Uummanni Oromoo Hammeenyaa fi Ajjeechaa Seera Idil-addunyaa Cabsuun Irratti Raawwatamaa Jiru Of-irraa Ittisuu Qaba!

 

Uummanni Oromoo Hammeenyaa fi Ajjeechaa Seera Idil-addunyaa Cabsuun Irratti Raawwatamaa Jiru Of-irraa Ittisuu Qaba!

Ajjeechaa Uummata Nagaa Oromoo Irratti Raawatame Ilaalchisee Ibsa Adda Bilisummaa Oromoo | Fulbaana 5, 2022.

Mootummaan Itoophiyaa baroota darban keessa impaayera Itoophiyaa bulchaa ture qabsoo uummata Oromoo to’achuudhaaf jecha uummattoota naannoolee biroo keessaa fiduudhaan Oromiyaa keessa qubachiisee ture, jira. Caasaan mootummaa maqaa qubsumaa jedhuun Oromoo lafa isaa irraa buqqaasuudhaaf uummata dirqiidhaan qubachiisaa turan. Qubattoonni kunniin madda basaasaa fi milishaa tahuurra darbanii uummata naannoo irratti hanga funyaanitti hidhatanii jiru. Tibbana mooraawwan qubsumaa kunneen lafee dugdaa waraanaa fi basaasaa mootummaa Federaalaa hidhattoota Faanoo jedhaman Mootummaa Naannoo Amaaraa irraa gara Oromiyaatti akka seenaniif haala mijeessee jira.

Gaafa guyyaa Hagayya 30 2022 hidhattoonni Miliishaa Qubattootaa kunneen qubattoota naannichaa fi caasaa nageenyaa mootummaan deeggaramanii Mootummaa Naannoo Oromiyaa keessa, Godina Horro Guduruu, magaalaa Agamsaa, weeraruun maanguddoota, dargaggoota, fi dubartoota dabalatee namoota 65 ol ta’an haala suukaneessaadhaan ajjeesuun isaanii ni yaadatama. Hidhattoonni kunnii loon, meeshaalee suuqii fi meeshaalee manaa saamanii jiru. Gaafa guyyaa Fulbaana 3, 2022 ammoo gareen hidhattootaa kun Bulchiinsa Naannoo Oromiyaa keessa, Aanaa Horroo Bulluq, Bone Abuna Fi Gudina Abuna (Ganjii) keessatti namoota nagaa 31 ajjeesuudhaan, namoota hedduun isaanii madaa’anii, qabeenyi saamamee, barbaadaa’ee jira. Humnoonni Federaalaa uffata siiviilii uffachuun qaama humna “Faannoo” fakkaachuun gocha kana akka raawwatan mirkanaa’ee jira.

Addi Bilisummaa Oromoo, ajjeechaan Bulchinsa Naannoo Oromiyaa, Aanaa Gullisoo, ganda Diillaa Gogolaa, Tolee, Abuna Gindabarat fi Godina Shawaa Kaabaa keessatti lammiilee Oromiyaa irratti raawwatamee fi akkasumas ajjeechaa suukaneessaa miseensota Abbooti Gadaa Karrayyuu irratti raawwatame gadi jabeessee balaaleffatee ture. Ajjeechaan kun hundi gareewwan caasaa mootummaa waliin hidhata qabaniin ykn bakka humnoonni mootummaa beekaniis ta’e osoo hin beekin gareewwan hidhatan waliin hiriiruudhaan nageenya mirkaneessuu waan dhabaniif kan raawwatame ta’uu shakkina. Haleellaan akkanaa komii uummata Oromoo yookaan dhaabbilee siyaasaa Oromoo irratti babal’isuudhaan ittiin Oromoo lafa isaa irraa buqqaasuudhaaf jecha uummata nagaa irratti raawwatame. Hoggantoota caasaa mootummmaa keessa jiran dabalatee qooda fudhattoonni mootummaa wayita gareewwan Oromootu ajjeechaa raawwate jedhame ba’anii ifatti balaaleffachaa kan turan yoo ta’u, wayita Oromoon ajjeefamu ammo callisanii jiru.

Ajjeechaa suukaneessaan akkanaan ilmaan Oromoo irratti raawwatamu kun yeroo impaayerri Itoophiyaa jaarraa 19ffaa keessa Minilik fi Kitillayyoo isaatiin hundeeffamtee kaasee haga ammaatti osoo addaan hin citin itti fufee raawwatamaa jira. Kunis mala ittiin to’atamu tokko illee osoo hn argatin akkanumaan itti fufuuf deema. Dhabachuu kan danda’u yoo Oromoon waliin ka’ee ofirraa ittise qofa. Caasaan mootummaa gocha hammeenyaa fi ajjeechaa Oromoo irratti raawwatamuuf gara laafina hin qabne ifatti arginee waan jirruuf, uummanni Oromoo tokkummaan ka’ee ijoollee isaa, shamarran, maanguddootaa fi dubartootaa fi qabeenya isaa akka tikfamu waamicha dhiyeessina. Barri ajjeefamuu fi dararamuu xumura argachuu qaba. Waggoonni afran darban, yeroo kamiyyuu caalaa, ajjeechaan Oromoo irratti raawwatamu gareewwan aangoo irra jiran biratti gocha gammachiisaa fi seera qabeessa waan ta’e fakkaata.

Akkasumas hawaasni idil-addunyaa bu’uura tumaalee seera idil-addunyaa fi pirootokoolii eegumsa mirga namoomaatiin dirqama isaanii akka ba’an waamicha dhiyeessina. Kanaanis gocha akkanaa balaaleffachuu qofa osoo hin taane mootummaa lammiilee isaa gidduutti loogii uumuudhaan du’a uummata nagaa bu’aa siyaasaaf itti fayyadamu kana tumsuu dhaabuu qabu.

Injifannoon Uummata Bal’aaf!
Fulbaana 5, 2022
Addaa Bilisummaa Oromoo
Finfinnee