Ajjeechaan Aadde Biraanee Maammoo Dhala Namaa Hundaan Balaaleffatamuu Qaba

Ajjeechaan Aadde Biraanee Maammoo Dhala Namaa Hundaan Balaaleffatamuu Qaba

(Ibsa ABO – Adoolessa 25, 2018)

addaAdoolessa 23, 2018 galgala Dhiha Oromiyaa magaalaa guddittii Godina Qellem Wallaggaa kan taate Dambi Doolloo irraa oduun dhagahame kan hedduu gurra namaatti ulfaatu oduu suukanneessaa fi gaddisiisaa dha. Oromtittiin da’umsaaf ciniinsuu irra jirtu Aadde Biraanee Maammoo osoo maatiin da’umsaaf gara mana yaalaa (Hospital)ttiin fiigaa jiranii Dambi Doolloo ganda 04 keessatti karaa irratti loltoota mootummaan EPRDF bobbaaseen rasaasni itti roobsamee akkuma ciniinsuu irra jirtutti osoo hin furamin ilmoo garaadhaa qabdu waliin ajjeefamte.

Ajjeechaa bineensummaa kan dhalli namaa kamuu nama akka isaa irratti ni raaw’ata jedhamee hin yaadamne loltoota mootummaa Itoophiyaatiin Aadde Biraanee Maammoo irratti raaw’atame kana Addi Bilisummaa Oromoo jabeessee balaaleffata. Nagaa-jaallattootni hundis ajjeechaa bineensummaa loltootni mootummaa Itoophiyaa dubartii ulfaa haala ulfaataa sana keessa jirtu irratti raaw’atan kana cimsanii akka balaaleffatan ABOn yaamicha dhiheessa.

ABOn ajjeechaa Oromiyaa keessatti fi sanaan alattis yeroo adda addaatti mootummaa Itoophiyaatiin gaggeeffaman balaaleffachaa ture. Balaaleffachuu irra dabrees kanneen yakka ajjeechaa raaw’atan seeratti dhihaatanii akka gaafatamanii fi haqni lammiilee dabaan ajjeefamanii akka bahu deddeebisee gaafachaa turuun ni yaadatama. Ammas ajjeechaa suukanneessaa Aadde Biraanee Maammoo kanaa fi ajjeechaa Oromiyaa bakkoota adda addaa fi Oromiyaan alattis lammiilee nagaa irratti mootummaa Itoophiyaatiin gaggeeffamaa jiran hundaa irra deebinee sagalee cimaadhaan balaaleffachaa yakkamtootni hundi seeratti akka dhihaatan cimsinee gaafanna.

Kanneen jibbiinsa ummataa qabanii fi naatoo namummaa hin qabne ummatatti bobbaasuudhaan akka ummata nagaa goolanii fi ajjeechaa suukanneessaa akkasii akka raaw’atan taasisaa kan jiru mootummaan Itoophiyaa gochaa farra ummatummaa kana irraa hatattamaan akka dhaabbatus ABOn jabeessee gaafata. Mootummaan kun miseensotaa fi qaamota isaa kanneen yakka bifa fedheehuu dalagan seeratti dhiheessuu fi yakki fakkaataan akka itti hin fufneefis gaafatama isaa akka bahatu ABOn dabalee hubachiisa.

Akka waliigalaatti Impaayera Itoophiyaa keessatti, addatti ammoo Oromiyaa keessattii fi keessattuu haalli Dambi Doolloo fi Godina sanaa gara hamaatti tarkaanfachaa fi yaaddessaa tahaa jira. Waan taheef nagaa-jaallattootni hundi, qaamotni gara garaa fi mootummaan Itoophiyaas haala kana dhaabsisuufis tahe nageenyi waaraan naannichatti akka bu’u taasisuuf akka waliin hojjennu Addi Bilisummaa Oromoo kanneen dhimmi ilaalu hundaaf yaamicha dhiheessa.

Gadaan Gadaa Xumura Gabrummaa ti !
Injifannoo Ummata Oromoof !

Adda Bilisummaa Oromoo
Adoolessa 25, 2018