IBSA WALGAHII SHANEE GUMII – GS – ABO

IBSA WALGAHII SHANEE GUMII – GS – ABO

Bitootessa 18, 2019

addaShaneen Gumii – GS – ABO, Bitootessa 13 – 17 bara 2019 walgahii geggeeffatee, haala yeroo kan biyyaa fi kan Qabsoo Bilisummaa Oromoo irratti marii bal’aa geggeessuudhaan ilaalchaa fi hojiilee fuul-duraa kan qajeelchan murtiilee armaan gadii dabarfatuun xumuratee jira.

  1. RAKKOO SIYAASAA MUL’ATU FURUU IRRATTI
    Wal-dhibdee ABO fi mootummaa Itoophiyaa gidduutti baroota dheeraadhaaf ture wal haasawuudhaan karaa nagaa furuudhaaf Hagayya 7, 2018 waliigalteen godhame. Waligalteen kun akka yaadame shaffeessaa fi bal’ina barbaachisuun hojii irra ooluu irra harkifatee jira. Kana irraahis ABO’n bilisa ta’ee hojii siyaasaa geggeessuu irratti gufuuleen mudatan ni jiru. Waajjiraaleen Dhaabni kun hojii siyaasaa fi ijaarsaaf banate cufamanii miseensotni fi deggertootni Dhaaba kanaa hidhamuu, hoji-dhablee taasifamuu fi doorsisni bakkaa-bakkatti gaggeeffamaa jiraachuun faallaa waliigaltee sanaa ti. Dhimmi Waraana Bilisummaa Oromoo Abbootii Gadaatti kennamee waliigaltee fi nagaadhaan xumuruuf kan hojjetamaa jiru yoo tahe illee, balballi qabsoo karaa nagaa amma illee danqaa hedduu irraa hin qulqulloofne. Tahu illee, ABOn karaa nagaatiin rakkoo siyaasaa biyyicha keessa jiru furuuf itti fufee obsaa fi murannoodhaan akka hojjetu irra deebi’ee irbuu isaa haaromsa. Waliigaltee Asmaraa hojii irra oolchuu irratti rakkoo mootummaa fi ABO gidduu haasawaadhaan furuufis ABOn of qusannoo malee hojjechuu kan itti fufu tahuu irra deebi’ee mirkaneessa. Kana waliin miseensotni ABO fi namootni biroo kanneen sababa ABO deggertu jedhuun mana hidhaatti dararamaa jiran daddaaffiidhaan akka hiikamanii fi kanneen dhiittaa mirga dhala namaa fi hacuuccaa siyaasaa ummata Oromoo irratti geggeessan daddaffiidhaan seeratti akka dhiyeeffaman ABOn cimsee gaafata.
  1. MIRGA SABOOTNI QABSOO ISAANIITIIN ARGATAN TIKSUU IRRATTI
    Qabsoo hadhooftuu baroota dheeraa geggeessaniin sirni federaalummaa diriirfamee sabootni mirga eenyummaa isaanii tikfatuu fi ofiin of bulchuu hanga tokko argatanii jiran. Haa ta’u malee, sirna federaalummaa kana diiguudhaan tokkummaa humnaa kan fedhii ummatootaa irratti hin hundoofnee fi mirga eenyummaa fi ofiin of bulchuu sabootaaf beekkamtii hin laatne kan sirna durattii deebisanii saboota irratti fe’uuf humnootni siyaasaa tokko tokko duula bal’aa geggeessuu irratti argamu. Sirna federaalummaa jiru diiguudhaaf duulli siyaasaa geggeeffamaa jiru dhumaatii fi diigamiinsa kan dhalchuu danda’u waan ta’eef ABOn shira kana dura jabinaan dhaabbachaa mirgi guutuun Sabootaa hanga dhugoomutti qabsaawa. Duulli farra sirna federaalummaa akka hin milkoofneefis ABOn xiyyeeffannoo addaatiin irratti hojjeta.
  1. DHIMMA FINFINNEE IRRATTI
    Ummatni Oromoo uumamaan, seenaanis tahe seeraan Magaalaa Finfinnee irratti mirga Abbaa-biyyummaa qaba. Finfinnee fi Oromiyaa gidduu daangaan jiraatu kan bulchiinsaan ala tahuu hin qabu. Finfinneen Magaalaa Guddittii Oromiyaa qofa osoo hin taane handhuura Oromiyaa ti. ABOn mirga jiraattonni Finfinnee ilmaan Saboota adda addaa fi alagaan Finfinnee irratti qaban seeraan kabajamaa tahuus kanuma waliin mirkaneessa. Dhimma kanaan wal qabatee, kanneen Finfinnee sababa godhatuudhaan dantaa siyaasaa biroo guuttachuuf olola diigaa fi jibbiinsaa irratti bobba’anii jiran gochaa isaanii kana irraa daddaffiidhaan akka dhaabbatan ABOn hubachiisa.
  1. TOKKUMMAA JAARMOTA SIYAASAA OROMOO KAN ILAALUUN
    Tokkummaan jaarmota siyaasaa Oromoo, gaaffiilee: siyaasaa, dinagdee fi hawaasummaa Ummata Oromoo furuu keessatti qooda ol’aanaa qabaata. Tokkummaa jaarmota kanaa argamsiisuun gaaffii fi fedhii Ummata keenyaa ti. Hegeree Oromoo fi Oromiyaa irratti balaan aggaamamee jiru, balaa hunda keenya irratti aggaamame waan ta’eef, hegeree Oromoo fi Oromiyaa dhabama irraa oolchuuf hojjechuun dirqamaa fi gaafatama Dhaabota Siyaasaa Oromoo hundaa ta’uu ABOn ni amana.Waan kana taheef, tokkummaan kun daddaffiidhaan mirkanaawee Ummatni keenya daddaffiidhaan mirga isaa akka of harka galfatuuf ABOn Koree dhimma kana irratti hojjettu ijaaree bobbaaseera. Ummatni keenyas, tokkummaan kun akka mirkanaawuuf gargaarsaa fi dhiibbaa gama isaatii akka godhu ABOn jabeessee gaafata
  1. MIRGA SIYAASAA TIKFATUU IRRATTI
    Hoogganaa fi Mootummaa gaaffii isaatiif deebii kennuu danda’u akka utubatuuf mirgi: ijaaramuu, yaada ofii bilisa tahanii ibsachuu, socho’uu, wajjira banachuu, Dhaaba fedhan deggeranii kan fedhan mormuu Sabootaaf guutummaatti kabajamuu qaba. Mirgootni kun kan Heera biyya kanaatiin tikfaman yoo ta’an illee har’a dirreen siyaasaa biyya kanaa bakka adda addaatti dhiphifamaa jiraachuun ni mul’ata. Waan taheef, Mootummaan dirree Siyaasaa bal’isuu irratti waadaa seene akka kabaju ABOn irra deebi’ee yaadachiisa. Ummatootni hundis mirga qabsoo isaaniitiin argatan jabaatanii tikfatuudhaan jijjiiramni eegalame akka hin gufannee fi duubatti hin deebineef gahee isaanii akka bahatan ABOn hubachiisa.

Injifannoo Ummata Oromoof !

Adda Bilisummaa Oromoo
Bitootessa 18, 2019