Gaheen Hawaasaa fi qabsaa’otaa galateessamuu malee waakkatamuun hin malle

Obsi

 

Gaheen Hawaasaa fi qabsaa’otaa galateessamuu malee waakkatamuun hin malle.

Ibsa Jaarmayaa ABO – Caasaa Biyya Ambaa

Gidduu kana deddeebi’ee ijoon dubbii sabaa himaalee Habashootaa fi media PP lellisu irratti qooda Hawaasa Oromoo biyya alaa fi addattis gahee miseensotiin ABO Caasaa biyya alaa jiran gummaacha as gahan xiqqeessu fi balaaleffachuun gartuun muraasni dhiheenya kana ABO keessaa mufannoon of moggeessanii PP waliin ta’uun ibsa isaan kennan dhagahamaa jira. Ibsi gartuu kanaa ga’ee fi qooda hawaasni Oromoo biyya ambaa baroota dheeraaf qabaacha turee fi ammas itti jiru ni balaaleffata. Gama biraatiniimmo jiraachuu isaalle ni haala. Ibsi waldhahaa fi gochaan gantummaa gartuu kanaa  hawaasa Oromoobiyya  alaa fi keessa biratti sagale tokkoon (Unanimously) fudhatama dhabuun isaas ifa galaa dha.  Itti dabalees gochaan kun aarii fi mufanna gudda Ummata keenyaa keessatti uumuun caalaattu Qabsa’ota Oromoo xiiqiin hamilchiisuutu mullatte .

Waldaaleen hawaasaa, dhaabbatni beektotaa, hayyootni fi qaroon saba keenyaa biyya ambaa keessaa qabsoo Oromo tinnisu keessatti gaheen gumaachan waan akka saphlaatti ilaalamu miti. Nuffii fi hifannaa takkaan malee qaamaan qabsoo saba keenyaatti birmatan. Yaada, qalbii fi dinagdeedhaan tumsan. Hiriira bahanii, miidhaa saba keenyaaf sagalee tahanii iyya ummata keenyaa waliif labsan, addunyaas dhageessisan. Sarbama mirga namoomaa fi gochaa hammeenyaa dalagamaa jiru ifatti saaxilan. Mooraa qabsoo Oromia gabbisan. Oromoo addunyaatti beeksisan. Oromummaa jabeessan. Waluma galatti hawaasni biyyaa yaroo ummataa biyya keessatti tokko-shane jaarte sochii dhorgite mara lafee duugda qabsoo Oromootiif tahani asiin gahan. Mootummaan TPLFqooda haawasni biyya ambaa qabsoo keessatti qabu hubate kana lamsheessuuf Embaasota isaa addunyyaa mara keessatti Diaspora Affairs dhaabe dantaa xixiqqaan namoota tokko tokkoon hawatuun qabsoo irraa faallessuf yaalun seena kaleessattii.

Mootummaan K Abiyis waanuma barsiisota isaa irraa bare itti fufuun warra garaaf bule hanga xiqqoo tokko hawatee kanneen inni ofitti fudhatee keessa warri harra Masaaraa isaa waliin hirmaatan raga dha. Itti dabalees xiyyeeffannaa Ummata ala jiraatuu gara dabarsuuf  guyyatti Doolaara tokko nuuf buusa jechuun waggoota lamaan darban kadhatulle hanga Hawaasni Oromoo biyya ambaa Qabsoo Bilisummaa Oromoof baati sadii keessatti ABOf gumaache wagga lamatti Ummata Ethiopia ala jiru kana mara irraa argatuu hin dandeenye. Sababiin isaas Ummatni Oromo biyya ambaa jiraatuu firaa fi diina isaa addaan baasee waan beekeef qabeenyii fi beekumsi isaa essa akka dhaquu maluu waan siritti hubatuufi. Kanaaf qabeenya, beekumsaa fi deggersa hamilee bifa hundaan ABO fi qabsoo bilisummaa Ummata isaa irratti dhangalaasee qabsoo kana gargaasaa alagaa malee of irratti hirkannoon asiin ga’e.  Gochaa eebifamaa kana kan balaaleffatuu fi yakku mootummaa mirga Oromoo hacuucaa jiru fi ilmaan Abashaa kanneen jibansa ABO qaban qofa dha. Qaamotni kunis yakkamtoota moora Oromoo keessaa hirrina naamuusaa fi ga’ummaa ykn amanamummaa dhabuun harca’an akka meeshatti  dhimma ba’uun ABO fi  QBO abaarsisuutti shaakala guddaa waan qabaniif gartuun amma achi ba’ee ABOtti dhagaa darbatus haaraya miti. Gartuuleen hedduun isaan fakkaatan hedduun akkasumma yeroo gaggabaabduuf wixxifatanii achummaan badaniiru.

Kanaaf gartuun amma dhiheenya kana PP fi ilmaan Nafxanyaatti yeroof maxxantees hojii faallaa  akka waan jaarmayaan hawaasa keenyaa fi caasaan qabsoo saba keenyaa farra nagaa taheetti dhiheessuun dogoggora seenaa fi qabsoo saba Oromoo haaluu  fi ganuu dhan of labsatte. Keessattuu yeroo ammaa ummatni keenya golee Oromia keessaa bakka hundaa nageenyi isaa boorawee; Kumootaan guuramee maneen hidhaa keessatti gidirsamaa jira. Qeerroo qabanii ajjessanii bineensa nyaachisaa jiru, ka’immaan humnaa  ittisaa biyyaa fi police dhaan ajjefamani reeffa awwallachuufille rasaasa ittiin ajjefne kafaltan male jechuun, ummannii keenya reeffa maatii qarshiin bitata jira. Maatii warra tokko bakka tokkotti fixu, Aruzaa, dubartii ulfaa, fi kkf osoo hin jenne ummataa goola jiru kana keessatti yeroo silaa Oromoo jabadha jedhani ummataa jajjabeessu qaban qabsoo oromoo fi Umaataa keenya duugda ittii kennani media Nafxanyaa irraa iyyun diina gamachisaani jalala rakisha alagaa irraa hawwuun dhugaa Oromoo  halun qabsawaata fi hoggaana Manneen hidhaa keessaa gadi baasanii ajjeesum ABO maqaa yakkuun, ofiif jirachuuf qabsoo sabaa sharafachuun gonkumaa kan hin danda’amnee fi farrummaa hiriyaa hin qabne tahun wal nama hin gaafachisu.

Akkuma Kolonel Abiy uniform waranaa uffatee ummataatti dhaadataa oolu argani gaantoonnis gochaa fi doorsisa isaan Hawaasa biyya irratti dhaadatan xiqqaate  hawaasa keenya biyyaa alaas doorrsisuuf yaalun akka isaan milla ofii ittiin dhaabbatan hin qabne ifatti mullise. Tarii ni irranfatan yoo ta’es waluma yaadachisuuf Haawasni Oromoo biyya ambaa qabsoo Oromoo gargaaruu bira kute maatii qabsawoota waregamaniif qabsoo irraa jiranille gargaarun beekkama.   Fakkeenyaaf Warraa fi joolee obbo Araarsoo Biqilaa maati qabsaawaati jachuun biyya irra fiduu bira darbee hanga biyya sadaffaa dhaqani gargaarsa mootummaa argatanittillee ganna tokko guutuf biyya ambaa keessatti kiraa manaa fi qallabaaf bajeeeta baasani gargaaraa turan. Harra garuu Obbo Ararsoon qarshii PP argani Hawaasa keenya biyya kan bara rakkinaa maatii isaa walitti qabeefif bifa safuu hin qabneen galata dhowwatuu caalaa gochaa gaarumma Hawaasicha haalan.

Kanneen birootiis bifuma wal fakkaataan waan Qabsaawoota of fakkeessaa turaniif jecha  biyya alaa kana irraa gargaarsa akkam akka argachaa turan tokko tokkoon tarrisuuf bakki fi yeroon nu hin gahu. Obbo Araarso kan akka fakkeenyaatti kaasneef sababaa inni ABO keessatti bara 2004—2017 Mataa Damee Dinaggee fi Dhiheessi ABO tahe hojjata ture fi Caasaa ABO biyya  alaa kanarra horii guuraamee isatti gabaasamaa ture irratti abba ta’uun ajaja isaatiin dhimmaa qabsoof bakka gara garaatti Doolarri ergamaa ture waan  raga dhaan lafa jiruuf jecha dha.  Kana malees Horii guddaa KS ABO 4ffaa itti qopheessuuf biyyaa alaa irraa guramee isatti gala ture ni dagatan jenne hin yaadnu yoo arrabni gatantaree malee. Yaroo amma hanga guyyaa qabsoo lagatee diinaa firomsatutti  I/ A HD irratti dabalee Bulchinsaa mooraa muummee ABO Gullallee ta’uun dhimaa jireenya miseensoota, makinaa namootaaf ramaduu, rakkinaa furuu fi kkf tahe hojjata ture. Haala kana keessatti isaa fi Abba Diinaggee jidduu caasaan biraa waan hin jireef kallattiin horii dhaabni qabuu fi hin qabne isaatu beeka ture. Garuu gaafa qarshii, Villaa fi V8 PP argu dhugaa kanarran tarkanfate media Nafxanyaa gubbatti quba nama tokko duwwaatti qabani bookkisuu caalaa waan nama saalfachisuu hin jiru. Gaafaa dhaabaa keessa jiran dhimmaa galii fi ba’ii kan to’atu mataan isaa ture. Dhugaa kanaa yeroo  toorbanootan lakkawwamtu keessatti irraanfatani nam-tokke yakkuun nagummaa dha? Waan dhabni qabu namuu isa caalaa hin beeku maltu jala dhokasmee jennaani kana hunda hirqinfatani nama yakkuun kan dhufe?  Waan marafuu deebii ummataa Oromoo fi miseensotaa dhaabaa dhugaa kana beekaniif dhiisna.

As irratti garuu waan Obbo Araarsoon mirqaanaan boone dubbate keessaa waanti dhugaan gartuun isaa biyya alaa irraa caasaa tokkollee akka hin qabnee waan inni dhugaa ba’e dha. Eyye! Sirrii dha. Biyyaa alaa irraa kan Caasaa balloo baroota 25 oliif qabaatee Ummata ballaa ittiin qabsootti hiriirsaa ture ABO dha malee gartuu xiqqoo akkanaa miti. ABOn dhuguma Caasaa ballaa biyya alaa irraa qaba. Kanas seeraan Boordi Filannoo Biyyoolessa Itophiyaatti gabaasee galmeen beekame jira. Kanaafi Obbo Araarsoonis yeroo Media Nafxanyaa irratti of saaxilu “Nuti alarra Miseensaa fi caasaa waa takka hin qabnu” kan inni jedheef. Yoo namni dhugaa dubachuuille itti ulfaatee dhugaan ofumaan of dubbata jechuun isa akkasiiti. Raga Obbo Ararsoon ba’e irrattis dabalee akkaata Ummatni Oromoo alaa fi keessaa gocha gantummaa “Gartuu Araarso” tti balfate qalbeeffatuu duwwaan ga’aa dha. Abbaan dhugaas Ummaticha waan ta’eef!!

Dubbi kana akka dubbannu kan taasise miidha gartuun kun qabsoo bilisummaa Ummata Oromo ABOn durfamu irran ga’uu maltu utuu hin taane, kanneen akka Obbo Araarsoo waan wagga 30 olii toorban lama gidduutti irraanfatuun oolma jaallan issaa biyya ambaa balaaleffatuuf ka’uu isaatiifi. Yakki Qabsoo fi Dhaaba kana irratti wagoota 21 oliif namuma tokkoon raawwatama ture yoo ta’e isin eessa turtan? Moo gaafa sana dantaa keessan hin tiqamneeyyu moo? Gaafa sana namni akka PPn isinif godhaa jirtutti kan waa isinitti hiixatuti hin turre? Ajaa’ibaam!! Yoo waan namni tokkichi wagga 21 guutuu akkuma nam-tokkeetti godhuu teessani ilala turtan ta’e rakkoon sun isin bira malee nama sana bira miti. Isin nama moo meeshaa dhak an hin dubbanne, kan hin mormine? Dhaggeeffadha yakkoota baroota 21 nauma tokko irra tuuluuf tarreessitan yoo dhugaa yakkichi jiraate walumaan hirmaattani itti gaafatamtu. Sababiin isaas qabsoo Ummata miitan ka. Itti gaafatamni keessan PPf utuu hin taane Ummata Oromoof ta’u kakattanii turtaniim. Harra mooricha keessaa baataniif itti gaafatama jalaa hin baatani. PPn akka qodaa cabatti isin darbatte isin gatuuf yeroo jio’ootaan lakkaawwamu duwwaa barbaaddi. PPn ABO isin caala beekti. Iciiti kana booda isin irra argattu waan hin qabneef faayidaan keessan dhumateera. Yoo Jaallan keessan ija keessa ilaaltanii dhiifama gaafachuun isinitti ulfaate Ummata Oromoo jilbeeffadhaa ti dhiifama gaafadha. Ummata kana ni madeessitan, ni qaanessitan. Ummata xiiqiin guutamee diina waliin kokkee wal qabee jiru, haala hin taaneen warra kokkee Ummata Oromoo qabee jiru waliin dhaabbattan. Xurii seena.

Amma waan fedhee haa hafu Obbo Araarsoon gochaa doofa Poolisaa fi Tika mootummaa PP isayyu harra buluuf ummata hiraarsuu abadatte akka waan inni Adunyaa mara qaqqabuutti doorsisa qabsaa’ota biyya alaa irratti xibaartee deebisi liqimsi. Tarii hanga adunyaan kun ballattu tilmaamuu dhaddhabde ta’a. Polisi fi tikni PP waajjiruma Gullallee seentee ba’uuf yoo si gargaare irraan kan hafe yoo boolla seenteyyu dhimma kee hin qaban. Hin saalfattu Waajjiruma kee dur nagaan seentee baatu harra halagaatu si eegee ba’uu fi seenuu kee to’ata. Kana caalaa gad-galummaan hin jiru. Diiniina Diaspora dhaaf kennitee ammaaf afurfadhuuti  qabsaawoota quba itti laattani hisiiftaniif Ummata keenyaa hiraarsaa jirtan irra harka keessan kaasaa. Jaallan raga itti baatanii hiisiftanii fi ajjeesistaniif itti gaafatamuun keessan hin oolu.Dhlootni gatiitti keessan irra hin bu’u. PP nisin abdattan akka duumessaatti ija keessan duratti bittinnaa’uuf jirti. Kanaaf isa humna mootumma abdattani qabsaa’ota doorsistan irra dhaabbadha. Kan dhimma keessanii ooffadha. Akkuma Obbo Ararsoon raga baateettis Caasaa ABO biyya alaa irra lammata akka hin dubbanne waada keessan haaromsa.

Xumura irratti qQabsoon Bilisummaa Oromoo kallachummaa ABOn durfamu daandi egaleen humna, qabeenya, beekumsaa fi deggersa bifa hundaan Ummatni oromoo qabu alaa fi keessaan qindeessuun hanga Bilisummaa Ummata Oromootti itti fufa. Kana keessatti caasaan ABO biyya alaa bifa haaraan caalaatti qabeenya fi daandeetti Ummaticha qindeessuun (Moblize godhuun) akeeka balla lafa kaawwateen masakamee itti fufa. Kanaaf dorsisa keessan liqimsaati akkuma amala keessani balaaleffanna diinni barreesse isinitti kennu irras utuu of qusattani gorsa keenya.

 

Qabsoon itti fufa!

Gantummaan yakka guddaa dha!

ABOn Kallacha QBO ti !!

Fuulbaana 20, 2020

Jaarmiyaa ABO – Caasaa Biyya Alaa