Du’aan Boqotuu Artist fi Qabsawaa Hangafaa Nuhoo Gobana Ilaalchisee Ibsa Gaddaa ABO

Ibsa ABO- Amajjii 20, 2022

Artist fi Qabsa’aan Hangafti Jaal Nuhoo Mahammad Gobanaa du’aan boqochuu isaa yeroo dhageenyu Gaddaa guddatu nutti dhagaa’ame. Jaal Nuhoo Muhammad Gobanaa Qabsoo Bilisummaa Oromoo ABOn durfaamu keessatti qooda seenaan hin daganee goota qabudha.

 

Jaal Nuhoon bara 1948 Baha Oromiyaa, Baha Harargee, Jaarsoo, Ganda Lagamixeetti Abbaa isaa Obbo Mahammad Goobanaa fi haadha isaa Addee Faaxumaa Adam irra dhalate. Ijoollummaa isaan Sirba kan Eegale Jaal. Nuhoo Gobanaa sababa wallee Afaan Oromoo sirbuuf bara Dargii qabamuun Magaalaa Dirree Dhawaatti hidhame ture, yeroo gabaabaa booda hidha irra akkuma ba’een baqattummaan biyya Jibuuti seene. Albama sirba isaa jalqabas achumaa Jibuutitti hojjette. Jaal Nuhoo Gobanaa Albama isaa lamaffaa ammoo Saawud Arabiyaatti hiriyyaa isaa Artist Elemoo Alii waliin hojjettee walleewwan Waraqsaa hedduu weellisuun uummata isaa dammaqsa, barsiisaa ture. Jaal Nuhoo Gobanaa jiruu baqattummaan biyyoota akka Jibuutii, Yemen, Saawud Arabiyaa, Italiyaa fi Kaanaadaa keessa jiraacha yeroo turetti caayaa Oromoo biyya alaa keessatti Oromummaa leellisuufi gad dhaabu keessatti ga’ee gudda ba’aata nama turedha. Sabaa isaa gudda kan jallatu Artist fi Qabsa’aan hangafti Nuhoo Gobanaa bara 1991 yeroo Dargiin kufee Mootummaan Cehumsaa Itoopiyaa hunda’ee Waamicha Dhaabba isaa ABO fudhate Kanadaa irraa Oromiyaa dhufuun Wallee Waraqsaa heddu sirbun uummata isaa dammaqsa ture. Erga ABOn dhiibamee Mootummaa Cehumsaa keessaa ba’u innis gara Kanaadaatti deebi’un Qabsoo Bilisummaa Oromoo ABOn durfaamu tumsa ture wallee adda addas hojjechuun uummata isaa dammaqsa ture. Kanaadaa irra gara Ertiraa deemuun Mooraa Waraana Bilisummaa Oromoo WBOtti argamun sirban WBO jajjabeesun Viidiyoo WBO waraabuun Uummata Oromoo biyya alaa jiraniif dhaamsa WBO qaqqabsiisa ture. Jaal Nuhoo Gobanaa Abbaa ijoollee 6tti yammuu ta’u ijoolleen isaa 4 biyya alaa kan jiru 2 ammoo Oromiyaa jiru. Jireenya isaa guutuu Qabsoo Bilisummaa Oromoo tumsun Tokkummaa uummata isaa lallabaa kan dabarsee Jaal Nuhoon akeekka bilisummaa Oromoo irra osoo hin maqiin dhibee Narviifi dhibee keessootiin qabamee yeroo dheeraaf wal’aansarra erga tureen booda, Amajjii 18, 2022 Magaalaa Adaamaa Mana Jireenya isaatti lubbuun isaa darbe. Addi Bilisummaa Oromoo maatii isaaf, firootta isaaf, wahilan isaa fi akkusumaa Qabsaawota Bilisummaa Oromoo fi Uummata Oromoo bal’aaf jajjabina hawwa.

Injifatnoo Ummata Bal’aaf!

Amajjii 20, 2022

Finfinnee