Mootummaan Itoophiyaa Lola Hin Barbaachisne Oromoo Irratti Geggeessuu Irraa Dhaabbachuu Qaba

ABO

Mootummaan Itoophiyaa Lola Hin Barbaachisne Oromoo Irratti Geggeessuu Irraa Dhaabbachuu Qaba

(Ibsa ABO—Adoolessa 20, 2018)

Akka odeeffannoo qabatamaan EPRDF keessaa argame mul’isutti mootummaan Itoophiyaa, akkasumas, Pirezdaantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Lammaa Magarsaa fi Bulchiinsi isaa lola ABO fi Qabsoo Bilisummaa Oromoo irratti gaggeessaa turanii fi jiran irraa dhaabbachuutti hin jiran. Obbo Lammaa Magarsaa, Obbo Abbaa Duulaa Gammadaa, Jeneraal Biraanuu Juulaa fi namootni biroo kan keessatti argaman murni tokko dhimma lola kanaa adda-durummaadhaan kan dhiibaa jiran tahuunis hubatamee jira. Murni kun haasaan nagaa ABO waliin jalqabame rarraafamee yoo xiqqaate baatii tokkoof duulli Waraana Bilisummaa Oromoo irratti geggeeffamaa jiru akka itti fufuuf Muummicha Ministeerotaa Itoophiyaa Dr. Abiy Ahmed irratti dhiibbaa gochuudhaan amansiifachuunis dhagahamee jira.

Erga dhiheenya kana Jilli ABO kan Jaal Daawud Ibsaa (H/D-ABO)tiin durfamuu fi Muummichi Ministeerotaa Itoophiyaa Dr. Abiy Ahmed Asmaraatti wal dubbatanii as ABOn gama isaatiin rakkoon jiru haasaadhaan furmaata akka argatuuf of qusannoo malee hojjechaa jira. Hanga Labsii Dhukaasa Dhaabuu labsuutti kan deemneefis kanaafi. Osoo gama ABOtiin yaaliin akkanaa taasifamaa jiruu gama mootummaa Itoophiyaatiin lolli ABO irratti gaggeeffamaa jiru lola hin barbaachisnee fi haasaa jalqabamettis danqaa tahuu kan danda’uu dha.

Yeroo dheeraadhaaf naannoo kanatti wanneen madda rakkoo tahan keessaa tokko mootummaan Ioophiyaa gaaffii bilisummaa Saba Oromoo afaan qawweetiin ukkaamsee hambisuuf yaaluu isaa ti. Sun ammoo naannoo kana dirree lolaa fi madda jeequmsaa taasisee beela, hiyyummaa, hoji-dhablummaa fi baqattummaa babal’isuun alatti bu’aa argamsiise hin qabu. ABOn rakkoo kanatti furmaata waaraa gochuuf humnoota qabsaawan keessaa isa angafaa fi qooda ol’aanaa kennaa turee fi jiru dha. Haala Siyaasa Itoophiyaa keessatti yeroo ammaa abdii jijjiiramaa kan uumes qabsoo ummatni Oromoo Bilisummaa isaa gonfachuuf ABOdhaan hoogganamee gaggeessaa jiru tahuun hin haalamu.

Yeroo ammaa Impaayera Itoophiyaa keessatti fedhii siyaasaa humnoota gara garaatu wal hudhee wal dura dhaabbachaa jira. Qabsoo Bilisummaa Oromoo wareegamni qaalii fi ulfaataan itti baafamee sadarkaa kana dhaqqabe haala wal xaxaa kana keessaa injifannoodhaan baasuufis tahe furmaata waliigalaa naannichattti argamsiisuuf nam-tokkees tahe jaarmayni Oromoofin qabsaawa jedhu kamuu yeroo ammaatti bilchinaa fi hafuura itti gaafatamummaa ol’aanaan sossohuutu irraa eegama. Dhugaa kana osoo beekanii Bulchiinsi Obbo Lammaa Magarsaa fi Dhaabni isaanii OPDOn akkasumas humnootni biroo Adda Bilisummaa Oromoo, WBO fi Qeerroo dhabamsiisnu malee jedhanii sababaan Oromoo irratti lola babal’isuu filataniif nuuf hin galu. Adeemsi akkanaa Qabsoo Bilisummaa ummatni keenya gatii guddaa itti baasee asiin gahate injifannoodhaan guduunfuuf hin gargaaru. Nagaa waaraa Impaayera Itoophiyaa fi naannoo kanatti barbaadamuufis gufuu guddaa taha.

Waan taheef, Addi Bilisummaa Oromoo gama isaatiin Labsii Dhukaasa Dhaabuu dhiheenya kana labse hojiitti hiikuuf tattaafachaa Mootummaan Itophiyaas gochaa lola babal’isuu kana irraa of qusatee rakkoon jiru haasaa jalqabame milkeessuudhaan akka furamuuf gaafatama isaa akka bahatu cimsee gaafata. Hawaasni keenyas haala kana sirriitti hordofuudhaan dhiibbaa feesisu akka godhu ABOn hubachiisa.

Gadaan Gadaa Xumura Gabrummaa ti !
Injifannoo Ummata Oromoof !
Adda Bilisummaa Oromoo
Adoolessa 20, 2018