Waadaan Araaraa fi Nageenyaa Gama ABOtiin Hin Jigu !

Waadaan Araaraa fi Nageenyaa Gama ABOtiin Hin Jigu !

(Ibsa ABO – Mudde 13, 2018)

addaAddi Bilisummaa Oromoo waliigaltee Mootummaa Itoophiyaa waliin irra geenye fiixaan baasuuf kan nu irraa eegamu hunda of qusannoo tokko malee raaw’achaa jirra. Haalotni fiixa bahiinsa waliigaltee kanaa lafa irra harkisan bakka mudatanittis Mootummaa wajjin wal quba qabeenyaa fi wal hubannootaan irratti hojjechuudhaan furmaata argamsiisuuf fedhii guddaa qabnu hojiidhaan agarsiisaa yoona geenye. Keessattuu dhimma Waraana Bilisummaa Oromoo (WBO) kan ilaaluun waan irratti waliif galame hojiitti hiikuudhaaf Mootummaa wajjin mari’annee waan gama lachuutiin godhamuu qabus murteeffannee marroo hedduu hojiitti bobba’aa turre. Har’as ittuma jirra.

Haa tahu malee yeroo adda addaatti akkuma nuti bobbaanee dhimma waliigaltee kana hojiitti hiikuu jalqabneen nu duubaan qaamotni Mootummaa fi Raayyaan Ittisa Biyyaa adeemsa kana kan gufachiisu tarkaanfii faallaa fudhachuun deddeebi’ee mul’achaa jira. Ragaaleen kana mirkaneessan harka ummata keenyaa jiru. Har’as itti fufee ija ummataa duratti wanti tahaa jiru isuma kana. Guggufatiinsa kanaa fi balaa/gaaga’ama kanaan wal qabatee gahuu maluuf Addi Bilisummaa Oromoo kan itti hin gaafatamne tahuu gadi jabeessinee hubachiisuu feena.

Nageenya Ummata Oromoo fi ummatoota biyyattii hunda tiksuuf, akkasumas, Bilisummaa fi mirgootni dimokiraasii ummatootaa akka kabajamaniif wareegamni qaalii fi ulfaataan baafamee jira. Wareegamni baafame kun akka bu’aa barbaadamu argamsiisuuf Addi Bilisummaa Oromoo Mootummaa fi qaamota dhimmi ilaalu hunda waliin obsaa fi hafuura itti gaafatamummaa ol’aadhaadhaan hojjechuu ammas ittuma fufa. Haa tahu malee nageenyaa fi araara guutuu mirkaneessuun fedhii fi tattaaffii gama hundaa kan gaafatu tahuu qaamotni fi namootni dhimmi ilaalu hundi (keessattuu caasaalee fi aangawootni mootummaa kan sadarkaa olii) hubatanii gaafatama ofii bahachuun dirqama taha.

Ummatni keenya waliigalatti, addatti ammoo dargaggootni (Qeerroon) haala deemaa jiru kana dammaqiinsaa fi xiyyeeffannoo ol’aanaadhaan hordofuun barbaachisaa dha. Adeemsa karaa nagaatiin eegalame kanaa fi Dhaaba isaanii (Adda Bilisummaa Oromoo) shira gama fedheenuu itti aggaamamu irraa tikfachuudhaan wareegama hanga har’aa baasanitti firii gochuuf Adda Bilisummaa Oromoo cinaa akka dhaabbatanis waamicha keenya haaromsina.

Injifannoo Ummata Oromoof !

Adda Bilisummaa Oromoo
Mudde 13, 2018