Murtii fi Kutannoolee Walgahii Gumii Sabaa 2ffaa ABO (Bitootessa 18, 2020)

Murtii fi Kutannoolee Walgahii Gumii Sabaa 2ffaa ABO (Bitootessa 18, 2020)

Obsi

Gumiin Sabaa Adda Bilisummaa Oromoo (GS-ABO) walgahii isaa 2ffaa Bitootessa 16 – 18, 2020 adeemsifate. Walgahiin Gumii Sabaa ABO 2ffaa bu’aa-bahii Dhaabni Adda Bilisummaa Oromoo gaafa Hoogganni isaa ol’aanaan Finfinneetti deebi’ee as keessa dabree fi hojiilee Dhaabaa hojjetaman, naamusa hojii, rakkoolee caasaa fi hojiilee Dhaabaa olii hanga gadiittti bal’inaan gamaaggame. Kana malees akkaataa qabeenyaa fi dinagdee Dhaabaa itti guddisuun danda’muu fi dhimma itti bahamu irratti haasa’ee sirnaa fi tarsiimoo madda galii Dhaaabaa balbal’isuun itti danda’amu akeeke. Akkasumas, adeemsa siyaasaa fi nageenya Itoophiyaa, keessaahuu, dhiibbaa siyaasaa fi dhiittaa mirga namoomaa mootummaan Itoophiyaa amma aangoo irra jiru waliigala uummatoota biyyattii, keessattuu ammoo Ummata Oromoo irraan gahaa jiru, haala miseensotaa fi hoogganoota ABO fi gaazexeessota mana hidhaa jiranii gadi fageenyaan irratti haasawuudhaan danqaalee Dhaabaa fi deggertoota isaa mudachaa jiran irra aanuuf falaa fi mala karaa nagaa karoorsee jira.

Gama biraan Filannoo waliigalaa Itoophiyaa bara 2020 as deemaa jiruu fi hariiroo Boordii Filannoo Biyyoolessaa haaraa diriirfame waliin jiru xiinxaluudhaan dhimma filannoo irratti xiyyeeffachuun barbaachisaa akka tahee fi hojiilee karaa kana fuulduratti ABO eeggatan adda baasuudhaan humna namaa fi qabeenya Dhaabichaa argamu harki guddaan dhimma filannoo kanaaf akka oolu murteesse. Akkasumas, wixinee dhimmoota Imaammata Dhaabaa irratti marihatee maxxanfate. Dhimmoota Imaammataa kanneen keessaa warreen furtuu (key issues), gaaffii Ummataa belbeltuu rakkoolee siyaasaa, dinagdee fi hawaasummaa furuu irratti akeekkatan jedhee adda baafate, wixinee Manifestoo Filannoo (Election Manifesto), qophaawe irrattis marihatee tartiiba itti aanu lafa kaayyate:

Dhimmoota xiyyeeffannaan itti kennamee marii bal’aan irratti adeemsifame keessaa tokko tumsa qabsoo jaarmota Oromoo fi Paartiilee Sabaa fi sab-lammoota biroo waliin jalqabame kan ilaalu ture. Akka kanaan adeemsi Tumsa Dimokraasii Federaalummaa ijaaruu jalqabame jaarmota Oromoo tokkummaa fi sab-boonummaa Oromootti amanan wajjin daddaffiin xumura akka argatu qajeelche. Tumsi Dimokraasii Federaalummaa Sab-daneessaa jaarmota sabaa fi sab-lammoota biroo waliin ijaarames bakka amma gahe irraa fuul dura tarkaanfatee fiixaan akka bahu gama ABOn tattaaffiin barbaachisu hundi akka taasifamu walgahiin GS ABO lammaaffaan qaama Dhaabaa Hojii Raawwachiisu ajajee jira.

GS –ABO haala mootummaa fi paartii amma biyya bulchaa jiruus bal’inaan gamaaggamee jira. Addi Bilisummaa Oromoo gaaffiin ummata Oromoo fi saboota biroo ni deebifama abdii jedhuun qabsoo karaa nagaatti makamuun ni yaadatama. Haa tahu malee, mootummaan amma aangoo harkaa qabu waadaa uummatoota biyyattii fi hawaasa addunyaaf seene kan dirree dimookraasii bal’isuu, kabajaa mirgoota dhala namaa fi kan mirga hiree murteeffannaa seenee ture faallessuudhaan inumaahuu mirgoota Ummatootni qabsoo baroota dheeraan argatan dhiphisaa jira. Mootummaan kun sochii fi gaaffiilee Ummatootaa ka’an ukkaamsuuf humnatti gargaaramee cal’isiisuuf tattaaffii inni godhu biyyattii raakkoo hamaa keessa galchuun alatti dhibdee siyaasaa biyya kanaa fura jennee hin amannu. Mootummaan kun mirgoota namoomaa kan bu’uuraa, mirga ijaaramuu, bakkaa-bakkatti socho’uu, mirga walgahii Ummataa, jaarmayaa barbaadan deggeruu fi mormuu qaban ukkaamsaa jira. Maqaa ol’aantummaa seeraanis miidhaan ulfaataan Ummata irra gahaa jira. Ol’aantummaan seeraa hin jiru.

Kara biraas humnooti siyaasaa ilaalcha sirna mootota Itoophiyaa duraanii deebisuuf gaaffii Sabootaa fi Sab-lammootaa dura dhaabbachuudhaan shira dalagaa jiranis miidiyaa fi caasaa mootummaa gargaaramuun dinagdee biyyattii dhuunfachuun sirna Federaalummaa sab-daneessaa hanga tahefuu gaaffii Sabaa fi Sab-lammootaa deebisuuf diriirfame haquuf haala mijeeffachaa jiraachuun dhugaa qabatamaa lafa irra jiru dha.

Addi Bilisummaa Oromoo rakkoolee olitti tarrifaman kanneen jiraatanis waadaa qabsoo karaa nagaa fi dimokraasii murteeffaatee seene irratti cichee karaa nagaaa fi seeraa qabsoo isaa kan itti fufu tahuu irra deebi’ee mirkaneessa. Kanaafis rakkoo siyaasaa fi danqaa biyyi kun keessa seenee jiru furuudhaan gara filannoo bilisaa fi haqaatti deemuuf mootummaa fi qaamota dhimmi ilaalu hunda waliin marii siyaasaa jabeessuuf qophii tahuu isaa mirkaneessa.

Ummatni Oromoo biyya keessaa fi alaa qabsoo karaa nagaa itti jiramu jabeessuudhaan deggersa ABOf kennaa jiru dachaa taasisuun naamusaa fi cichoomina qabsoon karaa nagaa barbaadu jabeeffatee kaayyoo ABO milkeessuuf jabaatee akka hojjetu irra deebinee waamicha haaromsina. Kanatti dabalee beeektotaa fi Abbootiin qabeenyaa Oromoo qabsoo kana milkeessuu keessatti qooda murteessaa qabaachcuu hubatanii hirmaannaa isaanii ol kaasuun dirqama seenaa fi lammummaa irra jiru akka bahatan ABO addatti waamicha isaa dabarsaaf.

ABOn dhaloota isaa irraa jalqabee mormiin inni qabu sirna cunqursaa irratti malee saba kam irratti iyyuu xiyyeeffatee hin beeku. Tahuus hin danda’u. Aadaa mootummootni Itoophiyaa Sabaa fi Sab-lammoota walitti buusuun qoqqoodanii bituuf qaban hubachuudhaan Sabaa fi Sab-lammootni biyyattii olola dharaa ABO fi Ummata Oromoo irratti oofamaa jiruun osoo hin dagamne hariiroo ijaaraa ABOn Ummata Oromoo fi Saboota biroo gidduutti jabeessuuf hojjataa jiru akka deggeran waamicha keenya dabarsina.

Wayta ammaa kana Oromiyaa keessatti hidhaa, dararaa, saamichaa fi buqqa’iinsa adeemsifamaa jiruu fi jireenya Ummata Oromoo dhabamsiisaa jiru akka dhaabbatu, akkasumas, ol’aantummaan seeraa kabajamee hoogganootni, miseensotaa fi deggertootni ABO jumlaan mana hidhaatti dararamaa jiran hatattaman akka gadi lakkifaman gaafanna. Command Post hojii irra oolfamaa jiru haala ifaa fi bifa seera qabeessaan hojii irra oolaa hin jiru. Waraanni bifa haaraan Oromiyaa keessa qubsiifamaa jirus mirga siyaasaa Sabootaa waan dhiitaa jiruuf irra deebi’amee akka ilaalamu ABOn gaafata. Akkasumas, Godinaalee 4-ran Wallaggaa, Godinoota Gujii lameenii fi Godina Booranaa irraa quunnamtiin bilbilaa fi internet erga kutamee ji’oota lakkoofsise hatattamaan akka gadi dhiifamu GS-ABO cimsee gaafata. Kun mirga tajaajila quunnamtii ummatni argatuuuf qabu kan faalleessuu fi jireenya isaa irraan dhiibbaa ulfaataa dhaqqabsiisaa jiru waan taheef, kana malees yeroon kun yeroo dhukkubni koroonaa vaayires jedhamu addunyaa mara keessatti hubama ol’aanaa geessisaa jiru keessatti Ummatni odeessa shaffisaa barbaadu akka hin arganne taasisaa jira waan taheef daddaffiin akka gadi lakkifamu gadi jabeessinee gaafanna.

Yeroo dhihoon asitti dhimmi Hidhaa Laga Abbayyaa biyyoota sadeen (Sudaan, Itoophiyaa fi Ijipti/Masir) gidduu wal-dhabbii dhalchee falammii ho’aan geggeeffamaa jira. Dhimmi kun dhimmi biyyaa fi hunda ilaalu tahuun ifaa dha. Hidhaan waggoota saddeet dabraniif wal hubannoo biyyoota sadan gidduutti adeemsifamaa tureen xumura jala yeroo gahetti danqaan uumamuun maal irraa akka madde ifaa miti. Kun akka jirutti tahee, biyyi kun mirga Laga Abbayyaatti dhimma bahuu qabdu bifa kabajsiisuun haasaa karaa nagaan adeemsifamuun xumura akka argatu ABOn qooda irraa eegamu ni gumaacha.

Dhuma irratti hawaasni Addunyaa fi Jaarmotiin Idil-Addunyaa kabajamuu mirga dimokiraasii fi namoomaaf dhaabbatan marti ummata bal’aa bira dhaabbachuudhaan fiixa-bahiinsa ijaaramuu sirna dimokiraasii irratti gargaarsa irraa eegamu akka gumaachan ABOn jabeessee gaafata.

Injifannoo Ummata Bal’aaf !

Gumii Sabaa ABO

Bitootessa 18, 2020