Hayyu Dureen ABO Jaal Daawud Ibsaa haala ijaaramuu Mootummaa Ce’umsaa Oromiyaa irratti ibsa kennan

Hayyu Dureen ABO Jaal Daawud Ibsaa haala ijaaramuu Mootummaa Ce’umsaa Oromiyaa irratti ibsa kennan

[SQ Onkoloolessa 8/2020]

Ibsa guyyaa har’aa (Onkoloolessa 8/2020) kennaniin Hayyu Dureen ABO Jaal Daawud Ibsaa barbaachisummaa Mootummaa Ce’umsaa Oromiyaa akeekaniiru.

“Ammatti karaan jiru tokkichi mootummaa Ce’umsaa Oromiyaa lammiileen Oromiyaa waloon ijaarrachuudha” kan jedhan Jaal Daawud, “Rakkoo nageenyaa fi tasgabbii amma mudate kana furachuu kan dandeenyu walitti dhufnee mari’annee Mootummaa Ce’umsaa Biyyoolessa Oromiyaa ijaarrachuudhaani” jedhaniiru.

Ittuma fufuun ABOn ijaarsa mootummaa ce’umsaa Oromiyaa kana milkeessuuf waan qabu hundaan itti bobba’ee akka hojjechaa jiru ibsaniiru. “Yaada uummataa fudhannee kanneen dhimmi kun ilaalu hunda waliin ta’uun akka uummataaf ta’utti bulchiinsa waliin tolfachuuf ABOn yeroo hunda qophiidha” jedhan.

Lammiilee Oromiyaa waggoota dheeraaf qabsoo uummata Oromoo tumsaa turan, qaamolee nageenyaa haala rakkisaa keessatti uummata isaanii tajaajilan galateeffataniiru. Akkasumas jaarmiyaalee siyaasaa keessaa KFO, Oromo scholars and Professional Group, Oromia Global Forum, dhaabbilee amantii adda addaa, dhaabbata gaazexeessitoota Oromoo Idil-addunyaa fi kkf wamaicha Mootummaa Ce’umsaa Oromiyaa ijaaruu ABOn dhiyeesse fudhatanii hojjechaa jiraachuu isaaniif galateeffataniiru.