Adeemsi Bu’aa Xixiqqoon Sossobuu Rakkoolee Caasaa Siyaasaa fi Diinagdee Furuu Hin Danda’u

 

Adeemsi Bu’aa Xixiqqoon Sossobuu Rakkoolee Caasaa Siyaasaa fi Diinagdee Furuu Hin Danda’u

Imaammata Dabaa Dhaabbata Safaarikoom ilaalchisuun ibsa ABO

 

Qacarrii hojjettootaa tarkaanfiin dhiyeenya kana dhaabbanni Safaarikoom(Safaricom) fudhate haqa-qabeessummaan akka itti hanqatu ifatti agarsiiseera. Adeemsa haqaan alaa kanaa mormuudhaanis durummaan Oromoonni kan itti hirmaatan duulli bal’aan karaa miidyaalee hawaasaa akka gaggeeffamu taasiseera.

Addi Bilisummaa Oromoo gochoota haqa faallessuun sagalee dhageessifamuu fi sochiilee bifa hundaan taasifaman ni jajjabeessa. ABOn hacuuccaa bifa kamiituu ni balaaleffata.

Mirgi hojii walqixaaf hiree argachuu ibsituu bilisummaa diinagdee keessaa isa tokko dha. Safaarikoom keessatti haqa-dhabeessummaan adeemsa qacarrii hojjettootaa keessa jiru hanga ammaa kan ifa hin taanee fi amma kan ifa baheef maaliif akka as bahe ifa miti. Kunis madaa Oromoo irra deebiin kan tuqe ta’eera. Haa tahu malee, dargaggoonni Oromoo mirgoota siyaasaa fi diinagdee kan waliigalaa irratti fuuleffachuu mannaa, dhimma hagoo akkasiirratti akka fuulaffatan taasifamuu eeyyamuu hin qaban.

Ummanni Oromoo waggoota dhibba tokkoo oliif dhaabbilee fi kaampaaniilee guguddoo akka Baankii Dandalaa Itoophiyaa, Daandii Xiyyaaraa Itoophiyaa, Itiyoo-telekoom, fi seektara diinagdee kanneen akka fidchisiisuu fi erguu, ijaarsa Riil-isteetii, Industirii fi sektaroota daldalaa biyya keessaa irraa tooftaadhaan moggeeffameeera. Moggeeffamuu Oromoo kanas Muummee Ministeeraa ammaa dabalatee aangawootni mootummaa ol’aanoon Paarlaamaa Federaalaa duratti mirkaneessanii jiru.

Kan Safaariikoom keessatti raawwatame Oromoo tooftaadhaan moggeessuu biyyattii keessatti deemaa jiruuf mul’istuu tokko yoo ta’u, kanas gochaa Safaariikoom qofaa akka taheetti dhiyeessuuf yaaluun bilisummaa siyaasaa fi diinagdee fuula hundaa mirkaneessuuf qabsoo dargaggoonni Oromoo gaggeessaa jiran kallattii isaa jijjiirsisuuf shira xaxame dha. Adeemsi Oromoo tooftaadhaan moggeessuu kun hundee kan gadi fageeffatee fi caasaalee diinagdee fi siyaasaa biyyattii keessatti siranuurraa kaampaaniileen idil addunyaatis sirnuma moggeessaa diriirfame kana akka faana dhawuun hojjetan taasisuu isaatiif ragaa biroo ti. Kunis invastimantii kallattii kan biyya alaa dabalatee caasaaleen diinagdee, mootummaa sirna cunqursaa siyaasaa fi diinagdee deeggaruun hanga tumsamanitti, haqa waakkatamuun baratamee fi sirni moggeessuu ammas akka itti fufus ifatti agarsiisa. Diraamaan kuni murna bu’aa siyaasaa argachuudhaaf hamoommatee fi yeroo murtaa’e booda as bahuun ‘dhimmichi furmaata argate’ jechuuf jiruun kan qindeeffamedha jennee amanna.

Waliigalatti Ummanni Oromoo addattis dargaggoonni Oromoo furmaanni jiru tokkichi, seerota mirga fi dantaa Oromoo tiksuuf baafaman kabajchiisuuf karaa dimokraatawaan filame dhugoomsuuf qabsaawuu qofa tahuu hubachuu qabu. Adeemsi irra qicaa fi bu’aa Xixiqqoon Sossobuu kallattii xiyyeeffannaa jijjiiruu fi dhaabbilee farra-dimokraasii fi qaamolee mootummaa rakkoo caasaa fi sirnaa qabaniif umrii dheeressuu kan akeekkate dha.

 

Injifannoo Ummata Bal’aaf!

Adda Bilisummaa Oromoo

Hagayya 17, 2022

Finfinnee