Murtiilee fi Kutannoolee Teessuma GS-ABO 1ffaa – Fulbaana 3, 2017

Murtiilee fi Kutannoolee Teessuma GS-ABO 1ffaa – Fulbaana 3, 2017

Gumiin Sabaa Adda Bilisummaa Oromoo teessuma isaa jalqabaa kan Kora Sabaa 4ffaa ABO boodaa, Fulbaana 1 hanga Fulbaana 3 bara 2017tti geggeeffatee murtiilee fi kutannoolee Kora Sabaa 4ffaa irratti dabarfaman, akkasumas, dhimmoota hojii qabsoo fi Dhaaba keenyaa keessaa kanneen murtii GS gaafatan irratti bal’inaan marihatee  hojii irra oolchuf murtiilee armaan gadii dabarseera.

  1. Hirmaannaa Qabsoo Ummata Oromoo ol kaasuu Irratti.

Qabsoon bilisummaa Oromoo ABO’n geggeeffamu, qabsoo of irratti irkannoo waan ta’eef, hirmaannaan Ummata keenyaa guddichis, Fincila Diddaa Gabrummaa gara Fincila Xumura Gabrummaatti        tarkaanfachiisee bu’aa qabatamaa waan argamsiiseef,  GS – ABO kana daran jabeessuuf hirmaannaan ummata Oromoo qooda ol aanaa qabaatuu hubatuun  murtiilee armaan gadii dabarseera.

  • Caasaaleen dhaabaa hundumtuu bakka jiranitti sirna Dhaabaa hordofuudhaan ummata Oromoo fedhii ijaaramee qabsoo irraa qooda fudhachuu agarsiisaa jiru harka bal’aan akka simatan, akkasumas, qajeelfama ijaarsa Caayaalee Dhaabaa hordofuudhaan hojii Caayaalee Dhaabaa, murna hawaasaa gara garaa, ogummaa, umrii fi kkf. ijaaruu fi  miseensota haarayaa horachuu irratti kan durii caalaa jabinaan akka hojjetamu;
  • Jaarmayaa hawaasaa fi afooshaalee ijaaramanii jiran keessatti hirmaannaa miseensotaa ol guddisuudhaan ilaalchaa fi fedhiin qabsoo keessatti akka calaqqisu gochuun barbaachisaa tahuu    hubatuun miseensotni hundi kana milkeessuu irratti akka hojjatan;
  • Bakka aanjaan jiru hundatti wal-tajjii barnootaa fi marii qopheessuudhaan hubannoo qabsoo       bilisummaa hawaasa Oromoo ol guddisuudhaan hariiroo ummata Oromoo fi Dhaaba gidduu daran jabeessuu irratti akka hojjatamu;
  • Qabsoo bilisummaa Ummata Oromoo caalaatti dhageettii fi mararfannaa kan argatu humna tahee mul’atuu danda’uu qofaan waan taheef hojii biyya keessaaf ilaalchaa fi xiyyeeffannaa addaa kennuufiin kan hojjatu tahuu GS-ABO mirkaneessaa, kanaafis ummatni keenya, addatti ammoo,   hawaasni Oromoo biyyoota alaa jiraatu qabsoo bilisummaatti daran irree horuu irratti ABO cinaa  akka dhaabbatu;
  1. Sochii WBO Jabeessuu Ilaalchisee.

Mootummaan Wayyaanee Ummata Oromoo diina innikkaa godhatee tarkaanfii gara jabinaa fudhatu   babal’isuun dararaan ummata keenya irraan gahaa jiru sadarkaa ol aanaa dhaqqabee jira. Diina humnaan deemu humnaan dura dhaabbatuun alatti falli biraa ittiin qolatuun danda’amu waan hin jirreef, diina   ummata Oromoo kana karaa irraa maqsuuf WBO bifa hundaan jabeessuun barbaachisaa waan taheef ABOn kan milkeessuu irratti kan dur caalaa jabinaan akka bobba’u mirkaneessa.

  1. Sochii Qeerroo Jabeessuu Irratti.

Warraaqsa biyyoolessaa Oromiyaa finiinaa jiru keessatti qoodni Qeerroon Bilisummaa Oromoo ABOn hogganamuu murteessaa tahuu qalbifatuudhaan Gumiin Sabaa ABO warraaqsa kana caalaatti jabeessuu irratti kan hojjatu tahuu, FXG itti jiramu galiin gahuufis  WBO fi Humna Ittisa Ummataa baay’inaa fi aynaan dacha dachaan ol kaasuu fi bobbaa isaa guddisuu irratti xiyyeeffatee kan hojjatu tahuu hubachiisa.

  1. Ilmaan Oromoo Mootummaa Wayyaaneef Hojjetan Ilaalchisee.

Ilmaan Oromoo waraana, poolisii, tika, milishaa tahuun mootummaa farra ummata Oromoo tajaajilaa jiranii fi caasaa mootummaa kanneen adda addaa keessatti qaxaramanii hojjataa jiran keessaa garii miidhaan ummata isaanii itti dhaga’amuu irraa tarkaanfii boonsaa gara garaa fudhataa akka jiran dhokataa miti. Kanneen ummata isaaniif laalatanii tarkaanfii laaleessaa   diina irratti fudhataa jiran kana GS–ABO dinqisiifataa kanneen Wayyaaneetti michoomuun dalagaa farrummaa itti fufanii jiran gochaa isaanii irraa hatattamaan akka dhaabbatan dinniinaa, kanneen gorsa kana diduun diina waliin dhaabbatan irratti tarkaanfiin barbaachisu kan fudhatamu tahuu beeksisa.

  1. Mootummootaa fi Dhaabbattoota Gargaarsa Kennan Ilaalchisee.

Biyyootaa fi hawaasni addunyaa sababa adda addaan Ummatoota Itophiyaa miidhamaniif     gargaarsa arjoomaa jirtan gargaarsi ummatootaaf ergitan bakka yaadame gahaa akka hin jirre akka hubattan GS-ABO dhaamsa isaa isiniif dabarsa.  Akka to’annoo barbaachisu gootanis  gorsa isaa isiniif dhiheessa. Gargaarsi godhamu dhimma biraa ummatoota irraan miidhaa dhaqqabsiisu irra oolaa akka jiru osoo mul’atuu fi beekamuu gargaarsa itti fufuun seenaa fi seeraan gaafachiisaa tahuu akka hubattan GS- ABOn jabeessee yaadachiisa. Miidhaa gahu irraa tarkaanfii fudhatamuufis gaafatamoon isin tahuu dabalee hubachiisa.

  1. Abbootii Qabeenyaa Wayyaaneef Tumsitaniif.

Mootummaan Wayyaanee ummata Oromoo hiyyomsuu fi beelessuun of duroomsaa akka jiru addunyaa hundatu argaa jira. Akkasumas, kanneen mootummaa kanatti hidhatanii saaminsa Ummata irra gahuun duroomaa jiran akka jiranis hubatamaa dha. Ummata hiyyoomsuudhaan ofii duroomuun farreen ummatootaa kun yakka ol aanaa fi gochaa farrummaa waan taheef Gumiin Sabaa ABO jabeessee abaara. Kanneen gochaa akkanaa irratti bobba’anii jiran hundas gochaa isaanii kana hatattamaan akka dhaaban dinniinaa, kanneen kana irra tarkaanfatuun saaminsa ummata Oromoo irra geessisuu itti fufan irratti tarkaanfiin barbaachisu kan fudhatamu tahuu GS-ABO beeksisa.

  1. Olola Farra Qabsoo Oromoo Oofamu Ilaalchisee.

Olola dharaa fi afanfaajjessaa diinaa fi masaanotaa of irraa faccisuun akka danda’muuf,        ummatni keenya saba-himaalee Dhaabaa jabeessuu irratti gumaacha godhaa jiru galateeffachaa fuula duraafis jabinaan akka itti fufu gaafata. GS-ABO gama isaatiin dirqama isaa gahummaan bahatuuf fardoominaan kan irratti hojjatu tahuu addeessa.

  1. Dinagdee Dhaabaa Guddisuu Irratti.

Qabsoon Bilisummaa Oromoo kallattii adda addaan adeemsifamaa jiru sadarkaa kana kan dhaqqabe qabsoo of irratti irkannoo gaggeeffamaa jiruuni. Qabsoo keenya sadarkaa ol’aanaa irra gahee jiru kana caalaatti jabeessuuf qabeenya guddaa kan gaafatu tahuu beekuudhaan      GS-ABO galii dinagdee Dhaabaa gabbisuu irratti xiyyeeffatuun kan hojjatu tahuu           mirkaneessaa, kana keessatti hirmaannaan ummata keenya biyya keessaa fi alaa jabaatee akka itti fufu GS – ABO waamicha isaa hundaaf dabarsa.

Gadaan Gadaa Xumura Gabrummaa ti !
Injifannoo Ummata Oromoof !

GS-ABO
Fulbaana 3, 2017