Harka Tokkoon Ijaaraa Harka Kaaniin Diiguun Jijjiirama Hin Fidu. Araaras Hin Milkeessu

Harka Tokkoon Ijaaraa Harka Kaaniin Diiguun Jijjiirama Hin Fidu. Araaras Hin Milkeessu

(Ibsa ABO – Mudde 18, 2018)

addaAddi Bilisummaa Oromoo Mootummaa Itoophiyaa wajjin waliigaltee irra gahe irratti hundaawuudhaan Kaayyoo qabsaawuuf galmaan gahuuf karaa nagaa ifatti biyya keessa sossohuu erga eegalee baatiilee 3 ol lakkoofsisee jira. Yeroo baatiilee 3 ol dabarsine kana keessatti Ummata keenya keessa sossoonee hojii siyaasaa bal’aa fi bu’a qabeessa tahe, kan waliigaltee ABO fi Mootummaa Itoophiyaa gidduutti taasifame milkeessuuf gargaaru hojjennee jirra jennee amanna. Sochii hanga ammaa kana keessatti Ummata keenya kan Godinaalee Oromiyaa mara keessattii fi sanaan alattis miliyoonotaan bahee nu simachaa turee fi jiru, akkasumas, Caasaalee Mootummaa kan sadarkaa adda addaa keessaa milkaawina sochii keenya hanga ammaatiif gumaacha gama isaanii kanneen taasisan hudaaf galatni keenya guddaa dha. Galatni hundaa olii ammoo jijjiirama kana argamsiisuuf kanneen lubbuu isaanii wareeganiif haa tahu jenna.

Kana yeroo jennu sochii keenya hanga ammaa keessatti dhiibbaan nu irra geessifamee fi rakkoon nu mudate hin jiru jechuu miti. Wanneen Mootummaa Itoophiyaa wajjin irratti wal taanee fi waadaan Mootummaan nuuf seene hedduun gama qaamota Mootummaa kan sadarkaa adda addaatiin sababa hokkolaa gara garaa danqaruu irraa hojiitti hiikamiinsi isaanii akka harkifatu tahaa yoona gahuunis dhugaa hin haalamne. Tahu illee gama Adda Bilisummaa Oromootiin hanqinootni gama Mootummaatiin mul’atan irraa – jalaan guutamaa fi wayyaawaa deemuu danda’u abdii jedhu qabaachaa yoona geenyee jirra. Gama biraatiin ammoo Ummatni keenya miira aarii fi shakkii keessa seenee gara tarkaanfii biraatti akka seenus hawwii keenya miti. Kana irraa kan ka’e danqaalee gama Mootummaa irraa nu mudatan hunda Ummatatti gadi baasnee himuu irraa of qusachaa turre.

Lakkuma buluun wayyoominni argamaa deema kan jedhu abdiin keenya haphachaa dhufee, bakki amma irra geenyee jirru sadarkaa waan hunda waliif obsuus tahe waliif dhoksuun hin danda’amee fi niis hin barbaachisne tahee mul’ata. Waan taheef, Ummatni keenya haala deemaa jiruu fi sanaan wal qabatee rakkoo boru mudachuu malu dursee hubatee madda ykn. qaama furmaataa tahuudhaan qooda gama isaa akka kennuuf danqaalee fi dhiibbaa hin barbaachisne kan gama Mootummaa irraa nu mudachaa turanii fi jiran hanga tokko Ummataaf ifa gochuun dirqii tahee jira.

  1. Waggoota 27 dabraniif caasaa EPRDF jalatti roorroon dorgomaa hin qabne Ummatoota irra geessifamaa turuun dhugaa addunyaan beektu dha. Har’as caasaalee Mootummaa sadarkaa adda addaa keessatti hoogganootni, dabballootni fi qondaalotni Paartii kanaa kanneen loogii siyaasaatiin roorroo kana Ummata irraan gahaa turan hedduun bakka tokko irraa gara biraatti jijjiiramuu fi gariin ammoo inumaa iyyuu aangoon dabalamuufii malee furmaatni hundee Ummataaf godhame haga ammaatti hin jiru. Caasaan EPRDF hedduun sababa kana irraa kan ka’e Ummata keessatti jibbamee laamsha’uu fi Ummataan diigamaa jiraachuun bakkoota hedduutti mul’achaa ture, mul’achaas jira. Kun waliigaltee ABO fi Mootummaa Itoophiyaatiin dura irraa kaasee waan mudachaa turee fi jiruu dha. EPRDF dhugaa rakkoo kanaaf sababa tahe (hanqina keessa isaatii) amanee fudhachuudhaan furmaata barbaaduu dhiisee akka waan ABOn rakkoo kanaaf sababa taheetti dhiheessuuf yaalaa jira. Hanqina kanas duula Waraanaa fi ololaan deebisanii suphachuun kan danda’amu itti fakkaatee sanaaf haala mijeeffachaa jira. Akka kanaanis gama tokkoon gurmuu tokkummaa Oromoo laaffisuuf qaanii fi maal naan jedhuu tokko malee olola qaanfachiisaa oofaa, gama biraatiin ammoo duula waraanaa guddaa Ummata mirga isaa gaafachaa jiru irratti banuuf sochii bal’aa gochaa akka jiru argaa jirra. Rakkoo caasaa EPRDF mudateef himannaa dharaa ABO irratti dhihaatu hin fudhannu. Rakkoon akkasii kan furamu gaaffii ummataa obsaan dhaggeeffatanii furmaata siyaasaa fi bulchiinsaa itti barbaaduudhaan qofa akka tahe hubachiisna. Kanaan wal qabatee maqaa ol’aantummaa seeraa kabajsiisuu jedhu jalatti dahachuudhaan Ummata mirga isaa gaafatu irratti duulli waraanaa gaggeeffamu waliigaltee keenyaa fi adeemsa karaa nagaa eegalame kan faallessuu fi booressu tahuu hubachiisna. Akkasumas, dhimma Waraana Bilisummaa Oromoo kan akka waliigaltee keenyaatti hojiitti hiikuuf sossohaa jirru ni gufachiisa. Walumaagala abdii fi carraa gaarii amma jiru kana dhabamsiisee rakkinaa fi kufaatii irra aanuun hin salphanne keessa nu galchuu danda’a. Waan taheef Mootummaan Itoophiyaa adeemsa balaafamaa kana irraa akka of qusatu jabeessinee gorsina.
  2. Lola tahe jedhamee daangaalee Oromiyaa karaa adda addaatiin Ummatoota ollaa keessaa leenjisanii hidhachiisuudhaan Ummata Oromoo irratti gaggeeffamaa turee fi jiru dhaabsisuuf Mootummaan Itoophiyaa gaafatama isaa bahachuutti jira jennee hin amannu. Lola kana keessatti waraanni maqaa Raayyaa Ittisa Biyyaa Itoophiyaatiin beekamu humnoota hidhachiifamanii Oromootti duulchifaman bira goruudhaan Oromoo ajjeesaa akka turee fi jiru Ummatni keenya kan miidhaan kun irra gahe deddeebisanii miidiyaalee adda addaa irratti ragaa bahaniiru. Lolli kun miidhaa fi yaaddoo nageenyaa guddaa Ummata Oromoo fi Ummatoota balaa lolichaaf saaxilaman hunda keessatti uumuu bira taree fiixa bahiinsa waliigaltee ABO fi Mootummaa Itoophiyaa harkifachiisuu irrattis dhiibbaan inni uumaa jiru salphaa miti. Waan taheef lolli kun hatattamaan dhaabbatee nageenyi Ummatootaa akka mirkanaawuuf Mootummaan xiyyeeffannoo ol’aanaa itti kennee hojjechuun barbaachisaa tahuu jabeessinee hubachiisna.
  3. Dhimmi Waajjira Adda Bilisummaa Oromoo kan Gullallee Ummata keenya biratti dhimmoota gurguddoo itti dhiheenyaan hordofamaa jiran keessaa tokko. Sababa quubsaa hin taaneen Waajjirri kun hanga ammaatti akka waltahiinsa keenyaatti guutuutti gadi nuuf hin lakkifamin jira. Kun tahuun ammoo hojii keenya irratti dhiibbaa guddaa uumaa jiraachuu bira taree Ummata keenya kan dhimma kana hordofaa jiru birattis komii fi shakkii guddaa uumaa jiraachuu hubachiisna. Rakkoo kanaan wal qabatee uumamuu malu hanqisuuf jecha Waajjirri kun akkuma waltahiinsa keenyaatti dafee akka guutuutti nuuf gadi lakkifamu gaafanna.
  4. Dhimmi ilmaan Oromoo (Deggertoota, Miseensotaa fi Hoogganootni ABO) waggoota 27 dabran keessatti Mootummaa EPRDFiin ukkaamfamanii achi buuteen isaanii dhabamee qabxiilee waliigaltee keenyaa keessaa tokko ture. Namootni kunniin akkuma waltahiinsa keenyaatti du’aa-jiruun isaanii fi bakki jiran ummata keenyaaf akka ifa taasifamu carraa kanaan irra deebinee gaafanna.
  5. Baqattootaa fi miidhamtoota Oromoo gargaaruudhaan Addunyaa irratti kan beekamu Waldaan Gargaarsa Oromoo ykn. Oromo Relief Association (WGO/ORA) biyya keessatti deebi’ee akka gadi dhaabbatuuf hayyamni seeraa dafee akka kennamuuf fi qabeenyi isaa Mootummaadhaan saamamee tures akka deebifamuuf irra deebinee gaafanna.

Dhimmootni armaan olii waliigaltee ABO fi Mootummaa Itoophiyaa gidduutti irra gahame milkeessuuf yaalii godhamu irratti dhiibbaa qabaachuu kanneen danda’anii fi qabaachaas jiran keessaa muraasa. Waan taheef, Mootummaan dhimmoota waliigaltee keenya milkeessuufis tahe danquuf qooda qaban kanneenii fi kan biroos ilaalchisee hanqinoota gama caasaalee isaatiin mul’atan akka guutu gaafanna.

Akkuma jalqaba irratti ibsine jijjiiramootni xixiqqaan argaman ykn. wanneen isa kaleessaa irra wayyaa tahan jiraachuun hin haalamu. Isaan sana jajjabeeffachuu fi hamilee waliif kennuun dhuguma ni barbaachisa. Sana qofa ilaaluudhaan isa har’a ija keenya duratti badaa jiru yoo itti callisne garuu harka tokkoon ijaaraa harka kaaniin diiguu taha. Bakka kaleessaatti yoo of duuba nu deebise malee fuul-durattis nu hin adeemsisu. Waan taheef, hanqinoota mul’atanii fi dhiibbaa hin barbaachisne kanneen sochii karaa nagaa fi jijjiirama hawwinutti gufuu tahuu danda’an waliif akeekuu fi furmaataaf waliin hojjechuu nu barbaachisa.

Maayyii irratti Ummanti keenya gurmuu tokkummaa isaa kan wareegama ulfaataadhaan deebi’ee ijaaramee Qabsoo Bilisummaa isaa sadarkaa kanaan gahe tikfachaa, sochii karaa nagaa eegalame kana milkeessuuf wal faana akka sossohu dhaamsa keenya dabarsina. Akkasumas, haala amma jiru keessatti gufuuleen Qabsoo Bilisummaa Oromoo afoo tarrifaman kaafamanii gara filannoo haqaa fi bilisa tahetti deemuudhaan hegeree ofii bilisa tahee murteeffachuu akka danda’uuf Dhaaba dhiigaa fi lafee ilmaan isaatiin ijaaree guddifate (Adda Bilisummaa Oromoo) cinaa dhaabbatee tikaa fi ittisa barbaachisu hunda akka godhuuf yaamicha keenya haaromsina.

Injifannoo Ummata Oromoof !

Adda Bilisummaa Oromoo
Mudde 18, 2018