalcha dhowwuun bineensa nyaachisaniif warra hafan ittiin sodaachisuu dha. Fakkeenyaaf ji’a dabre keessa Harargee Dhihaa, araddaa Haqabaas(naannoo Maxxaaqashaa)tti waraanni mootummaa namoota 7 ajeessanii mataan irraa muramee fi eenyummaa isaanii adda baafatuun hin danda’amin makiinaan fidanii hurrufaa keessatti gatanii deeman dha.

Waliigala Mootumman Partii Bilxiginnaa(PP) kan Mummichaa Ministeeraa Abyiin Hogganamuu Sabbonummaa Oromuummaa dhabamsiisuu Kaayyoo godhatee kan irratti hojjeetaa jiru dha. Ajjeefamuu Artist Hacaaaluu Hundeessaatti aansee Hogganootaa Siyaasa ABO fi KFO, qeerroo fi qarree kan10,000 ol tahan qabamanii hidhaman keessaa garii badiin wahiituu osoo itti hin mirkannaawin hidhaa waggoota 22faa itti murteessuun jireenya isaanii balleessaa jiru. Warri itti hin murtaawinis walumaan mana hidhaatti ugguramanii argamu.

Ilaalcha Siyaasa Impayeericha keessatti qamootaa heedduu biraatti ABOn Oromoo,Oromoonis ABO jechuutti waan beekamuuf, falmaa mirga sabichaa kan tahe ABO irratti duulli geggeeffamuu dangaa dhabee jira. Hoogganoota ABO hidhuun, waajjiraalee cufuu, ummata barsiisuu fi gurmeessuu dhorkuun, miseensotaa fi hojjettoota amanamoo jaarmichaa, waardiyoota mana jireenyaa Hayyuu Duree(J.Daawud Ibsaa) dabalatee mana hidhaatti guurun, filmaata biyyoolessaa irraa ugguruun kanneen hin hidhaminis mana/dallaa keessa jiraatanii bahanii waanuma jireenyaaf barbaachisu dukkanaa irraa bitatanii akka hin deebine “hidhamtoota manaa” gochuun dhaabicha diignee itti fakkatee wan ifaaja jirani dha. Dhaabnii ABO lafa fi dhiigaa ijoollee Oromoon ijaraamee gaffii haqaaf dhabbatedha.

Shiraa fi daba ummata Oromoo fi dhaabota walaba mirga uummatichaaf dhaabbatan irratti raawwatamaa jiran tarrisanii fixuun ni ulfaata. Kanaafuu:-

  1. Ilmaan Oromoo bakka jirru maratti haala qabatamaa jiru kana beekuun fi tokkummaan sochoonee akka sabaatti tarkaanfii of baraaruu fudhachuun mirgaa fi dirqama keenya.
  2. Nuti akka miseensotaa ABO biyya alaatti kan wareegamuu fi hidhamu bakka buunee falmaa itti fufuu irraa wanti of duuba nu deebisu gonkumaa akka hin jirre mirkaneessina.
  3. Miseensotiin ABO golee aduunyaa kana mara irra jiran,sabboontotaa fi qabsaawota ummata Oromoo jaarmiyaa hawaasa Oromoo keessatti qooda guddaa kennan waliin akka ammaan duraatti tokkummaan mirga Oromoo fi Oromiyaa falmuuf of qopheessoo ta’uu mirkaneessina.
  4. Gochaan Mootumman Bilxignaa Uggurtii HD ABO irratti godhee, hidhaa deggartootaa, miseensoota fi Hogganootaa ABO fi KFO akkasumaas Namootaa biroo ilaalcha siyaasa isaniif jeecha mana hidhaatti guuraman hundaa ni balalleeffanaa.
  5. Gochaa diinota Oromoo bayyanootaan hordofna; adduunyaa duratti saaxilla; of qusannoo tokkoon maleetti fuulaa fi tooftaa maraan cimsinee dura dhaabbanna.
  6. Mootumman Mummichaa Ministeeraa Abiyii Ahmedn hoggannamuu Uggurtii HD ABO, Jaal Daawud Ibsa irra kahe jiruu fi haal duree tokkoo malee hidhamtootaa siyaasaa gadhiisuun marii nagaa fi tasgabii kan furmaata waara biyyaattitti fiiduu akka gaggeessuu cimsinee gaftnaa.
  7. Sabaa fi Sablamootiin, Ollootni keenyaa fi kanneen haqa jaal’attan hundi nu wajjin akka dhaabbatan waaminsa goona.
  8. Ummatnii Oromoo addatti Sabaa jibbuu hinqabuu Sirnaa Nafxanyaa Minilk, Sirnootaa Abba Irree Impayeeraa Ityophiyaa walduraa duubaa mirgaa isa sarbaanii irratti qabsoo haqaa gaggeessaa jira. Ammallee Finxalootiin Ummatootii tokko tokko kan Ol antummaa ummataa tokkof fiigan gocha jibiinsaa ummataa gidduutti ummaa deemanii irra of qusaan waamichaa goonaf.
  9. Sanyii duguugaa bakkootaa gargarii jeechuun Bulchiinsaa Tigrayi, Mikaderaa, Matakal, Benishangul, Wallaga, Gujii, Boorana, godinaalee Harageh fi Arsi, Afar fi Somaleetti rawwataman gartuu walaaba tahen akka qoormaatni sirna tahu ni gaftna.

Biyyii Ityophiyaa Walabuumaa ishe gaffii jalaa galuun Humnii Eritreyaa fi biyyootiin biroo biyyaa seenuun midhaa geessaa jiran irra akka waligalteen adunyaa kabajamuu biyyootiin adunyaa, AU, EU fi UN dhibbaa godhaan gaftna.

 

Injifatnoo Ummata Oromoof !!

Jaarmiyaa ABO Biyya Ambaa

Ebla 8, 2021