Bakka Bulchiinsi Afaan Qawwee Jirutti Qabsoo Hidhannoo Irraa Duroomuun Hin Danda’amu

Bakka Bulchiinsi Afaan Qawwee Jirutti Qabsoo Hidhannoo Irraa Duroomuun Hin Danda’amu

(Ijoo Dubbii ABO Caamsaa 22, 2018)

Eessattis haa tahu yeroo kamuu bakka bulchiinsi Abbaa Irree fi sirni gabroomfataan hundeesse kan mirga Ummataa afaan qawweetiin sarbee hacuucee bulchu jirutti Ummatni mirga isaa kabajsiifatee Bilisummaadhaan jiraachuuf Qabsoo Hidhannoos tahe tarsiimoo isaaf aanjee fi itti amane kamuu hordofuun mirga Ummatichaa ti. Sirna bulchiinsaa kan cunqursaa fi Abbaa-irrummaa Mootummootni Abbootii Irree kanneen akka Mootummaa Itoophiyaa hordofaniin “Faashina yeroon itti darbe” yoo jedhan sirrii taha malee Qabsoon Ummatni sirnoota akkasii irratti geggeessu tooftaa fi tarsiimoo Ummatichi itti amane filachuun ulaagaa kamiinuu “Faashina yeroon itti darbu” jedhamuu fi tahuus hin danda’u.

Kana waan taheef, Hoogganootni ol’aanoon OPDO/EPRDF (Pirezdaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa, akkasumas Itti Aanaa Dura Taa’aa OPDO Obbo Lammaa Magarsaa fi Dura Taa’aa OPDO/EPRDF, akkasumas, Muummeen Ministeeraa Itoophiyaa Dr. Abiy Ahmed) guyyaa dheengaddaa (Caamsaa 20, 2018) Magaalaa guddoo Godina Qellem Wallaggaa kan taate Dambi Doollootti daaw’annaa hojii wayta taasisanitti Qabsoo Hidhannoo Sabni Oromoo Bilisummaa afaan qawweetiin sarbame deebisee gonfachuuf geggeessaa turee fi jiruun “Yeroo ammaa qabsoon qawweedhaan geggeeffamu faashina yeroon itti darbe dha” kan isaan jedhan yaada dogoggoraa kan haala qabatamaa lafa irra jiru hin calaqqisne tahuu hubachiisuu feena.

Kana malees Hoogganootni OPDO/EPRDF kunniin haasaa isaanii keessatti Dhiha Shawaa irraa eegalee Bahaa fi Dhiha Wallaggaa guutuutti akka waan Ummatni naannichaa nagaan akka hin jiraanne gochuudhaan hojii mishoomaa naannichaatti ofuma isaatiif gufuu ofitti taheetti dubbachuun isaanii hedduu kan nama gaddisiisuu fi ajaa’ibu. Akkasumas, ilaalchaa fi hubannaan isaan Ummataaf qaban kan akkamii akka tahes waan wal nama gaafachiisuu dha. Ummatni waan isa miidhuu fi waan isaaf tolu, waan deggeruu fi mormuu qabu, waan tikfachuu fi kunuunfachuun isa feesisuu fi hin feesisne, walumaagala waan gochuu fi dhiisuu qabu akka waan hin beekneetti Ummatatti bifa kanaan dubbachuu fi doorsisuuf yaaluun tuffii Ummatichaaf qaban kan agarsiisuu fi ulaagaa kamiinuu fudhatama kan hin qabnee dha.

Godina Qellem Wallaggaattis tahe Godinaalee Oromiyaa hunda keessatti, dabreetis Bulchiinsa Naannoolee Itoophiyaa keessatti argaman kanneen biroo hedduu keessatti yeroo dheeraadhaaf (keessattuu ammoo waggoota muraasa as aanan kana Oromiyaa fi Naannoo Amaaraa keessatti) nagaa fi sabatiinsi akka hin jiraanne kan taasise maddi rakkoo hacuuccaa fi roorroo ulfaataa Sirni Bulchiinsa Abbaa-Irrummaa EPRDF Ummatoota irraan gahaa ture dha. EPRDF rakkina siyaasaa, dinagdee fi hawaasummaa Itoophiyaa keessatti hidda yaafatee nagaa fi sabatiinsi akka dhabamu taasise kanaaf sababaan isuma (EPRDF mataa isaa) tahuu yeroo adda addaatti irra deddeebi’ee ofitti ragaa bahuudhaan ifatti Ummatoota dhiifama gaafachaa akka tures beekamaa dha.

Kun osoo beekamuu har’a Obbo Lammaa fi Dr. Abiy akka waan Godina Qellem Wallaggaa fi naannoo isii (karaa Dhiha Oromiyaa qofa) rakkoon jiruu fi sanaafis abbaan badii Ummatuma naannichaa akka waan taheetti oggaa dubbatan dhagahuun hedduu qaanfachiisaa fi isa kaleessa “Gaaffiin Ummataa sirrii dha, Gooftaan keenya Ummata, balleessaan nu bira jira, of sirreessina….” jedhanii Ummataaf waadaa seenaa turan dagachuu ykn. haaluu dha.

Kanumaan wal qabsiisuun Obbo Lammaa Magarsaa yakka daangaa hin qabne kan Ummata Oromoo irratti dalagamaa turee fi jiru hunda osoo beekanii Waltajjii Dambi Doolloo irratti “Qaama Mootummaa keessaa yoo namni nama miidhe, ajjeese, gubboo fudhate….jiraate seeraan

gaafadhaa!” jechuun isaaniis waan hedduu nama ajaa’ibu tahee argama. Ajjeechaa suukkanneessaa Dambi Doollootti, Caanqaatti, Gudaritti, Naqamtetti, Ambotti, Calanqotti, Mooyaaleetti, Hammarreessatti, Arsiitti, Baaleetti …fi Oromiyaa guutuu keessatti iddoo gara garaatti waraana Wayyaanee/EPRDFiin raaaw’atamaa turee fi jiru akka nama quba hin qabneetti Obbo Lammaan “Yoo namni qaama Mootummaa keessaa nama miidhe jiraate…” jedhanii dubbachuun yakka Mootummaan EPRDF Ummata irratti dalagaa turee fi jiru dhoksuuf yaaluu yoo tahe malee hiika biraa qabaachuu hin danda’u.

Kanaan dura Obbo Lammaan mataan isaanii ajjeechaa jumlaa waraanni EPRDF/Wayyaanee Calanqotti Ummata nagaa irratti raaw’ate balaaleffatanii namoota sana godhan seeratti dhiheessina jechuun isaanii ni yaadatama. Ilmaan Oromoo lakkoofsaan naannoo miliyoona tokkoo tahan badii tokko malee Oromummaa isaanii qofaaf Bulchiinsa Naannoo Somaalee keessaa shira Mootummaan EPRDF tahe jedhee xaxeen humnaan buqqaafamanii dirree irratti faca’aniifis akkasuma dhimmi kun seeratti dhihaatee murtii haqaa kan argatu tahuu Obbo Lammaa Magarsaas tahe Dr. Abiy Ahmed Ummataaf waadaa seenaa kan turan tahus yakka gurguddaa Ummata keenya irratti loltootaa fi aangawoota Mootummaa EPRDFiin dalagame kana hundaaf hanga ammaa namni tokkichi seeratti dhiheeffamee murtiin seeraa itti kenname hin mul’anne. Dhugaan kun hundi osoo beekamuu Ummata roorroon itti hadhaawee mirga isaa falmatu akka nagaa hin barbaadne, homaa hin beeknee fi seera-dhablee taheetti dhiheessuu fi doorsisuun gonkumaa fudhatama hin qabaatu.

Akkasumas, tarkaanfiin Qeerroo fi Ummatni keenya lukkeelee diinaaf tumsanii isa hiisisuu, saamsisuu fi ajjeesisuu irratti bobba’an adabuuf fudhatu dirqama Qabsoon Bilisummaa gaafatuu dha mlaee akka Obbo Lammaan jedhanitti wal ajjeesuu wallaalummaa irraa madde fakkeessuun dogoggora guddaa dha. Ummatni keenya doofummaa fi wallaalummaa sadarkaa sanaa qabaata jedhanii yaaduunis eenyummaa Ummatichaa wallaaluu ykn. Ummaticha tuffachuu taha.

Maayyii irratti, Itoophiyaa keessatti Qabsoon Hidhannoo akka filmaataatti akka hin fudhatamne taasisuu kan danda’u Impaayerattiin kan hanga har’aatti ittiin beekamtu sirni bulchiinsa Abbaa-Irrummaa kan Afaan qawwee qofatti amanuu fi abdatu hundee irraa gaafa jijjiirame qofa. Jijjiirama bu’uuraa kan Sirna dimokiraasii haqaa ol’aantummaa fi Walabummaan Ummataa fi Seeraa keessatti kabajamu argamsiisuu qofatu Qabsoo Hidhannoo akka tarsiimoo qabsootti filachuu yaada duubatti hafaa taasisa. Jijjiiramni bu’uuraa akkasii sun argamnaan Paartiilee fi qaamotni ilaalcha siyaasaa adda addaa qaban hundi sababaa ilaalcha siyaasaa hordofaniitiif jecha arihatamuun, doorsifamuun, hidhamuu fi ajjeefamuun hin jiraatu. Waan taheefis namuu mirga isaa seeraan falmachuu malee sababaan Qabsoo Hidhannootti nama dirqu hin jiraatu jechuu dha.

Kana waan taheef akka Mootummaa Naannoo Oromiyaattis tahe akka Dhaaba OPDOtti, dabreetis akka EPRDF fi akka Mootummaa Itoophiyaatti jijjiiramni bu’uuraa kan Ummatootni mirga isaanii kabajsiifachuuf qawwee kaasuuf akka hin dirqamneef wabii tahu akka dhufuuf wareegama feesisu baasanii qaamota dhimmi ilaalu hunda waliin hojjechuu malee Ummata filmaata biraa dhabnaan Bilisummaa ofii qabsoo fi wareegamaan kabajsiifachuuf karaa isaaf mijaaween socho’u komachuu, abaaruu fi doorsisuun rakkoo ture daran hammeessuu malee furmaata akka hin taane Addi Bilisummaa Oromoo cimsee akeekkachiisa.

Injifannoo Ummata Oromoof !