Boordiin Filannoo Itoophiyaa Mana Jireenyaa Hayyu-Dureen ABO Jaal Daawud Ibsaa Waggaa Tokkoo Oliif Keessatti Hidhaman Daawwachuudhaan Akka Gadhiifamaniif Haala Mijeessee Jira

 

Boordiin Filannoo Itoophiyaa Mana Jireenyaa Hayyu-Dureen ABO Jaal Daawud Ibsaa Waggaa Tokkoo Oliif Keessatti Hidhaman Daawwachuudhaan Akka Gadhiifamaniif Haala Mijeessee Jira

Hayyu-Dureen ABO Jaal Daawud Ibsaa Bitootessa 03/2021 irraa eegalee mana jireenyaa isaanii keessatti hidhamanii turuun ni yaadatama.

Boordiin Filannoo Itoophiyaa dhimma mana jireenyaa keessatti hidhamuu Hayyu-Duree ABO Jaal Daawud Ibsaa akka qorataniifi haala akkam irratti akka argaman akka adda baasaniif gaafa guyyaa Guraandhala/February 28/2022 qondaaltota isaa gara mana jireenyaa Hayyu-Dureetti ergee jira.

Boordiin Filannoo daawwannaa qondaaltota isaa kanarratti hundaa’uudhaan abbootii taayitaa dhimmi ilaallatuuf xalayaa barreessee jira. Boordiin Filannoo Itoophiyaa xalayaa isaa kana keessatti sarbiinsi mirga namummaa raawwatamuufi Jaal Daawud Ibsaa seeraan ala hidhamuu isaanii eeree jira. Kanumaan boordichi Hayyu-Dureen ABO atattamaan akka gadhiifaman kan gaafate yoo ta’u, kunis Boordiin Filannoo gaafa guyyaa Bitootessa 10/2022 mana jireenyaa Hayyu-Dureetti argamuudhaan dhimmoota barbaachisoo ta’an irratti akka mari’ataniif daandii kan saaqe yoo ta’u, marii kanaanis Hayyu-Dureen ABO Jaal Daawud Ibsaa akka lammii tokkootti walaba ta’anii akka socho’aniifi dirqama akka hayyu-duree paartii siyaasaa tokkootti qaban sirnaan akka ba’aniif haala mijeessuun barbaachisaa ta’uu dhaamanii jiru.

Dhimmi kun irra deddeebiidhaan dhiyaachaa waan tureef, Boordiin Filannoo waa’ee dhimmichaa sirriitti quba qaba. Kanumaan boordichi dhimma kanarratti xiyyeeffannoodhaan akka hojjetu waadaa galee jira. Addi Bilisummaa Oromoos kaka’umsa haaraa boordichi agarsiise kana dinqisiifachuu dhaan, haaluma waadaa seeneen fuulduratti akka tarkaanfatu abdiidhaan eegaa jira.

Kanaaf, kaka’umsa gaarii Boordiin Filannoo Itoophiyaa agarsiisaa jiru kanaaf galateeffachaa, hidhamtoonni siyaasaa marti hiikamanii marii ijaarsa sirna dimokirasii Itoophiyaa keessatti ABOn walabummaadhaan akka hirmaatuuf haala mijataa uumuuf cichoominaan akka hojjetan abdii qabna.

Dhumarrattis, namoonniifi dhaabbileen biyya keessaa fi biyya alaa irraa Hayyu-Dureen ABO Jaal Daawwud Ibsaa fi hidhamtoonni siyaasaa Oromoo biroon akka hiikamaniif dhiibbaa gochaa turtan tumsa keessaniif ABOn hedduu isin galateeffata.

Jijjiirami gama kanaan argame, tumsa isin gumaachitaniifi aarsaa isin kaffalataniin ta’uu isin beeksiuu barbaanna. Kanaaf ammas irra deebinee isin galateeffanna.

Injifannoo Uummata Bal’aaf!

Adda Bilisummaa Oromoo

Finfinnee