Ummanni Oromoo Karoora Maastar Pilaanii Finfinnee Toftaa Jijjiirratee Hojiirra Oolfamuuf Jiru Gonkumaa Hin Eyyamu!

Ummanni Oromoo Karoora Maastar Pilaanii Finfinnee Toftaa Jijjiirratee Hojiirra Oolfamuuf Jiru Gonkumaa Hin Eyyamu!

Ibsa Adda Bilisummaa Oromoo

WayyaaneeJidduu kana Mootummaan Wayyaanee karaa “Kaabinee Ministirootaa” baanuun wixinee labsii faayidaa addaa Oromiyaan Finfinneerraa qabdu jedhu baaseera. Akka ibsa gartuu faashistii kanaan baheetti wixineen labsii kanaa raggaafamuudhaaf Mana Maree Bakka Bu’oota Ummatootaaf dhiyeeffama. Ummanni Oromoo fi dhaabni kallacha qabsoo isaa Addi Bilisummaa Oromoo wixinee labsii kanaa gonkumaa hin fudhatu.

Sirni murna bicuu golgaa dimokraasii fi afaan qawweetin Itoophiyaa bitaa jiru ummata Oromoo bakka bu’uudhaan murtii laachuuf mirga seerawaa waan hin qabneef wixineen raggaafamuuf jedhu fudhatama hin qabaatu. Finfinneen dachee Oromoo jaarraa tokkoon dura diinaan dhuunfatamte. Ummanni Oromootis lafa isaa uumaan haqa itti qabu kana deeffachuudhaaf qabsootti jira.

Murtiin akkaataa fayyadama qabeenyaas tahee haallan jireenya jiraattotaa magaalaa Finfinneetti hidhatu kan dabarfamuu qabu bakka bu’oota seeraa ummata Oromootin qofa tahuu qaba. Ummanni Oromoo sirna bicuu impaayera Itoophiyaa abbaa irrummaan bitaa jiru jalatti bakka bu’oota akkasii hin qabu. Addi Bilisummaa Ummata Tigraay(TPLF) tahee jaleen isaa OPDOn ummata Oromootin waan hin filamneef ummaticha bakka bu’anii dhimma fardii akkasii kanarratti murtii laachuuf mirga hin qaban.

Murni TPLF/EPRF filannoo fakkeessii bara 2015 gaggeeffame hatuudhaan %100 injifatuu isaa labsatuu hundatu quba qaba. Diraamaan filannoo dharaa gaggeeffamee ji’oota muraasa booda Ummanni Oromoo fi ummatootni Itoophiyaa naannolee biroo keessa jiraatan wayyabni daandiitti bahuudhaan hiriira gaggeessudhaan diddaa fi mormii isaanii mootummaa cunqursituurratti agarsiisan. Murni mootummaa dha ofiin jedhu kun, komii fi mormii ummatootaa caqasee deebisaa laachuuf hojjechuu mannaa akkuma amala isaa daa’imman fi barattoota, haawwanii-shamarran akkasumas manguddoota haala suukaneessaan ajjeesuun gaaffii ummataa ukkaamsuuf tattaafatuutti fuuleffate. Kanaanis lammiileen 2000 caalan guyyaa saafaadhaan ajjeefaman; kanneen kumoota Kurna hedduu tahan ammoo humnoota sirnichaan hidhamuu, gudeedamuu, hiraarfamuu fi ukkaamfamanii dhabamsiifamuu mudatan.

Onkoloolessa 2 bara 2016 qofa lammiileen fayyaaleyyii 700 ol tahan Ayyaana Oromoo guddichaa fi kabajamaa: Irreecha Bishooftuu Harsadeetti kabajame irratti humnoota Wayyaaneen bobbaaseen galaafataman. Yakka suukanneessaa raawwatame kanaafis namni tokkollee murtii seeraaf hin dhiyeeffamne.

Murni TPLF ummanni ajjeechaan gara-jabinaa fi yakki suukaneessaan sadarkaa ol aanaa irratti raawwatamus gaaffii mirgaa uumaa fi heeraan qabu kabajchiifatuuf qabsoo isaa jabeeffatee itti fufuu wayta mirkaneeffatetti, labsii yeroo hatattamaa labsee ukkaamsaa caaluu raawwatuu akka furmaataatti fudhate. Wayta ammaa kana ummatootni Itoophiyaa labsii humna waraanaa fi tikaa sirnichaa mirga lammii kamiyyuu seeraan alatti ajjeesuu,hiraarsuu fi dararuu dandeessisu gonfachiiseen humnootii waraanni fi tikaan ajjeefamaa, mana hidhaa keessatti gidirfamaa jiran.

Haala akkanaa keessatti faayidaa addaa Oromiyaan Finfinneerraa argachuu qabdu jedhamu fedhii fi marii ummataan alatti wixinanii dhiyeessaa gama kaaniin ammoo ummaticha abbaa dhimmaa mirga namoomaa isaa sarbanii hiraarsuun labsii duguuggaa sanyiin wal gitu taha.

Wayta sochiin warraaqsa biyyoolessaa gabrummaa murna TPLFtti xumura gochuu akeekkate tooftaa jijjiirratee finiinaa jiru kanatti, Wayyaaneen dharaan nageenyi kan jiru fakkeessee lallabuu fi jijjiirraa fakkeessii tarrisuudhaan ummatootaa fi arjoomtota addunyaa sobuudhaaf dhama’aa jira.

Jijjiirama fakkeessii taasifame keessaa tokko kaabinee isaa keessatti bakka bu’ummaan Oromoo ka mul’ate fakkeessuuf ergamtoota isaa Kaabinee Ministiraa ti jedhaman waljala jijjiiruu isaa ti. Warraaqsa finiinaa jiru ukkaamsuu akeekkatuudhaan Ministiroota maqaa Oromootin sirnichi ramadate yoo itti dhiyeenyaan ilaalle irra hedduun isaanii keesumaa kanneen gaafatama mootummichaa bakka furtuu dha jedhamanirra kaahaman warren dhiiga Oromummaa hinqabnee fi afaan Oromoo dubbatan yookaan ammoo kanneen makaa saboota kaanii qabaatanii bara jireenyaa isaanii guutuu Oromummaa isaanii haalaa jiraatan tahuu hubachuun hin rakkisu. Mootummaan wayyaanee ministiroota akkasii fi ergamtoota fakkaatoo miseensota kaabinee sirnichaa murna bicuu kanaaf jilbeeffatanii buluu filatan qabateeti kan wixinee labsii kana “Kaabine Ministirootaa” baanuun raggaasudhaaf shiraa jiru.

Seerri baanamu kun irra keessi isaa dantaa ummanni Oromoo Finfinneerraa qabu tiksuudhaaf jijjiirraa taasifame fakkaatee ha dhiyeeffamu malee, dhugaan jiru wixineen labsii kun shira Karoora Maastar Pilaanii Finfinnee Fudhatama Dhabe Deebisanii Hojiirra Oolchuu kan Akeekkate dha. Kana caalaatti hubachuuf qabxiilee garii akka fakkeenyaatti fudhannee yoo ilaalle, akka wixinee seeraa bahe kanaatti murni TPLF fi lukkeeleen isaa saamicha ummatoota Itoophiyaarratti gaggeessaa bahaniin yeroo gabaabduu keessatti Biliyeenaroota tahan, lafti keessan misoomaf barbaadama maqaa jedhuun maatii Oromoo qayee akaakilee-abaabilee isaatirraa buqqisuu irraa kan dhorku hin jiru.

Kana raawwachuudhaafis abbootii lafaatiif “yoo xiqqaate gatii qabeenyi isaanii baasu irra wayyaa” beenyaa baasuun buqqisuun aanjaa uummatuu dha.

Akkaataan hojiirra oolmaa piroojektii misoomaa baanamuutis kan murteeffamu bulchitoota TPLFn yookaan kittillayyoota isaatini. Abbootiin lafaa beenyaa baanamu fudhatanii dacheerraa buqqifamuu yoo didan, sirni haqaa biyyattii guutummaatti shiftoota TPLF’n kan tohatame waan taheef, ka itti iyyatanii seeraan murtii haqaa argatan hin jiru. Kan nama ajaa’ibu, wixineen seeraa kun maatii qayee isaarraa buqqisuun kun afaan, aadaa fi jireenya hawaasummaa ummatichaarratti dhiibbaa qabu ilaalchisee waan tuqe tokkollee hin qabu.

Babal’inni magaalaa tohannoon alaa seerri kun jajjabeessu qubsuma ummata Oromoo dhabamsiisuu qofa odoo hin taane, lafootni seenaa, aadaa fi dudhaa Oromo calaqqisan akka badan waliigalatti qabeenyaa fi mallattooleen eenyummaa Oromoo akka dhabamaniif gumaacha. Kunis yakka duguuggii sanyii waan taheef hundaan dura dhaabbatamuu qaba.

Mootummaan wayyaane wixinee seeraa kana keessatti faalama uumama naannoo hawaasa Oromoo naannichaa balaaf afeeraa jiru tohachuuf waadaa kijibaa tarrisus, magaalaan Finfinneetiyyuu sirna tohannaa balfaa fi xurii itti dhabamsiisan, tajaajila tohannoo xurii, akkaataa lafaa itti fufiinsaan itti fayyadamanii fi qaban irratti sirni to’annoo kaa’ame homaaatuu hin jiru. Gaaffiin kaafamu qabu, haala kun tahe keessatti karoorri babal’ina magaalaa kun akkamittiin hawaasa naannawa magaalaa Finfinnee hin miine? kan jedhu dha.

Qoosaan biraa wixinee seeraa kana keessatti tuqame, Finfinnee keessatti afaan Oromoon barachuu fi itti fayyadamuu kan ilaallatu dha. Akka seera kanaatti, qonnaan bultootni Oromoo fi jiraattotni ilmaan isaanii Afaan Oromoottiin akka baratan “barbaadaniif” bulchiinsi magaalaa Finfinnee mana barumsaa sadarkaa tokkoffaa dhaabuufii qaba kan jedhu dha. Afaan Oromoo akka afaan qonnaan bultoota qaroomina hin qabneetti fi jiraattonni magaalaa barachuu hin feeneetti ibsuun kun tuffii akkaan hamaa wallaalummaarraa madduu fi yakka seenaan dhiifama hin goone dha.

Wayta lammiileen Hindii, Giriikii, Armeeniyaa fi kanneen biroof manni barumsaa haayyamamee gaggeeffamaa jiru kanatti, murtiin labsii kanaan kaa’ame Afaan Oromoo Afaan biyyaattii keessaatti dubbachuufis tahe ittiin barachuuf waggoota 150 ol dabraniif dhorkamaa turuuf raga dha. Kana malees sirni Wayyaanee TPLF ilmaan Oromoo Finfinnee keessa jiraatan mirga bu’uraa kan Afaan isaaniitiin barachuu qaban sarbuudhaan barnoota sadaarkaa duraa qofatti daangeessuun duula tooftaan eenyummaa Oromoo dhabamsiisuuf gaggeeffamaa jiru dha. Jijjiirraan Qubee Afaan Oromoo jidduu kana taasifames qaama duulaa Afaan, aadaa fi eenyummaa Oromoo dhabamsiisuu akeekkate kanaa ti.

ABOn wixineen seeraa kun yaalii bifa haaraan murni yakkamtootaa fi shiftootaa dachee Oromoo saamuunii fi Oormiyaa qircuun Karoora Maastar Pilaanii Finfinnee deebisanii hojiirra oolchuu kanaan qabatees sabboonummaa Oromoo laaffisuu tahuu Ummata Oromoo hubachiisuu fedha.

Yaa ummata Oromoo bal’aa:

Gartuun abbaa irree ilmaan kee, dubartoota ulfaa fi manguddoota gara-jabinaan ajjeese, seera si fayyadu wixinuu hin dandahu. Murni shiftootaa kun afaan qawweetin aangootti dhufee qabeenya kee saamuu fi mancaasudhaan tarree dureeyyii addunyaa seenee jira. Baroota aangoorra turettis duguuggii sanyii fi qoqqoodanii bituu sirratti raawwachuun humna wayyabummaa kee laffisuuf shiraa xaxaa fi hojjetaa yoona gahe. Wayta ammaa kan bulchitootni TPLF aangoorra jiran hojjetan karoora “Saba Wayyaba Bicuutti deebisuu” mataan sirna nama-nyaataa kanaa durii –Mallas Zeenaawii lafa kaahe dha.

Yaa Ummata keenya!

Baroota dheeraaf duulaa sirratti fi eenyummaa keerratti fuuleffate ofirraa qolachaa as geessee jirta. Keessumaa ammoo baroota lamaan as aanan caasaa tikaa fi basaasotaa murna abbaa irree kanaa baroota 25 dabraniif ijaaramaa bahe ciccirtee hammeenyaa fi shira akkasumas yakka suukaneessaa sirnichaa addunyaaf saaxilteetta. Sirna abbaa irree dhiiga kee xuuxaa aangoorra jiraatuu abjootu kanas dhiibdee qarqara bool’a itti awwaalamuun gahuu keerraa hireen isaaf hafate itti seenee dhabamuu yookaan harka kennachuu qofa taheera. Haqni mul’ataa osoo kana tahee jiruu sirni abbaa irree kun garuu rakkoo uume kana furuu irra labsii hatattamaan dhabama irraa of hambisuuf wixxifatuu filatee jira. Sirna abbaa irree kanatti xumura gochuuf ilmaan kee goototni Qeerroo fi WBOn toftaa haaraan sossohuutu bilisummaa keenyaaf furmaata maayii ti.

Waan taheef, ummanni Oromoo biyya keessaa fi alaa, warren sirnichaaf hojjechaa jiran dabalatee eenyummaa dhugaa sirna wayyaanee hubatanii ilaaluun warraaqsa maayii gabrummaatti xumura godhuuf Akka Of qopheessan ABOn waamicha dhiyeessa. Imalli fuul dura keenya jiru akkaan jabaa tahus injifannoon keenya akka tahu shakkii hin qabnu. Yeroon ammaa kun yeroo akkaan murteessaa irree gamtaa keenya caalaatti cimsannuu fi karaa barbaachisaa tahe hundaan sirna gabroomsaa gateettii saba keenyaarraa buusuuf qabsaawota bilisummaa cinaa itti hiriirru dha.

Maayiirrattis hawaasni addunyaa haala Itoophiyaa keessatti raawwatamaa jiru kana akka sirnaan jala bu’anii hordofanii fi galmeessan gaafataa, rakkoon impayerattii keessa jiru odoo sadarkaa irra hamaa biraatti hin tarkaanfatinii fi yeroon hin dabrin murna biyyattii bulchaa jirurratti dhiibbaa akka taasisan gaafanna. Wayta yakki akkaan suukaneessaan kun murna bicuu aangoo humnaan dhuunfatee jiruun ija keessan duratti raawwatamaa jiru kanatti ijaa-gurra cufatuun keessan akkaan qaanfachiisaa dha. Hawaasni addunyaa tarkaanfii balaa sirni TPLF geessisaa jiru kana ittisuu hin fudhatu taanaan nageenyaa fi sabatiinsi Godinaa Gaanfa Afrikaa akka waliigalaatti balaa hamaarra akka bu’u ABOn akeekkachiisa. Sirni ummata nan bulcha jedhu shororkeessu waahila duula farra-shorokeessummaa tahuu hin dandahu.

Injifannoo Ummata Oromoof!
Adda Bilisummaa Oromoo
Adoolessa 1, 2017

Same document in PDF