Ajjeechaan Uummata Nagaa Irratti Raawwatamu Wabii Injifannoo Ta’uu Hin Danda’u Ajjeechaa Namoota Nagaa Irratti Raawwatamaa Jiru Ilaalchisee Ibsa ABO

Ajjeechaan Uummata Nagaa Irratti Raawwatamu Wabii Injifannoo Ta’uu Hin
Danda’u Ajjeechaa Namoota Nagaa Irratti Raawwatamaa Jiru Ilaalchisee Ibsa ABO
Fulbaana 26 2022
Waa’een walitti lolaa fi dararama uummata sivilii Itiyoophiyaa karaa kaaba biyyattii
keessatti lammiilee nagaa irra raawwatamaa jiruu hawaasa addunyaa biratti beekama
dha. Gochi hammeenyaa Oromiyaa keessatti raawwatamaa jiru garuu akka hamatti
ukkaamfamee hawaasi addunyaanis callisuu filatee jira. Wal-dhabdeen humnoota
mootummaa fi Waraana Bilisummaa Oromoo (WBO) gidduutti taasifamu yeroo gara
yerootti bal’achaa kan jiru yoo ta’u, yeroo ammaa sadarkaa magaalota aanaaf falmuu
irra guddatee magaalota gurguddootti dhihaachaa jira.
Maqaa humna hidhattoota bilisummaa hundeerraa buqqisuu jedhuun humni
iittisaa mootummaa fi milishoonnii fi Humni Addaa mootummaa naannoo Amaaraa, fi
gareen Fannoo jedhamu aanaalee fi gandoota Lixa Oromiyaa hedduu, keessattuu
Godinaa Horro Guduruu fi Wallagga Bahaa yeroo yeroon deddeebi’anii weeraraa jiru.
Kana keessaas tokko ajjeechaa suukaneessaa Hagayya 30, 2022 naannoo magaalaa
Agamsaatti lammiilee nagaa 63 ol ta’an irratti raawwatame, akkasumas Fulbaana 3,
2022 Bunee Abuunaa fi Guddinaa Abuunaatti lammiilee nagaa 31 ajjeefamuu
ilaalchisee ibsa keenyarratti gabaasnee ilaaluun gahaa dha.
Dubbii kana caalaa hammeessuuf, Fulbaana 22, 2022 hanga Fulbaana 26, 2022tti
Humnoonni Naannoo Amaaraafi Faannoon humna ittisaan gargaaramuun gocha gara
jabinaa fi suukaneessaa kan biraa lammiilee nagaa irratti raawwataniiru. Weerara
waraanaa haala gaariin qindoominaan geggeeffameen Aanaa Jaardagaa Jaartee fi
Amuruu keessatti iddoowwan Qilxuu Ceekaa, Haroo Waloo, Tombee, Dangab, Haroo
Guddinaa fi Daargee Kootichaa jedhamanitti namoota nagaa 100 ol ta’an haala
suukaneessaadhaan ajjeesuun isaanii ni yaadatama. Gochi hammeenyaa wal
fakkaataan Aanaa Amuruu keessatti iddoo adda addaa kanneen akka Magaalaa
Agamsaa, Migir, Sammoo, Waasitti, Luma’a, Jawajaa, Jaboo Doobban, Chidhatti,
Gobuu, Nyaaree, Makkannoo, Shookee fi Dangaab Siiddan keessatti gara jabina
hamaa fi haala suukaneessaa ta’een raawwatamee jira. Aanaa Kiramuu ganda Haroo
Suub keessattis gochi hammeenyaa walfakkaataan raawwatamee jira. Weerartoonni
Humna Addaa Amaaraa, namoota siviilii hidhatan waliin ta’uudhaan, shubbisaa fi
meeshaa muuziqaa aadaa fiiggiisaa ifatti Mootummaan Federaalaafi miliishaa
Naannoon Amaaraa tumsuun onnachiifamaa gocha suukaneessaa raawwataa turan,
jiran. Qaamoleen nageenyaa Mootummaa Federaalaa, Humni Addaa Mootummaa
Naannoo Amaaraa fi Faannoon, maanguddoota, dubartootaa fi daa’imman dabalatee
namoota nagaa gargaarsa hin qabne irratti haleellaa qindoomina qabuun akkamitti
akka raawwatan namoonni naannoo fi namoonni lubbuun hafan ifatti eeranii jiru.
Addatti saba tokkorratti fuuleffachuun, jechuunis Oromoo, irratti
xiyyeeffachuundhaan jumlaan ajjeesuufi lafa isaa irraa buqqaasuun yakka duguuggaa
sanyii ykn yakka namummaa irratti raawwatamaa kan jiruudha. Karoorri kun itti bahi
isaa mootummaa kanaf bu’aa kan hin qabne ta’us mootummaan ummata tokko isa
kaan irratti duulchisuudhaan walitti buusuun wal irrati diinomsuu itti milkaa’eera.
Ta’us miidhaa kun fuula duraaf qabu tilmaamuun nama rakkisa; ulfaataa dha. Addi
Bilisummaa Oromoo dhimma kanarratti ummattoota Itoophiyaafi hawaasa Idiladdunyaa irra deddeebiin akeekkachiisaa tureera.
Gochi hammeenyaa dhuma hin qabne kun lammiilee nagaa qulqulluu meeshaa
waraanaa hin qabne irratti raawwatamu amma sadarkaa fokkisaa fi yaaddessaa irra
gahuu irra deebiin hubachiifna. Hojiin oppereeshinii waraanaa mootummaan of
eeggannoo malee maal na dhibdeen gaggeessaa ture, sadarkaa kaayyeffate
argamsiisuufii hin dandeenye. Bu’aan tarkaanfii mootummaa kanarraa argame du’a
namoota nagaa, barbadaa’uu qabeenya, buqqa’uu fi hammaachuu gidiraa namootaa
qofaadha. Ijoollee umurii barnootaarra jiraniifi umuriin isaanii waraanaaf hin geenye,
waraanaaf bobbaasuun gocha yakkaa yoo ta’ellee, Itoophiyaa keessatti garuu seera
ta’eera. Waraanni haala kamiin iyyuu rakkoo Itiyoophiyaa furee hin beeku, hin furus.
Haata’u malee sirnoota Itoophiyaa walduraa duubaan aangoo qabataniif waraanni

OROMO LIBERATION FRONT تحرير جبهة
أورومو
ADDA BILISUMMAA OROMOO
Gaafa:
Date: 26/10/2022
تاريخ
Lakk.
No. stm 50 stm/2022
No. stm 006/stm/2021
No.: stm 002/stm/2021

No
عدد
bartee fi aadaa ta’ee jira. Murni amma aangoo qabatee jirus lubbuu namoota
kumaatamaa erga ficcisiisee booda taphichaan ala ta’e malee bu’a tokkollee argachuu
hin danda’u.
Ummatni Oormoo, addatti ammoo Oromoon Godina Horro Guduruu keessatti
argamu irra deddeebiidhaan hammeenyaa fi haleellaa suukaneessaa kanaaf
saaxilamee gaaga’ami guddaan yoo irra ga’eyyuu xiyyeeffannoo argachuu waan
dhabeef, uummanni naannoo kanatti argamu wal ijaaree ilmaan fi qabeenya isaanii
tikfachuu malee filannoo biraa akka hin qabne Addi Bilisummaa Oromoo irra deebi’ee
yaadachiisuu barbaada. Mootummaan of tuulummaadhaan heera ofii fi seera idil
addunyaa cabsee jira. Of ittisuu keessatti garuu qooda fudhattoonni dhimmi ilaallatu
hundi amantii yookaan saba irratti hundaa’uudhaan loogii tokko osoo hin raawwatin
lammiilee nagaa hidhannoo hin qabnee fi qabeenya isaanii akka tiksan waamicha
dhiyeessina. Lammiileen nagaa kamuu hidhannoo hin qabne eegumsa argachuu fi
nageenyi isaanii mirkanaa’uu qaba.
Oromiyaa keessatti gidiraa, ajjeechaa fi tuffiin akkanaa dhala namaaf hin malle
guyyaa guyyaan galmaa’aa osoo jiruu, hawaasi addunyaa callisuu ilaalchisee Addi
Bilisummaa Oromoo mufannaa qabu ibsuu barbaada. Oromiyaan yeroo ammaa
kanatti dirree agarsiisa gidiraa fi du’a dhala namaa taatee jirti. Hawaasni fi
mootummoonni idil-addunyaa walii-galteewwan eegumsa mirga dhala namaa idiladdunyaa mallatteessanii waan jiraniif, gocha hammeenyaa humnoonni mootummaa
Itoophiyaa uummata nagaa irratti raawwachaa jiran mormuufi balaaleffachuudhaan
ga’ee fi itti gaafatamummaa isaan irraa eegamu sirnaan bahachuu qabu. Hawaasni
addunyaa gocha akkanaatiif tarkaanfii fudhachuu dhabuu fi callisanii ilaaluun
biyyoota biroo keessatti duguuggaa sanyii akka fide qalbifachuun barbaachisaadha.
Adda Bilisummaa Oromoo
Finfinnee, Fulbaana 26, 2022