Ayyaana Waggaa 34ffaa Tamsaasa Raadiyoo Sagalee Bilisummaa Oromoo (SBO)

Ayyaana Waggaa 34ffaa Tamsaasa Raadiyoo
Sagalee Bilisummaa Oromoo (SBO)
Waxabajjii 18, 2022

Sagaleen Bilisummaa Oromoo (SBO) waggaa 34ffaa tamsaasa raadiyoo itti eegale Waxabajjii 18, bara 2022 kabajata. SBOn guyyaa itti hundeeffame, Waxabajjii 15, bara 1988 irraa qabee hanga har’aantanaatti adeemsa qabsoo dheeraa keessatti carraaqqii qilleensa irraa dhaamsuuf diinni taasisu hundumaa dandamatee gumaacha ol’aanaa waliin waggaa 34ffaa isaa kabajuuf qophaawaa jira. Kurmaana bardhibbee tokkoof ummata Oromoo barsiisuu, ijaaruu fi qabsoo hiree murteeffannaaf kakaasuudhaan gumaachi SBOn taasisaa yoona gahe arraata ABO kana miidiyaalee dhimma qabsoo Oromoof hundaawan kamuu keessaa isa hangafa taasisa.

Ayyaana Waggaa 34ffaa, guyyaa hundeeffama SBO kana ummata keenya Oromiyaa fi addunyaa mara irratti argamu waliin yoo kabajannu gammachuu gudaatu nutti dhagahama. Hundi keessanuu bakkuma jirtanitti nu waliin tahuun ayyaana seena-qabeessa kana irraa akka qooda fudhattan afeeramtanii jirtu.

Waggoottan 34n dabraniif SBO jiraachisuuf karaa adda addaa haala seenaan hin daganneen warra gumaachaa turtan maraaf galatni bilisummaa dha. Ayyaana kana milkeessuuf, akkasumas, gara fuula duraattis SBO raadiyoo keessan tamsaasa irra jiraachisuuf karaa maallaqaa, yaadaa fi gorsa ijaaraa gumaachuun akka nu cinaa dhaabbattan hiree kanaan waamicha goona.

Ayyaanichi kan geggeeffamu karaa sararaa ZOOM ta´a, linkii isin beeksisna.

Nu qunnamuuf:
E-mail: sbo.radio88@gmail.com
Injifannoo Ummata Oromoof!
Koree SBO Idil Addunyaa