ABO Oromoo Gadaa Wareegamtoota

 

Dhumaatii Ummata Nagaa Irra Ga’aa Jiruuf Gaafatamaan, Mootummaa Federaalaa Dhumaatii
Kana raawwataa fi Haala Mijeessaa Jiruu dha.
Ijoo Dubbii ABO – Sadaasa 19,2022

Erga waggaa tokkoo as haala mul’ataa hin taanee fi ifaanis Godinoota Wallagga Bahaa fi Horroo
Guduruu Wallaggaa keessatti ummatni nagaan qe’ee fi qabeenya isaa irratti humnoota mootummaan
hidhatanii fi humnoota Federalaan weeraramee dhumaatiin jumlaa fi suukanneessaan irratti
raawwatamaa jira. Manneen ummataa kumootaan barbadeessamaa, lubbuun namootaa kumootaan
baasamaa, qabeenyi barbadeessamaa fi saamamaa, jiruu fi jireenyi hawaasaa diigamuun, balaan
hammana hin jedhamnee fi bal’ina qabu ummata Oromoo irra ga’eera.
Haala kanaan ummatni lafa gabbataa irra jiraataa ture, of irra darbee alagaa sooraa ture har’a sababa
lafa isaa irratti itti duulameef kumoota dhibbaan qe’ee irraa buqqa’ee dirree irratti faca’uun hagabuu buluu
fi harka namaa eeggatuuf dirqameera. Yeroo kun hundi ta’u mootummaan Federaalaa biyyan bulchaa
jira ofiin jedhu sirna Biltsiginnaan dursamu, dhoksaanis tahe ifaan humnoota itti bobbaasuun ummata
dararuu hojii isaa godhatee jira. Dirmachuun kan dirqama itti ture humna alagaa goolessituu Faannoo
jedhamtu gurmeessuu, leenjisuu, hidhachiisuu fi waraana isaa waliin walooma tolchuun yeroo gamtaan
ummata kanatti duulanii duguuggaa sanyii irratti raawwatan ifaan mul’ataa ture; mul’ataas jira.
Addatti erga guyyoota shanii as jechuun Sadaasa 14, 2022 irraa qabee Godinoota Wallagga Bahaa fi
Horroo Guduruu Wallaggaa keessatti humni mootummaa finxaaleyyii Faannoo golgaa godhate, humni
Polisii Federalaa Farra Shororkeessaa jedhamu fi Waraanni Ittisa Biyyaa Mootummaa Federaalaa waliin
weeraraa fi duula bal’aa ummata Oromoo irratti bananii jiraniin. Kanaanis lammiilee nagaa dhibbootaan
ajjeesaa, dhibbootaan madeessaa, magaalotaa fi gandeen qabeenya waliin gubanii barbadeessaa, horii
ummataa shallaguun illee nama rakkisu ooffataa jiran. Maanguddootni, hawwanii fi ijoolleen weerara
humna waloo finxaaleyyii fi humnoota mootummaa kanaan akka maleetti miidhamaniiru. Onoota Horroo
Guduruu Wallaggaa kan akka Amuruu, Jaardagaa Jaartee, Horroo Bulluqii fi kkf keessatti goolessitootni
Faannoo fi humnootni mootummaa gariin uffata siviilii uffatanii waloon weerara geggeessaa jiran, ilmaan
Oromoo nagaa qe’ee isaanii keessatti dhibbootaan ajjeesaniiru. Bakka ga’an hundatti ibidda manneenitti
sararuudhaan qabeenya waliin barbadeessaa jiran.
Sadaasa 16, 2022 magaalaa Aliboo irratti weerara bananiin magaalattii ibiddaan barbadeessaniiru.
Magaala Jaardagaa Jaartee kan taate Aliboon hidhattoota finxaaleyyii Faannoo fi waraana mootummaa
fi humnoota Polisii Federalaa ummata fakkaatanii sossohaniin haleellaan irratti geggeessamtee
miidhamteetti. Yoo xiqqaate manneen ummataa 200 ol ta’u magaalattii fi naannootii gubachuu ummatni
ragaa ba’a. Ummatni nagaan hedduutu ajjeesame. Qabeenyi baay’eetu manca’e. Gariin ni saamame.
Horiin loon, re’ee fi kkf kumootaan humna kanaan fudhatamaniiru. Aliboon alatti gandootni akka Suuxee,
Digaluu fi kkf haleellaa fakkaataan irratti deemsisamee ummatni sivilii hedduutu harka bineeyyii kanaan
galaafatame. Humni waloo Faannoo fi hidhattootni mootummaa kun gandoota baadiyaa hunda
weeraruun barbadeessuu irratti argaman.
Humni goolissitootaa ummata Oromoo jilbeenfachiisuu fi akka sabaatti lafa irraa fixuuf sagantaa
mootummaan sossohaa jiran kun, duguuggaa sanyii saba Oromoo irratti raawwataa jiran itti fufuun
guyyaa kaleessaa Sadaasa 18, 2022 Godina Baha Wallagga Ona Kiiramuu irratti lola bal’aa bananiin
magaalaa Kiiramuu guutuutti goolaniiru. Ummata nagaa irratti duguuggaa sanyii raawwataa akka jiran
odeessi ba’u ni hubachiisa. Kanneen magaalaa Kiiramuu irratti lola bal’aa ummata nagaa irratti banuun
duguuggaa sanyii Oromoo irratti raawwataa jiran kun goolessitoota Faannoo, Waraana Ittisa Biyyaa fi
Poolisoota Federaalaa farra riphee lolaa jedhaman ta’uu odeessi jiru ni addeessa.
Magaalaan Kiiramuu haala ulfaataa keessatti kuftee jirti. Ummatni magaalattii fi jiraattotni gandoota itti
dhihoo jiranii baay’een akka ajjeesaman, warri humni danda’e qe’ee gadhiisee bosonatti akka baqate
ibsama. Garii ammoo magaalattiima keessatti marfamanii jiraachuun hubatameera. Manneenii fi
qabeenyi akka gubatan, horiin akka saamaman odeessi ummataa ifa godha. Qunnamtiin rakkisaa waan
ta’eef, odeessa ga’aa akka barbaachisutti argachuun rakkisaa dha.
Mootummaan Federaalaa Paartii Biltsiginnaan hogganamu dhumaatii jumlaa Godinoota Wallagga Bahaa
fi Horroo Guduruu Wallaggaa keessatti, darbees Oromiyaa bakkoota adda addaatti ummata nagaa irra
gahaa jiruuf gaafatamaan matuma isaa ti. Lola kana keessaa fedhii guddaa akka qabu, qindoominaan
akka duukaa jiru ragaan, caasaaleen nageenyaa mootummaa federaalaa ummata irratti lola
geggeessamaa jiru kana keessatti hirmaatanii mul’atuu dha. Bulchiinsii fi kaabinootni Godinaas
humnoota goolessitootaa ummata irratti lola geggeessan kanaaf dhaabbataan haala mijeessaa akka
turanii fi jiran ummatumatu dubbataa jira.
Kanaaf Godinoota Wallagga Bahaa fi Horroo Guduruu Wallaggaa keessatti humnootni finxaaleyyii
duguuggaa ummata irraan ga’aa turanii fi jiran quba qabeenya mootummaa fi qindoomina mootummaa
Bilsiginnaan ta’uun shakkiin hin jiru. Caasaan nageenyaa mootummichaa, hidhattootni sirnichaa hanga
waraana ittisa biyyaatti fi humni polisii Federalaa huccuu siviilii uffatanii goolessituu Faannoon waliin
ijaaramanii fi waliin weerara geggeessaa jiran harki mootummaa Federaalaa keessa jiraachuu
mirkaneessa. Kanaaf mootummaan Biltsiginnaa gaafatama jalaa kan miliqu miti.
Dhuma irratti ummatni keenya kan keessaa fi alaa waa tokko qalbifatuu qaba. Oromoon walii isaa malee
kan biraa hin qabu. Gaafa rakkoos, gaafa bal’oos isumatu waliif jiraachuu qaba. Waan kana ta’eef,
ummata keenya qe’ee isaa gubbaatti humna alagaan weeraramee akka baalaa harca’aa jiruu fi kumoota
dhibbaan baqatee dirreetti hafuuf dirqameef dirmatuu qaba. Sagalee ta’uufii qaba jenna. Duguuggaa
sanyii dhoksaatti mootummaan ummata keenya irratti deemsisamaa jiru kana karaa danda’ame hundaan
ija hawaasaa fi mootummoota addunyaatti baasaa jenna.
Injifannoo Ummata Bal’aaf!
Adda Bilisummaa Oromoo
Sadaasa 19,2022
Finfinnee