Waraana Dhuma Hin Qabneen Lubbuu Dargaggoota Nagaa Bal’eessuun Dhaabbachuu Qaba

 

Waraana Dhuma Hin Qabneen Lubbuu Dargaggoota Nagaa Bal’eessuun Dhaabbachuu Qaba

Ibsa Adda Bilisummaa Oromoo

Addi Bilisummaa Oromoo waan kam iyyuu caalaa, waraana Itti gaafatamummaa hin qabnee fi maal na-dhibdee mootummaan Paartii Bilxiginnaa jalqabe gadi jabeessee morma. Impaayerri Itoophiyaa, waggootaaf, dhiiga dargaggootaa fi imimmaan haadholiitiin jiraachaa turte. Sirni sooshaalistii Mangistuu Haayilemaariyaam waggoota abaaramaa abbaa irrummaa isaa hunda keessatti, dhaadannoo isaa isa baay’ee nama dhiphisu ‘Hundi gara Adda Waraanaatti’ jedhu jalatti dargaggoota dhibbaa fi kumaatamaan lakkaa’aman fixe. Ta’us guyyaan isaa inni dhumaa gaafa ga’e kufaatii fi salphina jalaa ba’uu hin dandeenye.

Gareen yeroo ammaa mootummaa impaayera Itoophiyaa dhuunfatee jiru, sirna gara-jabeessa sana irraa barachuu dhiisee, faana sirna abbaa irree kanaa hordofaa jira. Mootummaan Paartii Bilxiginnaa dargaggoota dhibbaa fi kumaatamaan lakkaa’aman humnaan marsee ibidda waraanaatti galchuuf murteessee jira. Torban kana qofa dargaggoonni 500 ta’an daandii magaalaa Burraayyuu fi qe’ee lammiilee gargaarsa hin qabnee irraa humnaan qabamaniiru. Tarkaanfiin kun magaalaa Laga Xaafoottis cimee gara bulchiinsa magaalaa Shaggar dhiheenya hundeeffametti babal’achaa jira. Dargaggoonni hiyyeeyyiinis, guyyoota itti aanan keessatti, manneen hidhaa fi kaampii tursiisaa irraa gara mooraa leenjii waraanaatti geeffamaa jiru.

Waraanni Tigraay kanaan dura darbe irratti dargaggootaa fi shamarran kuma dhibbaan lakkaa’aman wareegamaniiru. Waraanni Oromiyaa keessa jiru lubbuu dargaggoota qulqulluu lafa irraa fixaa jira. Kun xiqqqaannaan lola marsaa biraatiif qophii dabalataa gochuun gocha maal na-dhibdee fi itti gaafatamummaa dhabuu ti.

Kanaaf, fedhii dhuunfaa fi aangoo ofii tikfachuuf jecha, dargaggootaa fi ilmaan iyyeessaa abiddatti oofuu kana gadi jabeessinee balaaleffanna. Imimmaan haadholii dhaabbachuu qaba.
Ajandaan lammiilee Oromiyaa dursa argachuu qabu, gama kamiinuu lola dhabuudhaan Mootummaa Cehumsaa Biyyoolessaa Naannoo Oromiyaa hundeessuuf bobba’uu ta’uu qaba jennee amanna.

Waan kana ta’eef, lammiileen Oromiyaa, lammiileen biyyaalessaa fi addunyaa nagaa jaal’atan hundi waraanni gama hundaan akka dhaabbatu dhiibbaa gochuudhaan dararamni ummatoota Itoophiyaa akka dhaabbatuuf tumsa akka gootan waamicha goona.

Injifannoo Ummata Bal’aaf!

Adda Bilisummaa Oromoo
Waxabajjii 06, 2023
Finfinnee