Ajjeechaan Itti Yaadamee Malaan Uummata Nagaa Hidhannoo Hin Qabne Irratti Raawwatamu Gocha Gara Jabeenyaa fi Yakka Waraanaati.

 

Ajjeechaan Itti Yaadamee Malaan Uummata Nagaa Hidhannoo Hin Qabne Irratti Raawwatamu Gocha Gara Jabeenyaa fi Yakka Waraanaati!

ABOn Haleellaa Humna Qilleensaan Qe’ee Jireenyaa Uummata Nagaa Irratti Raawwatamu Gadi Jabeessee Balaaleffata.

Mootummaan Paartii Bilxiginnaa, qaamoleen tikaa fi waraanaa isaa ajjeechaa lammiilee nagaa irratti raawwatamu cimsanii itti fufanii jiran. Waan kana ta’eef Dhaabbanni Mootummoota Gamtoomanii fi Hawaasni Idil-addunyaa dirqamaa fi itti gaafatamummaa isaanii akka bahan ammas waamicha goona.

Ajjeechaa Mootummaan Itoophiyaa walitti fufiinsaan, karoorfatee namoota nagayaa irratti raawwachaa jiru ilaalchisee Hawaasi Idil-addunyaa tarkaanfii barbaachisaa ta’e akka fudhatuuf
duuka buunee saaxiluudhaan waamicha dhiyeessaa akka turre ragaaleen keenya armaan duraa irraa mirkaneeffachuun ni danda’ama.

Gaafa guyyaa Onkoloolessa 19, 2022 Godina Wallaggaa Lixaa, Aanaa Saasiggaa, magaalaa xiqqoo Tsigee jedhamtu keessatti fiinxaaleyyiin naannoo Amhaaraa hidhatanii bobbaa’an, Humnoota Federaalaatiin kan deeggaraman yoo tahu, lammiilee nagaa sagal ajjeesuun namoota sadii madeessanii jiru.

Gaafa guyyaa Onkoloolessa 20, 2022 Humni Qilleensaa Mootummaa Federaalaa kutaalee naannoo Oromiyaa harka caalaa keessatti weerara humna qilleensaa gaggeessee jira. Kanumaan Godina Shawaa Lixaa, Finfinnee irraa km 70 fagaattee kan argamtu aanaa Meettaa Walqixxee, magaalaa Minaaree, haleellaa qilleensaa raawwatameen lammiileen nagaa ajjeefamanii kaan ammo madaa’anii jiru. Namoota miidhaman keessaa namoonni sadii maatii tokkoodha.

Gaafa guyyaa Onkoloolessa 22 fi 23/2022 ammoo godina Shawaa Bayhaa, aanaa Fantallee, godina Shawaa Lixaa, aanaalee Meettaa Waliqixxee, fi aanaalee Gindabarat fi godina Wallaggaa Bahaa aanaa Nunnu Qumbaa keessatti haleellaa qilleensaa Mig 29 cimee it fufeen namoonni nagaa hedduun du’anii kaan ammo madaa’aniiru. Bakkeewwan kanneen keessaa iddoowwan hedduutti manneenii fi qabeenya miidhamtootaa keessattuu beeyladoonni fi meesshaaleen bu’uura jireenyaa akka barbadeeffaman gabaafamee jira. Haleellaan qilleensaa kun Onkoloolessa 22, 2022 godina Shawaa Bahaa, naannoo Fantalleetti itti fufuun isaa gabaafameera. Baay’ina namoota ajjeefamanii bakkoota hundarraa adda baasuun rakkisaa ture.

Tarkaanfiin gara jabinaa murni aangoo qabatee jiru ummata nagaa irratti walitti fufiinsaan fudhachaa jiru dhaabbachuu qaba jenna. Hawaasni addunyaa murna lubbuu lammiileef xiyyeeffannoo kennuu didee ajjeechaa gara jabina akkasii raawwachaa jiru kana irratti tarkaanfii fudhachuuf itti gaafatamummaa qaba. Dhaabbanni mootummoota gamtoomanii, bu’uura sanadoota Mirgoota Namoomaa, chaartarootaa fi waliigalteewwan biroo keessatti tumameen, qorannoo walabaa gaggeessuu fi yakkamtoota seeratti dhiyeessuuf dirqamaa fi itti gaafatamummaa isaa bahuu qaba.

Kanaanis, Dhaabbanni Mootummoota Gamtoomanii fi Hawaasni Idil-addunyaa gocha hammeenyaa Oromiyaa keessatti raawwatamaa jiru osoo beekuu callisuu dhiisee, lubbuunagaa baraaruuf tarkaanfii barbaachisaa akka fudhatu dhaammanna.

Injifannoon ummata bal’aaf!

Adda Bilisummaa Oromoo

Onkoloolessa 24, 2022