Sababa Tokko Malee Xiyyeeffannoodhaan Namoota Nagaa Ajjeesuu fi Hidhuun Mallattoo Sirnoota Abbaa Irreeti

 

Sababa Tokko Malee Xiyyeeffannoodhaan Namoota Nagaa Ajjeesuu fi Hidhuun Mallattoo
Sirnoota Abbaa Irreeti
Ibsa Adda Bilisummaa Oromoo
Fulbaana 29, 2022
Hidhaa seeraan alaa fi ajjeechaan gara jabinaa sababa tokko malee mootummaan Paartii Bilxiginnaa
Itoophiyaa keessatti uummata nagaa irratti raawwatamu erga nuti yeroo dhihoo dhimma wal fakkaataa
irratti ibsa baasnee osoo hin tur’in itti fufee jira.
Murni aangoo dhuunfatee jiru, ajjeechaa uummata nagaa manneen hidhaa fi buufataalee poolisii
Oromiyaa hedduu keessatti hidhaman irratti gara jabinaan raawwatu cimsee itti fufee jira. Barsiisaan
maqaan isaa Talilaa Girmaa jedhamu, Godina Kaaba Shawaa, Aanaa Warra Jaarsootti kan dhalate yoo
ta’u, haadha warraa fi ijoollee isaa Kibba Lixa Oromiyaa, Beddellee keessa jiraatan daawwachuuf
deemee ture. Barsiisaan kun Aanaa Daphoo Haannaatti, ajaja mana murtii malee qabamee Fulbaana 3,
2022 dawoo dukkanaa keessatti erga qabamee booda, buufata poolisii keessaa baasanii bakka 77
jedhamutti ajjeesanii jiru. Haaluma wal fakkaataan namoota 16 ajjeefamaniiru.
Godina Horro Guduruu, Magaalaa Shaambuu keessattis, humnoonni mootummaan hidhachiisee
bobbaase, gaafa guyyaa Fulbaana 28, 2022 namoota saddeet mana hidhaa keessaa fuudhanii guyyaa
saafaadhaan ajjeesanii jiru. Namoonni maqaan isaanii Gaaddisaa Fayyisaa, Dassaalenyi Magarsaa
(abbaa ijoollee lamaa) fi Waasee jedhaman kanneen yeroo ammaaf maqaan isaanii adda baafamnes
keessatti argamu.
Har’a ammoo jechuun gaafa guyyaa Fulbaana 29, 2022 magaalaa Burrayyuu qarqara magaalaa
Finfinneetti argamutti, poolisiin sirnichaa Obbo Alamaayyoo Diroo (abbaa ijoollee 7 fi itti gaafatamaa
Koree Seeraa fi Naamusaa Adda Bilisummaa Oromoo) to’achuudhaan mana hidhaatti galchanii jiru.
Ammaan duras Obbo Alamayyoon sababa tokko malee humnoota murnichaatiin yeroo hedduu
qabamanii hidhamaa turan. Namni kun dhimma fi kaayyoo qabsoo Oromoo karaa nagaan leellisuun kan
beekamu yoo ta’u, miseensa dammaqaa Adda Bilisummaa Oromooti. Obbo Alamaayyoon haati isaanii
dhiyeenya kana du’aan waan boqotaniif gadda irra turan. Nama nagaa qabsoo karaa nagaa gaggeessaa
jiru kana hidhuun maatii fi uummata Oromootiif miidhaa guddaa waan ta’eef hatattamaan hidhaarraa
akka gadhiifamu gaafanna.
Torban darbe humnoonni nageenyaa murnichaa hayyuu fi qorataa beekumsa ganamaa Oromoo
Professor Gammachuu Magarsaa qabanii hidhanii (booda kan gadhiisan) turan. Gochi itti
gaafatamummaa hin qabnee fi maal na-dhibdeen akkasii kun hayyoota Oromoo dhiittaa mirga
namoomaa murnichaa, dirree siyaasaa wal qixa ta’eefi nageenya dhabuu, akkasumas manca’iinsa
nageenyaa hammaachaa deeme ilaalchisee yaaddoo qaban dhageessisan sodaachisuu fi rakkisuuf kan
yaadame yoo ta’u, kun ammoo gara gaaga’ama siyaasaa fi manca’insa namoomaa hamaatti deema.
Gocha baay’ee fokkisaa fi jibbisiisaa yeroo ammaa murni aangoo dhuunfatee jiru raawwachuu keessaa
kan biraan ammoo dargaggoota nagaa hidhaman mana hidhaa fi buufata poolisii irraa baasuudhaan gara
mooraa leenjii waraanaatti baayyinaan geessaa jiru. Dargaggoonni kunis torban tokko ykn lama leenjii
erga fudhatanii booda, gara adda waraanaa kaabaa fi Oromiyaatti bobbaafamu. Ijoolleen dhiiraa fi
shamarranii umurii barumsaarra jiraniifi adda waraanaa deemuudhaaf qaamaa fi sammuudhaan hin
bilchannes, miidhama gara jabina hamaa kanaaf saaxilamanii jiru. Haala kanaan lubbuu dargaggootaa fi
shamarraniin taphachuun hawaasichaaf kisaaraa fi gaaga’ama hamaadha.
Namoota to’annoo seeraa jalatti argamanii fi hidhamanii jiraniif, eegumsa seeraa barbaachisaa
godhamuufii osoo qabuu, mana hidhaa keessaa baasanii haala suukaneessaadhaan ajjeesuun, seera mirga
namoomaa biyyaalessaa fi idil-addunyaa cabsuu waan ta’eef, namoonnii fi dhaabbileen nagaa fi
tasgabbii leellisan marti gocha shororkeessummaa murni aangoo qabatee jiru tumsan kana
balaaleffachuu qabu. Waan kana ta’eef, hawaasni idil-addunyaa itti gaafatamummaa isaanii sirnaan akka
ba’an dhaammanna. Keessattuu tarkaanfiin abdii kutachiisaa yeroo ammaa sirnichaa fi haalli
walumaagalatti Itoophiyaa keessatti adeemsifamaa jiru, balbala tokkoo tokkoo keenya rurrukutuun isaa
waan hin oolleef, xiyyeeffannoo addaatiin ilaaluun baay’ee barbaachisaa fi murteeaadha jenna.
Oromoon roorroo dhiittaa namummaa kana karaa danda’u hundaan tokkummaan dura dhaabbachuu
akka qabu waamicha dhiyeessina.
Injifatnoo Ummata Bsl’aaf!
Adda Bilisummaa Oromoo
Fulbaana 29, 2022