Alaabaan ABO/Oromoo Mallattoo Diddaa Gabrummaa fi Aasxaa Walabummaa Oromiyaa ti

Alaabaan ABO/Oromoo Mallattoo Diddaa Gabrummaa fi Aasxaa Walabummaa Oromiyaa ti

(Ijoo Dubbii ABO Onk. 16, 2017)

Qabsoo haqaa Sabni Oromoo Walabummaa isaa gonfachuuf geggeessaa turee fi jiru adda durummaadhaan kan hoogganu Addi Bilisummaa Oromoo Akeekaa fi Kaayyoon isaa galma gahiinsa qabsichaa ti. Jaalalaa fi deggersi dorgomaa hin qabne kan Ummatni Oromoo Dhaaba isaa Adda Bilisummaa Oromootiif qabus Akeekaa fi Kaayyoo Dhaaba kanaa tolchee hubachuu fi kiyya jedhee itti amanuu irraa kan maddee dha. Kunis firii wareegamaa fi qabsoo hadhaawaa ABOn ummata ijaaruun waliin wareegamuu irraa kan argame malee akkasumatti bilaasha kan dhufe miti.

Jaalalaa fi deggersa Kaayyoon Adda Bilisummaa Oromoo Ummata bal’aa Oromoo biratti qabu wanneen mul’isan keessaa tokko jaalala Ummatni keenya Alaabaa Adda Bilisummaa Oromootiif qabu dha. Moggaa lamaaniin diimtuu, magariisaan gidduu, walakkaan isii aduu, handhuurti isii Odaa mataa gubbaan Urjii diimtuun mul’attu tan taate Alaabaan Adda Bilisummaa Oromoo, yeroo ammaa tan Dhaabichaa qofa tahuu bira dabartee Alaabaa Oromoo fi Aasxaa Walabummaa Oromiyaa taatee jirti.

Gootowwan qaqqaaliin ilmaan Saba keenyaa hedduun Alaabaa tana qabatanii Walabummaa Sabichaatiif irbuu/kakuu seenan galmaan gahuudhaaf dhiiga isaanii dhangalaasanii, lafee isaanii caccabsanii, lubbuu isaanii itti wareeganii jiru. Har’as kanumatu deemaa jira. Qabsoo hidhannoo fi Ficila Diddaa Gabrummaa Ummanti keenya dhaabbattummaadhaan geggeessaa jiruun maddiitti waggaa waggaadhaan Irreecha qabsoodhaan deebi’ee haaromsame irratti dargaggootni kaayyoo qabsoo kanaa fi alaabaa kana ofitti maxxansatan kuma kudhanootaan waadaa qabsoo finiinsuu waliif seenanii kumootaan irratti wareegamaa jiru. Jaalalti Alaabaa Oromoo tan Onnee Ummata keenyaa keessaa hoggayyuu dhikkifattus sababa malee miti. Ummatni keenya dhiiga ilmaan isaa Walabummaa Oromiyaaf dhangalaasan, lafee isaanii itti caccabee fi wareegama lubbuu Kaayyoo kanaaf baafame hunda alaabaa tana keessaan daaw’ata. Kakuu ykn. Irbuu ilmaan isaa Alaabaa tana qabatanii waliif seenan ittiin yaadata.

Ilmaan Saba keenyaa Alaabaa tana qabatanii dooyaa gara garaa irratti oggaa bahan, mana jireenya isaanii fi iddoo hojii isaaniitti maxxanfatanii oggaa mul’atan, uffannaa fi meeshaalee adda addaa irratti oggaa maxxanfatanii mul’atanii fi bifa gara garaa hedduudhaan oggaa Alaabaa tana wajjin of mul’isan ittiin faayamanii bareedanii mul’achuu qofaaf osoo hin taane, Alaabichi mallattoo Kakuu isaanii tahuu mul’ifachuufi. Mootummaa bara baraan isaan fixu osoo hin taane, mootummaa isaaniin dhaabbatee isaaniif dhiigu, kan isaan bakka bu’u halaalatti ittiin waan arganiifi. Alaabaan teenya mallattoo kakuu/irbuu nuti ilmaan Oromoo Walabummaa keenya dhiiga keenyaan gonfachuuf waliif seennee ti. Alaabaan teenya Aasxaa Walabummaa keenyaa ti.

Diinummaa Saba Oromoof qabu ifatti labsee lola itti banuudhaan baroota aangoo isaa hunda Ummata keenya wajjin lola irra kan jiru Wayyaaneen, jaalala Ummatni keenya Adda Bilisummaa Oromoo fi Alaabaa isaatiif qabu Onnee Ummatichaa keessaa haquuf jecha shirri dalage, doorsisni geggeessaa ture, hidhaa fi ajjeechaa dabalatee tarkaanfiin diinummaa inni Ummaticha sodaachisee fi jiilchee ABO fi Alaabaa kana irraa addaan kutuuf fudhachaa turee fi jiru kan laaftuutti himamee dhumu miti. Haa tahu malee tarkaanfiin diinummaa Wayyaanee kun daranuu Ummata keenya xiiqii keessa galchee, haaloo itti horee Dhaaba isaa ABO fi mallattoo kakuu isaa tan taate Alaabaa isaa irratti akka cichu taasise malee sodaachisee duubatti hin deebisne.

Akka kanaanis bara 2005 Fincilli Diddaa Gabrummaa haaromsamee Adda Bilisuummaa Oromootiin labsamee guutuu Oromiyaa keessatti dhohe seenaa QBO keessatti boqonnaa haaraa tokko bane. Onootaa fi Araddaalee baddaa fi gammoojjii Oromiyaa mara keessatti dargaggootni Oromoo alaabaa Saba Oromootiif mallattoo gabrummaa taate (Alaabaa Gabrummaa) gadi buusanii bakka isiitti Aasxaa Walabummaa Oromiyaa tan taate Alaabaa Adda Bilisummaa Oromoo fannisuudhaan dubbiin booree tahuu fi kakuun Saba Oromoo kan mirga ofiitiif falmatuu kan hin cabne tahuu gootummaadhaan diinatti agarsiisuu eegalan.

Fincilli Diddaa Gabrummaa bara 2005 akkasitti eegalamee diina raasee fi injifannoo guddaa galmeesse sun bara baraan wareegamni itti baafamaa akka ibidda dikee seeneetti suuta suutaan belbelaa itti fufee bara 2011 ijaaramuu Qeerroo Bilisummaa Oromoo maddisiise. Ilmaan Oromoo Qeerroo Bilisummaa Oromoo hundeessanis Gaaffii haqaa Saba Oromoo irratti kan hundeeffame Akeekaa fi Kaayyoo ABO galmaan gahuudhaaf Alaabaa Adda Bilisummaa Oromoo qabatanii walii isaanii fi Saba isaaniif irbuu seenuudhaan sochii isaanii itti fufan.

Ijaaramuun Qeerroo Bilisummaa Oromoo Fincila Diddaa Gabrummaa bifa qindoomina jaarmayaa fi itti fufiinsa qabuun geggeessuutti dabalee Ummatni Oromoo sodaa injifatee bilisummaa isaatiif murannoo fi tokkummaa cimaadhaan akka socho’u taasise. Akka kanaan Sadaasa 2015 waggaa 10ffaa FDG sababa godhatee kan ka’e Dambaliin Warraaqsa Bilisummaa Oromoo ammas seenaa QBO keessatti boqonnaa haaraa Fincila Xumura Gabrummaa (FXG) bane.

Fincilli yeroo ammaan tana guutuu Oromiyaa keessatti Alaabaa Adda Bilisummaa Oromoo maxxanfatee geggeeffamaa jirus itti fufa wareegama kaayyoo fi galii qabu kan falmaa mirga abbaa biyyummaa ti. Fincila Xumura Gabrummaa kan qabsoo haqaa Sabni Oromoo Walabummaa isaa gonfachuuf geggeessaa jiru galmaan gahuu akeeka godhatee hoogganummaa ABO-Qeerroo Bilisummaa Oromootiin geggeeffamaa jiruu dha.

Waan taheef, Fincila kana ilaalchisee Wayyaanee fi ergamtoota isiin biyya keessaa fi biyyoota alaatti ramadatteen yaadotni faallaa fi afanfaajjessiin oofamaa jiran rifaatuu fi hinaaffaa irraa kan madde olola dharaa tahuu hubachuudhaan, Ummatni keenya Fincila Xumura Gabrummaa finiinsaa jirutti akka daranuu jabaatu hubachiisaa, Addi Bilisummaa Oromoo gama isaatiin injifannoo fi galma gahiinsa qabsoo Ummata keenyaa fi dhabama diina keenyaa shaffisiisuudhaan wareegama baafamaa jirutti firii gochuuf kaaroora hojii qabsoo kan sochii ummataan wal simsiisee geggeessaa jiru daran bal’isuu fi jabeessuudhaan dirqama isaa gahummaadhaan bahatuu kan itti fufu tahuu hubachiisa.

Gadaan Gadaa Xumura Gabrummaa ti !

Injifannoo Ummata Oromoof !